Cholle Tech


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha


๐Ÿ“ฑ Your #1 destination for everything tech โ€” mobile tips & tricks, privacy guides, app reviews, and the latest digital news. Level up your tech knowledge daily. ๐Ÿ”’
Buy ads: https://telega.io/c/Cholletech

Bogโ€˜liq kanallar  |  Oโ€˜xshash kanallar

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


Cholle Tech dan repost
โœ… Telegram irratti Lakkoofsa Bilbilaa keenya nama biroo biratti akka mulโ€™anne akkamitti gochuu dandeenya ?

๐Ÿ’ก Namni isin hin beekne lakkoofsa keessan akka hin argine yoo barbaaddan, steeppii armaan gadii hordofaa:

1๏ธโƒฃ Telegram.ย 

2๏ธโƒฃ Gara Settings (โš™๏ธ mallattoo gubbaa jiru) deemaa.ย 

3๏ธโƒฃ Privacy and Security filadhaa.
ย 
4๏ธโƒฃ Phone Number iddoo jedhu irratyi cuqaasaa.ย 

5๏ธโƒฃ Who can see my phone number? jalatti:ย 
โœ… Nobody kan jedhu filadhaa .ย 

6๏ธโƒฃ Who can find me by my number? jalatti:ย 
โœ… My Contacts ykn Nobody filadhaa.ย 

๐Ÿ” Erga kana gootan booda, lakkoofsi bilbilaa keessan nama isin hin beekne biraattis hin mulโ€™atu!

#Telegram #Privacy #CholleTech #TechTipsAfaanOromoo


๐Ÿ“ฑYeroo dheeraaf chaarjii irraa akka fagaattan yoo beektanii fi bilbilli keessan akka turu mirkaneeffachuu yoo barbaaddan haala humna qusachuu qofa ibsuu. Haala kanaan, waaโ€™ee baatiriin gadi buโ€™uu yaaddaโ€™uu hin qabdu.


Jalqaba gara
#Settings tti qajeeli, achiis #Battery and device care tuqi. #Battery tuqi, achiis Power saving tuqi. Iswiichii sana tuquun ibsuuf. Kunis wantoota tokko tokko meeshaa keessan irratti, kan akka fayyadama networkii duubaa fi walsimsiisuu ni daangessuu.

โœ…Filannoo humna qusachuu dabalataa akkasumas fayyadamuu dandeessa:


1.Yeroo hunda Agarsiisa Irratti Cufi: Kun amala Yeroo hunda Agarsiisa Irratti Argamu ni hanqisa.

2.Saffisa CPU gara 70%tti daangeessuu: Saffisa adeemsa meeshaa keessanii hir'isa.

3.Ifa %10 hirโ€™isuu: Filannoo kana tuquun iskiriinii meeshaa keessanii %10n dukkanaaโ€™aa.

โœ…Apps fi Home screen daangeessuu: Filannoon kun sochii duubaa daangessuudhaan, Home screen salphaa ta'e fayyadamuun, fi apps jiran daangeessuudhaan humna guddaa qusachuu siif kenna. Akkasumas Edge panels ni dhaamsa.

Filannoowwan kana ibsuuf ykn dhaamsuuf, Power saving hanqifamuu qaba. Erga sirreeffama barbaadde gootee booda, Power saving deebiftee ibsuu dandeessa. Akkasumas appii hin fayyadamne setting apps rafaa qabaniin rafuudhaan humna baatirii qusachuu dandeessu.

๐Ÿ”ˆHubachiisa: Meeshaaleen One UI 2.5 fi isaa gadi qaban filannoowwan humna qusachuu adda addaa ni qabaatu, kanneen akka Optimized, Medium power saving, fi Maximum power saving. Filannoowwan kana argachuuf, Sajoo banaa, Device care tuqi, Battery tuqi, achiis Power mode tuqiโ€Œโ€Œ


Cholle Tech dan repost
๐Ÿ”๐Ÿ’ธ Maallaqa Keessan Saamtoota Dijitaalaa Irraa Eegaadhaa!

โŒ Dogoggora 6 fayyadamtoonni Mobile Banking Yeroo Kamiyyuu hojjachuu hin qabne.

Mobile banking fayyadamuun maallaqa keenya sochoosuu fi tajaajilamuuf salphaa taสผus, saamtoota fi yakka dijitaalaatiif karaa salphaa taสผuu dandaสผa. Kanaaf of-eeggannoo armaan gadii hordofuun baayสผee barbaachisaa dha ๐Ÿ‘‡

1๏ธโƒฃ PIN keenya namaaf qooduu dhabuu

โŒPIN mobile banking keenya Lakkoofsota salphaa fayyadamuu him qabnu (1234, 0000, bara dhalootaa)

๐Ÿ”„ PIN keenya yeroo yeroon jijjiiruu.
๐Ÿšซ Nama kamiifuu PIN keenya kennuu hin qabnu.

2๏ธโƒฃ Koodii OTP namaaf kennuu dhabuu

๐Ÿ“ฉ Koodiin lakkoofsa 4 ykn 6 SMSโ€™n dhufu Kan dhuunfaa keenya qofa.

๐Ÿšจ OTP kennuun = furtuu maallaqa kee kennuu dha

3๏ธโƒฃ Liinkii sobaa (Phishing) irraa of-eeguu.

โš ๏ธ Ergaan akka โ€œHerregni kee cufameeraโ€ ykn โ€œBadhaasa moสผatteettaโ€ jedhan fa'a soba waan ta'eef soba ta'uu irraa of eeguu.

๐Ÿ”— Liinkii shakkisaa tuquu him qabnu.
๐Ÿ“ž Lakkoofsa bilbila baankii Isa sirrii qofa beeknee fayyadamuu (fakkeenyaaf CBE: 951)

4๏ธโƒฃ Appii baankii Isa sirrii qofa fayyadamuu

โœ… Appii baankii Play Store ykn App Store irraa qofa buufachuu qabna.
๐Ÿšซ Appii Telegram ykn Bluetooth irraan nuuf ergame install gochuun fayyadamuu dhabuu
๐Ÿ”„ Appii yeroo yeroon update gochuu.

5๏ธโƒฃ Wi-Fi uummataa fayyadamuu irraa of qasachuu

๐Ÿ“ก Kaafee, hoteela ykn buufata xiyyaaraa kessssatti mobile banking fayyadamuu irraa of qasachuu qabna.

๐Ÿ“ฑYeroo Mobile banking fayyadamuu Deetaa bilbila mataa keenyaa qofa fayyadamuu qabna.

6๏ธโƒฃ Bilbila keenya eegachuu

๐Ÿ”’ Screen lock (PIN, Fingerprint ykn Face ID) bilbila keenyatti godhachuun fayyadamuu.

๐Ÿšช Mobile banking fayyadamnee yoo xumurre logout gochuu qabna.

๐Ÿ“ฉ SMS alert banachuunโ€“ sochiin maallaqaa keenya baruun barbaachisaadha.

๐Ÿšจ Bilbilli keenya yoo bade ykn maallaqni yoo hatame:

โ˜Ž๏ธ Mobile banking keenya ariitiin akka cufamu gochuu.
๐Ÿ“ต SIM card keenya dafnee cufsiisuu.

โœ… Namoota biroof share gochuun hattuu digitaalaa irraa of eegaa.

#Cholletech #mobilebankingfraud #info #techtips


๐‘ป๐‘ฝ ๐’Œ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’ ๐‘พ๐’Š-๐‘ญ๐’Š ๐’˜๐’‚๐’๐’Š๐’Š๐’ ๐’˜๐’‚๐’๐’’๐’–๐’๐’๐’‚๐’Ž๐’”๐’Š๐’Š๐’”๐’–๐’–๐’ (๐’„๐’๐’๐’๐’†๐’„๐’• ๐’ˆ๐’๐’„๐’‰๐’–๐’–๐’) sagantaalee adda addaa, viidiyoo fi fiilmii toora intarneetii irraa kallattiin daawwachuuf filannoo gaariidha. Haalli itti fayyadamaa fi walqunnamsiisuu akkaataa gosa TV keessanii irratti hundaa'a.

1.๐‘จ๐’Œ๐’Œ๐’‚๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐‘บ๐’Ž๐’‚๐’“๐’• ๐‘ป๐‘ฝ ๐‘พ๐’Š-๐‘ญ๐’Š ๐‘พ๐’‚๐’๐’Š๐’Š๐’ ๐‘พ๐’‚๐’๐’’๐’–๐’๐’๐’‚๐’Ž๐’”๐’Š๐’Š๐’”๐’‚๐’
Yoo TV'n keessan Smart TV (kan intarneetii ofiin fudhatu) ta'e, tarkaanfiiwwan armaan gadii hordofaa:

=>>๐‘บ๐’†๐’•๐’•๐’Š๐’๐’ˆ๐’” ๐‘ฉ๐’‚๐’๐’‚๐’‚:Rimoottii (Remote) TV keessanii irraa furtuu Settings ykn mallattoo giirii (โš™๏ธ) tuqaa.

=>>๐‘ต๐’†๐’•๐’˜๐’๐’“๐’Œ ๐‘ญ๐’Š๐’๐’‚๐’…๐’‰๐’‚๐’‚: Kan itti aanee dhufu keessaa filannoo Network ykn Network & Internet jedhu barbaadaa.

=>>๐‘พ๐’Š-๐‘ญ๐’Š ๐‘บ๐’‚๐’‚๐’’๐’‚๐’‚:Itti aansuun Wi-Fi ykn Wireless kan jedhu filachuun 'On' godhaa.

=>>๐‘ด๐’‚๐’’๐’‚๐’‚ ๐‘พ๐’Š-๐‘ญ๐’Š ๐‘ญ๐’Š๐’๐’‚๐’…๐’‰๐’‚๐’‚: Maqaa Wi-Fi keessanii (Network name) tarree dhufe irraa filadhaa.

=>>๐‘ฐ๐’„๐’„๐’Š๐’•๐’Š๐’Š ๐‘ฎ๐’‚๐’๐’„๐’‰๐’‚๐’‚: Iccitii (Password) Wi-Fi keessanii sirritti galchaa, sana booda Connect ykn OK tuqaa. "Connected" kan jedhu yoo agarsiise milkooftaniittu.

2. ๐’€๐’๐’ ๐‘ป๐‘ฝ'๐’ ๐‘ฒ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’ ๐‘บ๐’Ž๐’‚๐’“๐’• ๐‘ป๐‘ฝ ๐‘ป๐’‚'๐’–๐’– ๐‘ฉ๐’‚๐’‚๐’•๐’† ๐‘ฏ๐’๐’?
TV'n keessan bifa durii ykn intarneetii kan ofiin hin fudhanne yoo ta'e, meeshaalee dabalataa fayyadamuun gara Smart TV'tti jijjiiruu dandeessu:

=>>๐™๐™‘ ๐˜ฝ๐™ค๐™ญ(Fakkeenyaaf, Android TV Box ykn Apple TV): Meeshaalee kana karaa portii HDMI TV keessaniin walqunnamsiisuun Wi-Fi itti guuttee appilikeeshiniiwwan adda addaa buufachuu dandeessu.

=>>๐‘ช๐’‰๐’“๐’๐’Ž๐’†๐’„๐’‚๐’”๐’• ๐’š๐’Œ๐’ ๐‘ญ๐’Š๐’“๐’† ๐‘ป๐‘ฝ ๐‘บ๐’•๐’Š๐’„๐’Œ: Meeshaa xiqqaa flash USB fakkaatu kana HDMI TV irratti suuquun, bilbila keessan (fakkeenyaaf Infinix ykn Honor kamiyyuu) irraa kallattiin gara TV'tti viidiyoo dabarsuu (cast gochuu) dandeessu.

๐‘ญ๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’…๐’‚๐’‚๐’˜๐’˜๐’‚๐’ ๐‘ป๐‘ฝ ๐’‡๐’Š ๐‘พ๐’Š-๐‘ญ๐’Š ๐‘พ๐’‚๐’๐’’๐’–๐’๐’๐’‚๐’Ž๐’”๐’Š๐’Š๐’”๐’–๐’–๐’ ๐‘ธ๐’‚๐’ƒ๐’–:

=>>๐‘จ๐’‘๐’‘๐’Š๐’๐’Š๐’Œ๐’†๐’†๐’”๐’‰๐’Š๐’๐’Š๐’Š๐’˜๐’˜๐’‚๐’ ๐‘ฒ๐’‚๐’๐’๐’‚๐’•๐’•๐’Š๐’Š๐’ ๐‘ญ๐’‚๐’š๐’š๐’‚๐’…๐’‚๐’Ž๐’–๐’–:YouTube, Netflix, Amazon Prime, fi kanneen biroo bilbila malee TV irraa kallattiin daawwachuu.

=>>๐™Ž๐™˜๐™ง๐™š๐™š๐™ฃ ๐™ˆ๐™ž๐™ง๐™ง๐™ค๐™ง๐™ž๐™ฃ๐™œ (๐™ ๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™ž๐™ž๐™ฃ ๐˜ฟ๐™–๐™—๐™–๐™ง๐™จ๐™ช๐™ช):Suuraa, viidiyoo, ykn geemii bilbila keessan irra jiru guutummatti Scriinii bal'aa TV irraatti mul'isuu.

=>>๐‘พ๐’†๐’ƒ ๐‘ฉ๐’“๐’๐’˜๐’”๐’†๐’“: Akka kompiwtaraatti weebsaayitoota adda addaa odeeffannoo dubbisuu ykn barbaaduu.

=>>๐‘บ๐’๐’‡๐’•๐’˜๐’‚๐’“๐’† ๐‘ผ๐’‘๐’…๐’‚๐’•๐’†: software TV keessanii yeroo yeroon fooyyessuun (update gochuun) nageenya fi saffisa meeshaa keessanii eeguu.


โœ…Best Websites for Students ๐Ÿ“š

Mathematics โž•
math.stackexchange.com
geogebra.org

chemistry ๐Ÿงช
chemguide.com
compoundchem.com

Physics ๐ŸŽ
physicsclassroom.com
physicsfox.org/fundamentals/what-is-physics

Coding ๐Ÿ’ป
html.com : Beginner HTML learning
javascript.info : Complete JavaScript guide
angular.dev/tutorials : Angular tutorials.
nextjs.org/learn : Next.js official education

Medical and health โš•๏ธ
healthline.com
kenhub.com
verywellhealth.com
humanbiomedia.org


โ€ŽGaraagarummaa PROFIT fi PROFITABILITY Gidduu Jiru Maali?
โ€Ž
โ€ŽFakkeenya...
โ€Ž
โ€ŽMeeshaalee lama wal bira qabnee haa ilaallu:
โ€Ž
โ€ŽMeeshaan Tokko:
โ€Ž- Qarshii 700n bitamee 1,000tti gurgurama.
โ€Ž
โ€Ž PROFIT ykn BU'AAn isaa 1000 - 700 = 300
โ€Ž
โ€ŽProfit meeshicha kanarra argamu qarshii 300 ta'a jechuudha.
โ€Ž

โ€ŽMeeshaa lammaffaa:
โ€Ž- Qarshii 300n bitamee 500tti gurgurama.
โ€Ž
PROFIT isaa = 500 - 200 = 300
โ€Ž
โ€ŽKunillee PROFIT isaa qarshii 300 ta'a jechuudha.
โ€Ž
โ€ŽQarshiidhaan yoo ilaalle... lachuu BU'AA walqixa ta'e argamsiisu, qarshii 300.
โ€Ž
โ€ŽGaruu...
โ€ŽParsantiidhaan yoo ilaalle:
โ€Ž
โ€ŽInni duraa:
Profit % = (300 / 1000) ร— 100 = 30%
โ€Ž
โ€ŽInni lammaffaa:
Profit % = (300 / 500) ร— 100 = 60%
โ€Ž
Kamtu irra bu'aa qabeessa?
โ€ŽIsa lammaffaadha.
Maaliif?
โ€Ž
PROFIT isaa parsantiidhaan yoo ilaallu %60dha.
โ€Ž
โ€ŽKanaaf, PROFITABILITY gaarii qaba jechuudha.
โ€Ž
โ€ŽKanaaf,
โ€Ž
โ€Žgaraagarummaan isaanii:
โ€Ž
ยท ROFIT = Bu'aa = lakkoofsaan ibsama
โ€Ž
ยท ROFITABILITY = Bu'a Qabeessummaa = Parsantiidhaan (%) ibsama.
โ€Ž
โ€ŽSalphumatti, meeshaa jalqabaa sana irratti xiyyeeffachuurra, kan lammaffaa irratti yoo xiyyeeffatte irra bu'aa gaarii argatta jechuudha.
โ€Ž
โ€ŽAkka daldalaa tokkoottiโ€ฆ
โ€ŽBu'a qabeessammaa daldala kee sirriitti hubachuuf parsantiidhaan safaruu qabda.


Haata'u malee, meeshaa kamtu irra dafee dafee gurgurama waan jedhus ilaalcha keessa galchuun barbaachisaadha.


#Buโ€™aa_Qormaata_Remidiyalii
Barattoonni bara 2018 A.L.I. sagantaa Remidiyalii keessatti barnoota isaanii hordofaa turan buโ€™aan qormaata isaanii gadhiifameera.
Buโ€™aa keessan ilaaluuf:
๐Ÿ‘‰ https://result.ethernet.edu.et seenaa.
Ergasii:
Remedial Examination jedhu jalatti View Results kan jedhu cuqaasaa.
Username keessan galchaa.
Buโ€™aa qormaata keessanii ilaalaa.
Qormaata sagantaa Remidiyalii biyyaalessaa, kan Caamsaa 27 hanga Waxabajjii 03/2018 A.L.I. kenname irratti, waliigalaan qormaata fudhattoonni 53,620 hirmaachuu isaanii Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa beeksisuu isaa ni yaadatama.
#RemedialResult


Baankiin Biyyaalessaa dhaabbilee tajaajila dabarsa maallaqaaf eeyyama hin qabne ifoomse


Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa hawaasni, miseensonni diyaaspooraa fi maamiltootni bakka buโ€™oota dhaabbilee dabarsa maallaqaa eeyyama hin qabne akka hin fayyadamne akeekkachiisera.

Baankichi ibsa baaseen, hojiiwwan seeraan alaa kun seera Itoophiyaatiin kan dhorkaman taโ€™uu ibseera.

Karaa seeraan alaa kanaan maallaqa erguun yookaan fudhachuun maamiltoota kasaaraa maallaqaa guddaa, harkifannaa kaffaltii, herrega baankii cufamuu ykn daangessuu, akkasumas itti gaafatamummaa seeraa jala ooluu akka dandaโ€™aniif saaxila jedheera.

Maallaqni gara biyya keessaa seenu dabalaa dhufuu waliin walqabatee, lammiileen karaa dabarsa maallaqaa eeyyama seeraa qaban qofa akka fayyadaman Baankiin Biyyaalessaa gorseera.

Karaa seeraan alaa fayyadamuun namoota maallaqa erganis taโ€™e maatii maallaqa sana fudhatan, seerota hojiirra jiran irratti hundaaโ€™uun tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa jala oolchuu akka dandaโ€™u hubachiiseera.

Dabalataanis, Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa dhaabbilee tajaajila dabarsa maallaqaa Itoophiyaatti kennuuf eeyyama hin qabne 17 maqaa isaanii eeruun ifoomsera.

Buโ€™uuruma kanaan;

โžก๏ธAdulis Money Transfer
โžก๏ธAmal Express
โžก๏ธAmal USA
โžก๏ธAmana Express
โžก๏ธAvanti
โžก๏ธAwash Direct
โžก๏ธBakal Money Transfer
โžก๏ธJuba Express
โžก๏ธRasmi Pay
โžก๏ธRemad Pay (yookaan Ramada Pay Kah)
โžก๏ธShigey Money Transfer
โžก๏ธTaj Financial Service
โžก๏ธTasa Pay
โžก๏ธTewakel Money Services
โžก๏ธUSWire
โžก๏ธWorld Direct Link
โžก๏ธZola

Dhaabbileen kunneen tajaajila dabarsa maallaqaa kennuuf eeyyama seeraa kan hin qabne taโ€™uun ibsameera.

Maamiltoonni nageenya maallaqa isaanii eeguuf, akkasumas maallaqni isaanii karaa amanamaa taโ€™een qaama barbaadame bira gaโ€™uu isaa mirkaneessuuf, bakka buโ€™oota dabarsa maallaqaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatiin eeyyamni seeraa kennameef qofa akka fayyadaman baankichi hubachiiseera.

Dabalataan, maallaqa kamiyyuu osoo hin dabarsin dura, dhaabbanni dabarsa maallaqaa filatame seeraan eeyyamameera moo hin eeyyamamne jechuun mirkaneessuuf marsariitii Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa
https://nbe.gov.et/mta/ seenuun ilaaluun akka dandaโ€™amu baankichi beeksiseera.


โœ…โ€ŽNamni ogummaa kana qabu ๐——๐—ฎ๐˜๐—ฎ ๐—”๐—ป๐—ฎ๐—น๐˜†๐˜€๐˜ jedhama.
โ€Ž
โ€ŽOgeessa kana ta'uu yoo barbaadde:
โ€Ž
โ€Ž1. Dura ๐—˜๐˜…๐—ฐ๐—ฒ๐—น baradhu.
โ€Ž2. Itti aansii ๐—ฆ๐—ค๐—Ÿ baradhu.
โ€Ž3. Isaan booda ๐—ฆ๐˜๐—ฎ๐˜๐—ถ๐˜€๐˜๐—ถ๐—ฐ๐˜€ baradhu.
โ€Ž4. Itti fufii ๐—ฃ๐˜†๐˜๐—ต๐—ผ๐—ป baradhu.
โ€Ž5. Isaan booda ๐——๐—ฎ๐˜๐—ฎ ๐—–๐—น๐—ฒ๐—ฎ๐—ป๐—ถ๐—ป๐—ด ๐—ถ๐—ป ๐—ฃ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ๐˜€ baradhu.
โ€Ž6. Dhuma irratti ๐—ฃ๐—ผ๐˜„๐—ฒ๐—ฟ ๐—•๐—œ baradhu.
โ€Ž
โ€ŽAkkamitti?
โ€Ž
โ€Ž- ๐—˜๐˜…๐—ฐ๐—ฒ๐—น barachuuf: https://youtu.be/pCJ15nGFgVg?si=SONcTaGYLy8AgNve
โ€Ž
โ€Ž- ๐—ฆ๐—ค๐—Ÿ barachuuf: https://youtu.be/OT1RErkfLNQ?si=-AJIUMcGMToJHzsK
โ€Ž
โ€Ž- ๐—ฆ๐˜๐—ฎ๐˜๐—ถ๐˜€๐˜๐—ถ๐—ฐ๐˜€ barachuuf: https://youtu.be/Vfo5le26IhY?si=wZY8hqJtv87d9VYS
โ€Ž
โ€Ž- ๐—ฃ๐˜†๐˜๐—ต๐—ผ๐—ป barachuuf: https://youtu.be/K5KVEU3aaeQ?si=QYwAz04oHKZFqrcw
โ€Ž
โ€Ž- ๐——๐—ฎ๐˜๐—ฎ ๐—–๐—น๐—ฒ๐—ฎ๐—ป๐—ถ๐—ป๐—ด ๐—ถ๐—ป ๐—ฃ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ๐˜€ barachuuf: https://youtu.be/bDhvCp3_lYw?si=cKLysQwdDasazqZ0
โ€Ž
โ€Ž- ๐—ฃ๐—ผ๐˜„๐—ฒ๐—ฟ ๐—•๐—œ barachuuf: https://www.youtube.com/live/c-zlMcdIqk0?si=FWnUIKku7B1Kqj9s


โ€ŽDur Telegram kee ๐—Ÿ๐—ผ๐—ด๐—ถ๐—ป gochuuf... koodiin ๐—ฆ๐— ๐—ฆdhan bilbila kee irratti siif ergama ture.
โ€Ž
โ€ŽAmma garuu Telegram tajaajila SMS dhaabeera.
โ€Ž
โ€ŽSababni:
โ€ŽEthio Telecom qarshii guddaa nu gaafate jedhu. (Screenshot kana ilaali)
โ€Ž
โ€ŽKanaaf koodiin duraan karaa ๐—ฆ๐— ๐—ฆ nuuf ergamaa ture gara ๐—˜๐—บ๐—ฎ๐—ถ๐—นtti jijjiirame.
โ€Ž
โ€ŽKanaafuu:
โ€ŽTelegram kee irratti ๐—ฒ๐—บ๐—ฎ๐—ถ๐—น kee dabaluu qabdu.
โ€Ž
โ€ŽYoo ๐—ฒ๐—บ๐—ฎ๐—ถ๐—น itti hin daballe... akka tasaa ๐—น๐—ผ๐—ด๐—ผ๐˜‚๐˜ yoo goote, deebitee ๐—น๐—ผ๐—ด๐—ถ๐—ป gochuuf Telegramiin kee ๐—ฝ๐—ฟ๐—ฒ๐—บ๐—ถ๐˜‚๐—บ taโ€™uu qaba.
โ€Ž
โ€Ž๐—ฃ๐—ฟ๐—ฒ๐—บ๐—ถ๐˜‚๐—บ gochuuf immoo TON ykn USDT qabaachuu qabda.
โ€Ž
โ€ŽOdoo rakkoon kun si hin muudatin waan godhuu qabdu:
โ€Ž
โ€Žโ€ข Telegram kee ๐—ฒ๐—บ๐—ฎ๐—ถ๐—น waliin walqunnamsiisi
โ€Ž
โ€Žโ€ข Two-Step Verification enable godhi
โ€Ž
โ€Žโ€ข Password cimaa-yaadachuu dandeessu itti godhi.
โ€Ž
โ€ŽKana yoo goote Telegram kee rakkoo kanaaf hin saaxilamu.


VAT waliin jechuun 100% + 15% jechuudha.

โ€ŽMaaliif?
โ€Ž
โ€ŽGatiin meeshichaa kophaa isaa = 100%
โ€Ž
VAT immoo = 15%
โ€Ž
โ€ŽKanaafuu, VAT waliin gaafa jedhamu 115% ta'uusaa hubadhu.
โ€Ž
โ€ŽKana waan taโ€™eef, meeshaan tokko VAT waliin 1,000 yoo taโ€™e,
โ€Ž
โ€ŽVAT malee meeqa akka ta'e baruuf salphaatti 1.15f yoo hirte ni argatta:
โ€Ž
โ€Ž1000 รท 1.15
โ€Ž= 869.565
โ€Ž
โ€ŽKana jechuun meeshichi VAT malee qarshii โ‰ˆ 869.565 ta'a jechuudha.
โ€Ž
โ€ŽAmma VAT meeqa akka ture baruu ni dandeessa:
โ€Ž
โ€Ž1000 โˆ’ 869.565
โ€Žโ‰ˆ 130.435
โ€Ž
โ€Ž๐Ÿ‘‰ Kuni ๐—œ๐—ป๐—ฝ๐˜‚๐˜ ๐—ฉ๐—”๐—ง jedhama.
โ€Ž
โ€Ž-----------
โ€Ž
โ€ŽMeeshichi VAT waliin 1,300tti gurgurame.
โ€Ž
โ€ŽVAT malee = 1,300 รท 1.15
โ€Žโ‰ˆ 1,130.435
โ€Ž
โ€ŽGatii meeshichi itti gurgurame qarshii 1,130.435 jechuudha.
โ€Ž
โ€ŽVAT = 1,300 โˆ’ 1,130.435
โ€Žโ‰ˆ 169.565
โ€Ž
โ€Ž๐Ÿ‘‰ Kuni ๐—ข๐˜‚๐˜๐—ฝ๐˜‚๐˜ ๐—ฉ๐—”๐—ง jedhama.
โ€Ž
โ€ŽAmma daldalaan kuni VAT duraan kaffale (Input VAT) irraa dhiifatee kan hafe mootummaaf galcha.
โ€Ž
โ€ŽKana jechuun:
โ€Ž
โ€ŽOutput VAT โˆ’ Input VAT
โ€Ž169.565 โˆ’ 130.435
โ€Žโ‰ˆ 39.13
โ€Ž
โ€ŽKuni ๐—ฉ๐—”๐—ง ๐—ฃ๐—ฎ๐˜†๐—ฎ๐—ฏ๐—น๐—ฒ jedhama.
โ€Ž
โ€ŽMeeshaa kanarratti kan daldalichi mootummaaf kaffalu qarshii 39.13 qofadha.


๐Ÿ‘ŒIjoolleen Accounting fi Economics.... Tamaartan Jirtukaaa, ani jirabboo.. Harka baasaa mee๐Ÿคš๐Ÿคš๐Ÿคš๐Ÿคš


GADI LAKKIFAMEE JIRA๐Ÿ’ฅ
Ilaalachuuf๐Ÿ‘‰

https://result.eaes.et


โœ…Bu'aa Qormaata Kutaa 12ffaa Bara 2018

Barattoonni qormaata xumura barnoota sadarkaa 2ffaa bara 2018 ykn Kutaa 12ffaa har'a, Hagayya 19/2018 (sa'aatii 1:00 halkan) jalqabuun bu'aa isaanii karaa armaan gadiitiin ilaallachuu danda'u:

๐Ÿ‘‰ Marsariitiin:
https://result.eaes.et

๐Ÿ‘‰Teelegraamaan:
https://result.eaes.et/telegram

๐Ÿ‘‰ Ergaa Gabaabaa (SMS):
https://result.eaes.et/sms

๐Ÿ‘‰Barattoonni komii qabanis qaamaan deemuu utuu hin barbaachisin Hagayya 19 hanga 26, 2018 sa'aatii 10:00tti karaa weebsaayitii
https://result.eaes.et/complaint irratti komii isaanii dhiyeeffachuu akka danda'an ministeerri barnootaa beeksisee jira.


Bu'aan qormaataa bara barnootaa 2018 barattoota kutaa 12ffaa ifoome


Barattoota Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 qoramaan keessaa harki 12.8 qofti qabxii darbiinsaa argachuu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa ibsa Miidiyaaleef kennaniin; barattoota kuma 550 qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa barattoonni kuma 70 fi 500ย  qofti qabxii dhibbantaa 50fi isaa ol galmeessan.

Magaalaan Finfinnee %32.3 dabarsuu naannoolee hunda irraa sadarkaa 1ffaa galmeessuu kaasaniiru.

Qabxiin olaanaa akka Magaalaa Finfinneetti galmaa'es 569.1 Mana Barumsaa Boolee tahus ibsameera.

Saayinsii Hawaasaatin Manneen barnootaa barattoota qormaataaf dhiyeessan keessaa 565 barataa tokkollee dabarsuu akka hindandeenye ibsaniiru.

Manneen barnootaa 88 guutummaatti barattoota isaanii akka dabarsanis dubbatan.

Akkasumas buโ€™aa olaanaan barana damee saayinsii Uumamaatiin galmaaโ€™e 591/600 (Mana barumsaa Odaa Special Boarding Adaamaa) saayinsii Hawaasummaatiin ammoo 576/700 (mana barumsaa Ifa Boruu Dodolaa) taโ€™uu himaniiru.

Barattootni qabxiisaanii guyyaa muraas booda toora interneetiifi karaa ergaa gabaabaatiin ilaaluu akka danda'anis himaniiru. Via AMN


๐Ÿ’ตSalary Tasks kan jedhu erga face verification xumurtanii agency join gootan booda isiniif dhufa.

โ˜‘๏ธJalqabuuf๐Ÿ‘‡
APP LINK๐Ÿ‘‡
https://www.yagolive.com/scode/25954

Invitation Code ๐Ÿ‘‰ 950651

โœ… Agent ID ๐Ÿ‘‰ 950651

@yagoglobal #yagoglobal
#Yago #YagoCreator


โœ…Namoota Hojii Online nuuf barbaadi jechaa turtaniif

๐Ÿ’ธAppii haaraa kana osoo viral hin bahin Akka isin hin dababarre Ammuma jalqaba๐Ÿ’ต

๐Ÿ‘‰ 85$โ€ฆ ol irratti hojjatamaa jira namoonni fedhii qabdan jalqabaa ๐Ÿ”ฅ

๐Ÿ‘‰10$ irraa jalqabee WITHDRAW gochuun ni danda'ama.๐Ÿ’ธ

๐Ÿ”ŽJalqaba ๐Ÿ‘‰appicha download gochuun itti aansee ๐Ÿ‘‰accountii create gochuun googleย fayyadamuun ๐Ÿ‘‰signup goona. Nama tokkoof account tokko qofa create gochuu danda'a. Itti aansee ME kan jedhu irra galuun Verifyโ˜‘๏ธ kan jedhu filachuun Face verify Xumura โ˜‘๏ธ

๐Ÿ’ตFamily hojii kana sirritti hojjadhaa.

โ˜‘๏ธJalqabuuf๐Ÿ‘‡
APP LINK๐Ÿ‘‡
https://www.yagolive.com/scode/25954

Invitation Code ๐Ÿ‘‰ 950651

โœ… Agent ID ๐Ÿ‘‰ 950651

@yagoglobal #yagoglobal
#Yago #YagoCreator


ODUU GAMMACHIISAA ๐Ÿ’ ๐Ÿฅณ

Projeektoota 2025 irraa kasneeย  hojjataa ture Product Design, Mobile App Development fi Web App Development keessaa filadhee sample isaa akka isa kana. ๐Ÿ‘‰
https://tirmizikasim.vercel.app/

๐ŸชกWajjiin hojjachuufi balbali banaadha. Keessan nu dubbisaa๐Ÿ˜


โ€Ž๐—ฌ๐—ผ๐˜‚๐—ง๐˜‚๐—ฏ๐—ฒ irratti guddachuu yoo feete, ๐—Ÿ๐—ถ๐—ป๐—ธ isaa ๐—™๐—ฎ๐—ฐ๐—ฒ๐—ฏ๐—ผ๐—ผ๐—ธ irratti hin maxxansin. Achumatti cimii hojjedhu.
โ€Ž
โ€ŽYookaan ๐—Ÿ๐—ถ๐—ป๐—ธ qoodurra:
โ€Ž
โ€ŽNamni fedhe ๐˜€๐—ฒ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฐ๐—ต godhee akka si argatuuf maqaa ๐—ฌ๐—ผ๐˜‚๐—ง๐˜‚๐—ฏ๐—ฒ kee ykn ๐˜๐—ถ๐˜๐—น๐—ฒ viidiyoo kee qoodi.
โ€Ž
โ€ŽKuni ๐—ฌ๐—ผ๐˜‚๐—ง๐˜‚๐—ฏ๐—ฒ ๐—–๐—ต๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ฒ๐—น kee fi ๐—ฎ๐—น๐—ด๐—ผ๐—ฟ๐—ถ๐˜๐—ต๐—บ sirriitti wal barsiisa.
โ€Ž
โ€ŽNamni tokko tokko ๐—Ÿ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—ธ๐—ถ๐—ถ ๐—ฌ๐—ผ๐˜‚๐—ง๐˜‚๐—ฏ๐—ฒ isaa as ๐—™๐—ฎ๐—ฐ๐—ฒ๐—ฏ๐—ผ๐—ผ๐—ธirra fidee, "Maaloo dhaqaa naaf ilaalaa" jedha.
โ€Ž
โ€ŽKaraa biraatiin, ๐—ฌ๐—ผ๐˜‚๐—ง๐˜‚๐—ฏ๐—ฒ kee ajjeesaa jirta jechuudha, keessumaa nama reefuu gara ๐—ฌ๐—ผ๐˜‚๐—ง๐˜‚๐—ฏ๐—ฒ dhufe abdii kutachiisa.
โ€Ž
โ€ŽSababni isaa, ๐—ฎ๐—น๐—ด๐—ผ๐—ฟ๐—ถ๐˜๐—ต๐—บ ๐—ฌ๐—ผ๐˜‚๐—ง๐˜‚๐—ฏ๐—ฒ namoota karaa ๐—Ÿ๐—ถ๐—ป๐—ธ dhufan ykn ๐—ฒ๐˜…๐˜๐—ฒ๐—ฟ๐—ป๐—ฎ๐—น ๐˜๐—ฟ๐—ฎ๐—ณ๐—ณ๐—ถ๐—ฐ sirriitti beeka; akka ๐—ฒ๐—ป๐—ด๐—ฎ๐—ด๐—ฒ๐—บ๐—ฒ๐—ป๐˜ti hin lakkaa'u.
โ€Ž
โ€ŽKana taanan ๐—ฎ๐—น๐—ด๐—ผ๐—ฟ๐—ถ๐˜๐—ต๐—บ isaanii ๐—ถ๐—ด๐—ป๐—ผ๐—ฟ๐—ฒ si godha, viidiyoo kee ๐˜€๐˜‚๐—ด๐—ด๐—ฒ๐˜€๐˜ gochuu ni hir'isa ykn ni dhaaba.
โ€Ž
โ€ŽMaal na dhibehoo? ๐Ÿ˜„


โœ… Telegramiin Keessan BAN osoo hin taane Setting kana ammuma sirreessuu qabdu:

โžก๏ธ Kanaan dura Telegram keenya osoo hin fayyadamin yeroo yoo ture (Self distructive) isaa hanga ji'a 12 qofa ture amma gara ji'a 24 ykn Waggaa 2 tti guddatee jira. Kana jechuun accountii Telegram Keessan yoo hin fayyadamne ta'e hanga Waggaa 2 active ta'ee turuu danda'a. Kanaafuu setting kana sirreeffadhaa.

โžก๏ธ Setting โžก๏ธ private and securityโžก๏ธ Xumura irratti if away for kan jedhu filachuun akka photo irratti mul'atutti 24 Months kan jedhu giladhaa.


๐Ÿ“งEmail keessan irratti site garaagaraa irratti galmooftanii Notification isin rakkisaa jira yoo ta'e furmaanni๐Ÿ‘Œisaa kinooti๐Ÿ‘‰:-

โœ”๏ธGara Email keessanii erga seentan tuqaa sadi harka bitaa irra jiru keessa seenuun "Manage Subscription " kan jedhu filattanii seenuun site garaagaraa irratti galmooftanii turtan argattu, San booda site barbaddan irratti tuquun"Unsubscribe " gochuun ofirraa dhaabuu ykn kutuu dandeessu. Jirtu kaa๐Ÿ‘

20 ta oxirgi post koโ€˜rsatilgan.