✍Dhiifama gaafachuun moo'amuu utuu hin taane moo'achuu dha.
Dubbiin/haasofni hameenyaa, taateen badiisaa humna saffisaan gara fuulduraatti akka furguugfamnu nu taasisu dha. Haalota akka kanaa jireenya keenya keessatti miiraan, baleessudhaan deebii hin kennuufiin sirrii miti. Hiikaa sirrii isaa argachuuf gara keessa keenyaatti deebi'uun ofii keenya dhaggeeffachuun hamman akka utaaluu, fiiguu, hubachuu akka dandeenyu, hamman akka dandeenyu/hubannaa/cimina/dandeettii dhokataa keessa keenyaa/ogummaa, ati eenyu akka taate eenyummaa keenya isa dhugaa waliin walitti nu baasu dha.
✍️Kanaafuu, ofirratti hin gungumin, ofii kee hin ceepha'in haalota sanaaf hin moo'amin. Si jabaan/jabduun haalota sana duuba isa/ishee jirtu dha.
Namni akka waa siin hin jenne yoo barbaadde waan siin jedhamu gara keessa keetti keessummeessuu dhiisu dha. Namni waan kan siin hin jenne yeroo duute qofa dha. Yeroo duute hundaaf mararfamta. Yeroo sana atuu waan jedhamu hin qabdu, kan qabdus duutee dachee kana irraa akka dhabamne qofaa dha. Sodaa guddaan, sakaallaa hamaan "Namni maal naan jedhaan" utuu hin socho'in umurii qabnu guutuu iddoo tokko, haala tokko keessa dhaabbannee akka turru nu taasisa. "Namni maal naan jedhaa" yaada keenya keessaa, jiruu keenya keessaa, oolmaa keenya keessaa tuffadhuu gatuun nagaatti adunyaa nagaa, jaalalaan, qajeelummaan, guddummaan, kabajaan keessa jirraachuu qabnu keessa akka jiraannu nu gargaara. Kana jechuun safuu cabsuu qabna jechuu miti.
✍️Kanaafuu, dirii/xaxaa namootaa ofitti ijaarree jiraachaa turre ammas itti jirru keessaa ofii keenya baasuuf dirqama keenya ba'achuu qabna.
Yeroo nagaa qabaadhaa!
Coba Yaadaa 💧✍️