Haalli ati nama tokko itti ilaaltuu eenyummaa dhugaa nama sanaa utuu hin taane alkallattiidhaan ofii kee nama sana keessatti waan argitu dha. Kana jechuun isaa akkaataan itti namni biraa si ilaalu/hubatu haala ofii isaa si keessaatti of ilaaluni dha.
Ofii kee fuullee keessatti yoo ilaalte ofii kee argita. Akkasuma, utuu fuullee of keessatti ilaalchistees fuulletu si keessatti mul'ata.
Taatee hamaas haa ta'u gaariin ati ofii kee irratti taasistu taatee sana qabattee nama biraa keessatti ati akka argamtu ykn kallattiidhaan ofii kee irratti akka argamu ni ta'a.
Ofii kee kallattii kamiinuu hin xinneessin, hin hammeessin, hin xureessin, hin balleessiin!
Obbolaa koo, ofii kee daldaltoota hammeenyaa, warshaa dubbii hammeenyaa, gabaa jibbaa, namoota furmaata fiduu caalaa rakkina uumuun itti salphatu, isaan ijaaruu caalaa jiiguun itti salphatu, isaan balleessuun karaa qajeelinaa ta'ee itti argamu, jabeessuu caalaa kuffisuuf hojjatan, ni dandeessa jechuu caalaa akka hin dandeenye namoota asaasan, daldaltoota dubbii hadheessitootaa, namoota hojiin idilee isaanii akkaataa itti balleessan jedhu ta'e, araada sammuu kaayyoo jireenyaa kee irraa si fageessu irraa fageessi.
Oolmaan kee uffata uffattu caalaa oolmaa qulqulluu ta'uu qaba. Kana jechuun wanti gara sammuu keenyaatti seenu wanta gara alaatti bahu waliin hariiroo kallattii qaba.
Coba Yaadaa💧✍