📖 "Waaqayyo waammata koo dhaga'eera, Waaqayyo kadhata koo in fudhata;"
— Far. 6:9
Yeroon keessa keenyatti yaaddoon nutti ulfaatu jiraa? Waan qabannee fi gadi dhiifnu dhabuun yaadaan cabuun nutti dhaga’amaa? Daawit Macaafa Faarfannaa 6 yeroo faarfatu haala hamaa akkasii keessa waan jiru fakkaata. "Lubbuun koos immoo baay'ee raafameera, ati garuu yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti turta?" (Far. 6:3) Hammam keessi isaa akka madaa’e dubbata.
Namoonni qaama keenya alaa arguu fi dhiphina keessa keenyaa hubachuu hin danda'an. Jeequmsa lubbuu keenyaa illee hubachuu dhiisuu danda’u. Jireenyi yeroo hunda kallattii tokkoon waan hin deemneef jeequmsi miiraa, jeequmsi keessoo fi garaa cituu nu mudachuu mala.
"Ani aaduu kootiin dadhabeera, halkanuma dhuftu boo'uu kootiin siree koo nan tortorsa, iddoo ciisicha koo irras imimmaan nan lolaasa. (lakk. 6) Hanga jennutti geenya.
Yeroo kanatti furmaata barbaacha eenyutti dhiyaanna? Daawit eenyutti dhihaachuu akka qabu hubatee gara Waaqayyootti hafuura baafate. Kana jedhee gaaffii isaa Waaqayyoof dhiheesse: "Yaa Waaqayyo, deebi'i, jireenya koos anaaf oolchi, gaarummaa keef jedhiitii na gargaari!" (lakk. 4)
Har’as yeroo haala baay’ee ulfaataa keessatti of argannu gara Waaqa keenyatti haa dhihaannu 🙏 Ija keenya namoota irraa kaafnee Waaqayyotti haa dhiyaannu. "Jaalala kee isa cimaa irraa kan ka'e na oolchi" jennee boo'uu hin dhiifnu. Waaqni gaaffii fi kadhannaa isaaf dhihaate kan hin tuffanne fuula isaa nutti deebisa. Rakkoo keenya hundaaf deebii ta'a. Hidhaa keenya hiikuudhaan gammachuu nuuf kenna. Kanaaf yeroo kanatti: "Waaqayyo waammata koo dhaga'eera, Waaqayyo kadhata koo fudhateera" (lakk. 9)