Aduu 🔘
Miirakoo To'attee
Na Tasgabbeessita
Hamilee Natti Hortee
Ana jabeessita.
Gaafan Abdii Kutee
Yaannikoo Jeeqamu
Gaafa Hunduu Dide
Maqaa Kankoo Waamuu,
Dallanee Itti Dhiisee
Aarin Yoon Suntuuru
Dafee Natti Argama
Harki Kan kee hin Turu.
Kaan Waliif Birmata
Ulaagaa Lakkaa'ee
Kaan Wal Teessifata
Teessoo Irraa Ka'ee.
Kaan Lagaan Wal Waama
Gandatti Deebi'ee
Kaan Sanyii Himata
Hidda Isaa Lakkaa'ee.
Inni Keessa Qabne
Ulaagaa Isaanii
Homaa Gatiin qabu
Dafqi Isaa Bishaani.
Kansaa Hin Mul'atuu
Ulaagatuu Dhokse
Gaari Inni Dalage
Jallinatti Maqse.
Fedha Uumaa Taanan
Fudhachuun Hin Oolu
Waan Waaqni Sirreessuuf
Ani Nama Hin Lolu.
Hunduu Arguuf Jira
Gatii Isaa Safaree
Gaaftokko Nan Kolfa
Anis Hamman Aare.
Gatiin Dadhaboota
Waaqa Biraa Hin Badu
Nuufis Baasaa Jira
Kan Hin Dhaamne aduu.
⬇️
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。💎
#share
#join
Miirakoo To'attee
Na Tasgabbeessita
Hamilee Natti Hortee
Ana jabeessita.
Gaafan Abdii Kutee
Yaannikoo Jeeqamu
Gaafa Hunduu Dide
Maqaa Kankoo Waamuu,
Dallanee Itti Dhiisee
Aarin Yoon Suntuuru
Dafee Natti Argama
Harki Kan kee hin Turu.
Kaan Waliif Birmata
Ulaagaa Lakkaa'ee
Kaan Wal Teessifata
Teessoo Irraa Ka'ee.
Kaan Lagaan Wal Waama
Gandatti Deebi'ee
Kaan Sanyii Himata
Hidda Isaa Lakkaa'ee.
Inni Keessa Qabne
Ulaagaa Isaanii
Homaa Gatiin qabu
Dafqi Isaa Bishaani.
Kansaa Hin Mul'atuu
Ulaagatuu Dhokse
Gaari Inni Dalage
Jallinatti Maqse.
Fedha Uumaa Taanan
Fudhachuun Hin Oolu
Waan Waaqni Sirreessuuf
Ani Nama Hin Lolu.
Hunduu Arguuf Jira
Gatii Isaa Safaree
Gaaftokko Nan Kolfa
Anis Hamman Aare.
Gatiin Dadhaboota
Waaqa Biraa Hin Badu
Nuufis Baasaa Jira
Kan Hin Dhaamne aduu.
⬇️
✨。\|/。🌺
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。💎
#share
#join