God's Word Presence! [GWP-MEDIA]📺


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Din


💡“Dubbiin Kristos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu;...”
— Qolosaayis 3:16
⭐️Namni Kamu Argamuu Dubbii Waaqayyoo Keessa Akka Jiraatuuf Gargaaruun ba'aa Keenya!
Yaada Yoo Qabaattan Asirratti nu dubbisa
👉 @Believe_In_Christ79

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Toifa
Din
Statistika
Postlar filtri


🔶“Lubbuun koo oobdii mana Waaqayyoo yaaddee in gaggabdi! Lubbuun koo fi foon koo Waaqayyo isa jiraataatti gammadanii in ililchu.”
— Far. 84:2

🔷 Bor, Guyyaa itti Waaqeffannudha! Hundi Keessan Waldaa Kiristiyaanaa deemuu hin dagatiinaa!🥰

🌆 Halkan Gaarii!!


LIKE | JOIN | SHARE 📣GWP MEDIA
🔍 | JOIN GOCHUUF |👉🏼 AS TUQI




👆Beeksisa waan ta'eef hin tuqiinaa🙏


Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


🔶Ayyaana Waaqayyoo/God's Grace!

🔖Ayyaanni Waaqayyoo waan nuuf maluuf yookiin warra ayyaanicha argachuu dandeenyu waan taaneef nuuf hin kennamne!, Inni kennaa tola Waaqayyoo; karaa Kiristoosiin nuuf ta'e qofaadha! [Rom 3:24]. Amma garuu, erga Ayyaanicha fudhannee; akka warra ayyaanichaaf ta'aniitti/malaniitti deddeebi'uu qabna!.

“Kanaaf mudhii yaada keessanii jabeeffadhaa, warra of qaban ta'aa, abdii keessan guutummaatti ayyaana isa yeroo Yesus Kristos mul'atutti isiniif dhufu irra kaa'adhaa!”

— 1Phe. 1:13

©Robera

LIKE | JOIN | SHARE 📣GWP MEDIA
🔍 | JOIN GOCHUUF |👉🏼 AS TUQI


⭐️Isa Nuuf Fannifame Yesuus Kiristoosiin malee:-

🔶🔷 Gooftaa biraa hin qabnu!
🔷🔶 Fayyisaa
biraa hin qabnu!
🔶🔷 Jireenya
biraa hin qabnu!
🔷🔶 Dhugaa
biraa hin qabnu!
🔶🔷 Karaa
biraa hin qabnu!
🔷🔶 Giddu Galeessa
biraa hin qabnu!
🔷🔶 Angafa Lubootaa biraa hin qabnu!
🔶🔷 Oolchaa
biraa hin qabnu!
🔷🔶 Boqonnaa
biraa hin qabnu!
🔶🔷 Amantii
biraa hin qabnu!
🔷🔶 Lallaba
biraa hin qabnu!
🔶🔷 Barsiisa
biraa hin qabnu!
🔶🔷 Barsiisaa biraa hin qabnu!
🔷🔶 Faarfannaa
biraa hin qabnu!

“Haa ta'u iyyuu malee, ani yookiis ergamaan waaqa irraa tokko, wangeela isa nuyi kanaan dura isinitti himnettii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa 'ta'u!
— Gal. 1:8

©Robera

LIKE | JOIN | SHARE 📣GWP MEDIA
🔍
| JOIN GOCHUUF |👉🏼 AS TUQI


📣 KARAA HAARAA


🎚Ibr.10:19-20

"¹⁹ Egaa yaa obboloota ko! Yesus dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti galuudhaaf ija jabina qabna.
²⁰ Inni foon isaatiin karaa haaraa, karaa yeroo hundumaa jiraatu golgaa sana keessaa nuuf bane."

⚜️Gara iddoo isa hundumaa caalaa qulqulluu ta'ee, gara Waaqayyootti dhihaachuudhaaf, karaan nuuf hin argamne ture. Nuyi, golgaa cubbuu sanaan ittifamnee Waaqayyo irraa fagaannee turre. Karaan gara Waaqayyootti geessu, karaan karaa lubootaa, karaan aarsaa foon horii fi dhiiga horiidhaan hojjetame sun, raawwatee gara Waaqayyootti ilmaan namootaa geessuu kan danda’e hin turre.

⚜️Kanaaf karaan haaraan kan biraa golgicha isa Waaqayyorraa nu ittise sana keesa nuuf darbu hojjetamuun dirqama ture. Karichis, akkuma karaan asfaaltii, dhagaa daakamaa fi reenjii dhangalaa'aadhaan hojjetamutti, Foon Kiristoos isa ciccitetu akka dhagaa daakamaatti, dhiiga isaa isa dhangalaafametus akka reenjii dhangala'aa isa dhagaa walqabsiisuutti dhangalaafamee, KARAA HAARAA, KARAA YEROO HUNDUMAA JIRAATU golgaa sana keessaa nuuf bane.

⚜️Egaa faanni dhalootaa karaa haaraa, karaa yeroo hundumaa jiraatu kanarra bu'e faana ayyaanomedha. Karaa dhiigaa fi foon qulqullaa'aa kana irraa hojjetame irra adeemuun nuuf ayyaanomuudha. Karichi xumurri isaa gara galma Waaqarraa, isa hundumaa caalaa qulqulluu ta'ee, gara mirga waaqayyo abbaatti kan nu geessudha. Nutis karaama kanaan gara mirga Waaqayyoo dhaquudhaaf mirga guutuu fi eeyyama karaa qulqullaa'aa kanarra imaluu arganneerra. Kunis tola, toluma tola tolaati! Isa kana iyyee akka nama qalbii dabarseettan gammachuu koo himadha. Haaleluuyyaa! Ameen!🙏

📝 Wabi Gobana|| Bible Preaching Site

LIKE | JOIN | SHARE 📣GWP MEDIA
🔍 | JOIN GOCHUUF |👉🏼 AS TUQI


GWP MEDIA CHRISTIAN NEWS dan repost
💮Yesuus , "Warra qajeelummaadhaf jedhanii Ari'ataman" ilaalchisee Maal jedha❓
So‘rovnoma
  •   • A) Isaan jajjabina in argatu
  •   • B) Isaan Waaqayyoon in argu
  •   • C) Mootummaan Waaqaa(Samii) Kan isaaniti
  •   • D) Ijoollee Waaqayyoo in jedhamu
  •   • E) Hundinuu Deebii Dogongora
25 ta ovoz


💡| Maatewoos 5:16

Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!" jedheen.”

⭐️Oolmaa Gaarii Qabaadhaa!


💡| Isaayyaas 54:17

Si balleessuudhaaf mi'i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda'u, dubbii warra firdii duratti si hammeessaniis in busheessita; kun wanta garboonni koo ana biraa argatanii dha, isa ani isaaniif dhugaa baasuu dhas" jedhe; Waaqayyo isa kana dubbateera.”

💝Halkan Gaarii Qabaadhaa!




Mootummaan Waaqayyoo, mootummaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu warra hafuura qulqulluu biraa kennamanii ti malee, mootummaa nyaataa fi dhugaatii miti.”
Rom. 14:17


Dubbisuu Akkasumas Like (👍) fi Share Gochuu Hin Dagatiinaa🙏
✨Yaada yoo qabaattan Asiin na quunnama
👉@Believe_In_Christ79
🌃Halkan Gaarii!!🥰


👩‍🎓👨‍🎓 Qo’annaa Wangeela Yohaannis Kutaa 8ffaa
|| Boqonnaa 1ffaa ||


Hinaaffaan mana keetii na guba! (Boqonnaa 1ffaa)
[Yohaannis 2:13-25]

💢Kiristoos nama ta'ee yeroo lafa irra deddeebi'u angoo seeraa jala ta'uudhaani (Gal 4:4). Inni ofuma isaatii akka dubbate kan inni gara biyya lafaa dhufeef seera raawwachuudhaafi (Mat 5:17). Akkuma Macaafni jedhus Kiristoos raaawwii seerichaati (Rom 10:4).

🪧Kanaafu yeroo sana akka abukaattoo seeraati warri of ilaalan Faarisoonni fi Saaduqoonni akkasumas barreessitoonni seericha diiganii yommuu diigamuu seerichaattis cal jedhanii jiranitti Yesuus isaaniin mormuuf Gara yerusaaleem gara mana qulqulluummaatti "Hinaaffaan manakee na guba" isa jedhu jecha faarfatichaa (Far 69:9) isa seera isaanii irratti barreeffame caqasuun qaccee (alangaa) qabatee olseene.

💢Qulqulloonni baay'een caqasa kana (Yoh 2:15) akkuma jirutti fudhachuun "gooftaan manakoo qulqulleessi" jedheera jechuun hiika hin taane kennuufiin waanta hin barbaachifne raawwatu. Jalqaba irratti Manni Waaqayyoo bakka nuti tokkummaaf itti walitti qabamnu galma ("Addaraasha") osoo hin taane nuyidha; nuti Mana Waaqayyooti (1Qor 3:16). Kana Jechuun garuu tokkummaa amantootaaf hinaaffaa qulqullaa'aan hin barbaachisu jechuu miti.

🪧Dhugumaan namni "hinaaffaan manakee na guba" jedhu ilkaan isaa ciniinnatee alangaa qabatee ka'uu osoo hin taane jalqaba Saba Waaqayyoo fi Tajaajiltoota isaa jaallachuu fi kabajuu qaba.

💢Yesuus "Hinaaffan manakee na guba" erga jedhee booda:-

1. Qaccee (Alangaa) Qabatee ka'e


Yohaannis 2:14-17

14 Mana qulqullummaa keessattis namoota iddoo sana taa'anii sangoota, hoolota, gugees gurguran, warra horii callaa gegeddaranis arge.
15 Yommus inni quncee irraa qaccee dha'atee, hunduma isaanii hoolota isaanii fi sangoota isaanii wajjin gad isaan oofe; horii warra horii gegeddaranii in bittimse, gabatootas gad garagalche.
16 Warra gugee gurguraniin immoo, “Kana keessaa gad baafadhaa! Mana abbaa kootiis mana bitaa gurgurtaa hin godhinaa!” jedheen.
17 Yommus bartoonni isaa, “Hinaaffaan mana keetii na guba” jedhamee isa caafame yaadatan.

🪧Seerri yeroo hunda harka isaatti qaccee (alangaa) baatee deema. Seera bira garaa laafuun hin jiru, Dheekkkamsaanis in adaba (Rom 4:15). Yesuusis Seeraan geggeeffamaa waan tureef tajaajila isaa gara jalqabaa fi gara xumuraa irratti kana godhee argisiiseera.

💢[Mat 21:12-13] Yihuudonni Mana Qulqullummaa keessatti ayyaana faasikaa kabajuuf jecha namoota karaa fagoodha dhufanitti beelladoota aarsaadhaaf dhi'aatan gurguraa fi qarshii ittiin bitan bu'aadhaan jijjiira yeroo turanitti, Yesuus gara isaanii dhufe manichi mana kadhataati jechuuudhaan namoota sana osoo hin taane waan isaan bitaa fi gurguraa turan (hoolota, sangoota, gugeewwan) ari'ee mana qulqullummaati baase, gabatee warra qarshii waljijjiiraniis garagache.

🪧Gochaan kun mana qulqullummaatiin alatti osoo ta'ee fi bu'aa dalgaa argachuuf ta'uu osoo baate rakkoo miti:; garuu Sababni dheekkamsa Yesuus Manichi mana daldalaa osoo hin taane mana kadhannaa ta'uu isaati.

| Kutaan Itti aanu itti fufa
| Kutaa Darbe Argachuuf 👉
AS TUQI

✨Eebbifamaa⭐️


📝 Robera

LIKE | JOIN | SHARE 📣GWP MEDIA
🔍 | JOIN GOCHUUF |👉🏼 AS TUQI


✨🎧YESUUS YAA JAALALLEEKOO
| Gezahegn Muse | Amanuel Sarbesa | Abdi Megersa Mezmur | 2025 | 2017

LIKE | JOIN | SHARE 📣GWP MEDIA
🔍 | JOIN GOCHUUF |👉🏼 AS TUQI


💡| Hisqi'el 37:26-27

26 Ani kakuu nagaa isaaniif nan gala, innis kakuu bara baraa isaaniif in ta'a; ani isaan nan dhaaba nan baay'isas, iddoo qulqullaa'aa isa kan kootiis bara baraan isaan gidduu nan dhaaba;

27 godoon koos isaan bira in ta'a, ani Waaqayyo isaanii nan ta'aaf, isaanis saba koo in ta'u;

LIKE | JOIN | SHARE 📣GWP MEDIA
🔍 | JOIN GOCHUUF |👉🏼 AS TUQI


Maatiiko💞

Kan Akka Gooftaa Keenyaa Eessumayyuu hin jiru, hin turre, hin Jiraatus!!!


💝 Nagaan Naaf Bula!


💡| Qolasiyaas 2:6-7
     ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁶ Egaa Kristos Yesus goofticha akkuma fudhattanitti isatti jiraadhaa!
⁷ Akkuma barsiifamtanitti hundee keessan gad fageeffadhaa, isatti ijaaramaatii amantiitti dhaabamaa! Galata guutee irra dhangala'us dhi'eessaa!

🛐 Bor Waldaa Kiristiyaanaa Deemuun tokkummaatti Ayyaana Gooftichaa qooddachuu hin dagatiinaa!

🌆 Halkan Gaarii💞


LIKE | JOIN | SHARE 📣GWP MEDIA
🔍 |
JOIN GOCHUUF |👉🏼 AS TUQI


💡| Seera ba'uu 33:14

Waaqayyo immoo deebiseefii, "Ani ofii kootii sii wajjin nan adeema, boqonnaas siif nan kenna" jedhe.”

🏵️Guyyaa Gaarii Qabaadhaa!

LIKE | JOIN | SHARE 📣GWP MEDIA
🔍 |
JOIN GOCHUUF |👉🏼 AS TUQI


Mul'ata Yohaannis 4:8

Tokkon tokkon uumama lubbuu qaban arfan kanaa immoo, baallee ja'a ja'a qaba; iji isaas keessaa fi duubaan naanna'ee wal in ga'a. Halkanii fi guyyaas utuu aara hin galfatin, "Waaqayyo gooftichi inni hundumaa danda'u, inni ture, inni amma jiru, inni dhufuuf jirus, qulqulluu dha, qulqulluu dha, qulqulluu dha!" jedhanii in faarfatu.”

🔺Halkan Gaarii!!💞

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.