WALALOO HAADHAA (HARMEE)
Ummaa Ummaa jechuun maqaadha,
Waamichatti salpaadha
Nama hubate laaleti
Waa'en isii jabaadha
Hadaraa nadhagayaa
Mee xiqqoon Irraa himaa.
Ji'a sagal guutu gara nabaadhatte,
Waa hundarraa fagaatte
Midhaan nyaattus ni baha
Garaa isii waa hin taahu.
Fooli hunda jibbitee
Beelan waadamtee
Ulfi isitti ulfaate
Taa'u ka'un jabaatte
Hirribni irraa fagaate
Halkani guyya yaaddoyte.
Osoo akkana jirtuu
Ji'a saglan fixxee
Na deesse cimimmuun
Hedduu affeelamtee
Laalaadhaan gubattee
Hadhaa du’aa gartee
Sanuu itti jabaatte
iyyitee waywaatte
Osoo aqlii qabduu
Maraattu fakkaatte
Dandeetti rabbiitiin
Du’a tarkanfatte
Gargaarsa isaatin
Ana argamsiiftee.(x2)
Ibidda jireenyaa
Meeqaantam obsitee
Osoo waxalamtuu
Hidhii cininnattee
Bira tarkaanfattee
Ba’aa too garaadhaa
Duuyda dabarfattee
Na guddisuuf jettee
Waan keessa dabartee
Amma yoon yaadadhuu
Silaa akka kootiin
Xiqqollee rakkachuu
Waa siin hin jaaladhuu
Qeensi sirraa caphuu
Bar waa siifin quudhuu
Rabbi ni danda'a
Umrii siif haa laatu
Fayyaa waliin dachaa. (x2)
Roobaf Caama keeysa
Naan bobbaatee galta
Naaf jecha rakkattee
Cinqii hedduu gartee
Wallaahi laaftuu miti
Wanni ati naaf taate.
Anuma kanaaf jecha
Waa hedduu qunnamte
Yoom himamee dhuma
Wanni ati naaf taate
Riqicha meeqantam
Na tarkaanfachiiftee
Anaa malqa yaraa
Bar dhiira na goote
Mee akkam je'ee
Fadhii tee haa ibsuu
Jaalalti tee qaaliin
Na keessa haa teessu. (X2)
Si yaade Si yaade
Haadha too si yaade
Qamaaf qalbiin tiyya
Si arguuf rarraate
Yaada kankeetirraa
Mataan na maraate
Uf bira si dhabee
Bineensi na nyaate.
Ilaale sin arguu
Si waamu hin owwaatu
Na bira fagaatte
iddoon ati jirtu
Onnen too na goyde
Osoo sif dheebottu. (X2)
Ayyooto Harmee
Heddu si dheebodhe.
Osoo lubbuun jirtuu
Si hawwu mudadhe
Dirqama jiruuttif
Kan sirra fagaadhe
Qamaan fagaadhulle
Yoom si iraanfadhe.
Jiruu biyya ormaa
Waa heddu hubaadhe
Beelahus dheebodhus
Garaa koo hidhadhe
Yeroon si yaadadhus
imimaan haqachaa.
Yaa Rabbii yaa Allah
Ani si kadhadhe
Harmee too naaf eegi
Ani sitti kennadhe
Umrii naaf dheeressi
Adara si kadhee
inuma wal garra
Yoo rabbin fadhee.(x2)
Tiruu too yaa Onnee
Na dura muldhatta
Guyyaa gargar baane
Ufitti na qabdee
imimaan harcafnee
Rabbiin naaf kadhatee
Bar hin iraanfanne
Wallaahi harmee too
Takka sin daganne
Halkan guyyaa booya
Wa sin irraanfannee.
Hadaraa Harmee too
Akka natti hin mufanne
Fidaa kee haa tatuu
Lubbuu too siif kenne
Kuni waada kooti
Kan yoomuu hin digamnne.
Akka nama du'ee
Jiruun gargar baanee
Hin duune ni jirta
Akkan sin Obsinee
Hadaraa yaa rabbii
An sitti ol kenne,
Lubbuu haadha tootii
Akka hin fudhanne
Dheebu hedduun qaba
Akka na hin hanqifne
Osoon arguuf hawwuu
Akka na sheneysinee
Osoo isii hin argiin
Anis akka hin duune.
Si kadhee goofta koo
Akka na hin dinne
Imimaan koo kuni
Akka lafa hin bunee
Naaf godhi Ayyoo too
Shamaraan jannataa
Tan yoomuu hin dulloomne.(X2)
Like 👍
Share 📱📲
Comment ✍️
Join 👥 @Jaala_Dhugaa
Ummaa Ummaa jechuun maqaadha,
Waamichatti salpaadha
Nama hubate laaleti
Waa'en isii jabaadha
Hadaraa nadhagayaa
Mee xiqqoon Irraa himaa.
Ji'a sagal guutu gara nabaadhatte,
Waa hundarraa fagaatte
Midhaan nyaattus ni baha
Garaa isii waa hin taahu.
Fooli hunda jibbitee
Beelan waadamtee
Ulfi isitti ulfaate
Taa'u ka'un jabaatte
Hirribni irraa fagaate
Halkani guyya yaaddoyte.
Osoo akkana jirtuu
Ji'a saglan fixxee
Na deesse cimimmuun
Hedduu affeelamtee
Laalaadhaan gubattee
Hadhaa du’aa gartee
Sanuu itti jabaatte
iyyitee waywaatte
Osoo aqlii qabduu
Maraattu fakkaatte
Dandeetti rabbiitiin
Du’a tarkanfatte
Gargaarsa isaatin
Ana argamsiiftee.(x2)
Ibidda jireenyaa
Meeqaantam obsitee
Osoo waxalamtuu
Hidhii cininnattee
Bira tarkaanfattee
Ba’aa too garaadhaa
Duuyda dabarfattee
Na guddisuuf jettee
Waan keessa dabartee
Amma yoon yaadadhuu
Silaa akka kootiin
Xiqqollee rakkachuu
Waa siin hin jaaladhuu
Qeensi sirraa caphuu
Bar waa siifin quudhuu
Rabbi ni danda'a
Umrii siif haa laatu
Fayyaa waliin dachaa. (x2)
Roobaf Caama keeysa
Naan bobbaatee galta
Naaf jecha rakkattee
Cinqii hedduu gartee
Wallaahi laaftuu miti
Wanni ati naaf taate.
Anuma kanaaf jecha
Waa hedduu qunnamte
Yoom himamee dhuma
Wanni ati naaf taate
Riqicha meeqantam
Na tarkaanfachiiftee
Anaa malqa yaraa
Bar dhiira na goote
Mee akkam je'ee
Fadhii tee haa ibsuu
Jaalalti tee qaaliin
Na keessa haa teessu. (X2)
Si yaade Si yaade
Haadha too si yaade
Qamaaf qalbiin tiyya
Si arguuf rarraate
Yaada kankeetirraa
Mataan na maraate
Uf bira si dhabee
Bineensi na nyaate.
Ilaale sin arguu
Si waamu hin owwaatu
Na bira fagaatte
iddoon ati jirtu
Onnen too na goyde
Osoo sif dheebottu. (X2)
Ayyooto Harmee
Heddu si dheebodhe.
Osoo lubbuun jirtuu
Si hawwu mudadhe
Dirqama jiruuttif
Kan sirra fagaadhe
Qamaan fagaadhulle
Yoom si iraanfadhe.
Jiruu biyya ormaa
Waa heddu hubaadhe
Beelahus dheebodhus
Garaa koo hidhadhe
Yeroon si yaadadhus
imimaan haqachaa.
Yaa Rabbii yaa Allah
Ani si kadhadhe
Harmee too naaf eegi
Ani sitti kennadhe
Umrii naaf dheeressi
Adara si kadhee
inuma wal garra
Yoo rabbin fadhee.(x2)
Tiruu too yaa Onnee
Na dura muldhatta
Guyyaa gargar baane
Ufitti na qabdee
imimaan harcafnee
Rabbiin naaf kadhatee
Bar hin iraanfanne
Wallaahi harmee too
Takka sin daganne
Halkan guyyaa booya
Wa sin irraanfannee.
Hadaraa Harmee too
Akka natti hin mufanne
Fidaa kee haa tatuu
Lubbuu too siif kenne
Kuni waada kooti
Kan yoomuu hin digamnne.
Akka nama du'ee
Jiruun gargar baanee
Hin duune ni jirta
Akkan sin Obsinee
Hadaraa yaa rabbii
An sitti ol kenne,
Lubbuu haadha tootii
Akka hin fudhanne
Dheebu hedduun qaba
Akka na hin hanqifne
Osoon arguuf hawwuu
Akka na sheneysinee
Osoo isii hin argiin
Anis akka hin duune.
Si kadhee goofta koo
Akka na hin dinne
Imimaan koo kuni
Akka lafa hin bunee
Naaf godhi Ayyoo too
Shamaraan jannataa
Tan yoomuu hin dulloomne.(X2)
Like 👍
Share 📱📲
Comment ✍️
Join 👥 @Jaala_Dhugaa