👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
#Bilchina_Hafuuraa
Ibr 6:1 “Kanaafis kottaa dubbii waa'ee Kristos isa gara jalqabaa dubbachuu dhiifnee, gara barsiisa isa warra ga'aniif kennamuutti in darbina. Nuyi waa'ee hojii gara du'aatti geessu irraa yaada garaa geddarachuu, waa'ee Waaqayyotti amanuus deebinee hundee barsiisichaa kaa'uuf miti.”
↪️Waaqayyo hundumti keenya akka guddannu barbaada. Bilchinni immoo kaayyoo waaqayyo jireenya keenyarraa barbaaduudha. Bilchina hafuuraa jechuun gara Yesuusiin fakkaachuutti dhufuu jechuudha. Karaa biraa kaayyoo itti waamamneef isa dhugaa ta'uu jechuudha.
Rom 8:29 “Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.”
↪️Karaa Bilchinni hafuuraa; guddina, hubannaa, amanamummaa fi hubannaa namni Waaqayyoorratti qabuudha. Bilchinni hafuuraa umurii yookiin sadarkaa jireenya keenyaarratti hin hundaa'u. Namni waldaa kiristiyaanaa keessa waan tureef bilchaateera jechuu hindandeenyu. Tajaajilaa waan ta'eef bilchaateera jechuu hin dandeenyu.
➡️Mallattoon bilchina hafuuraa inni guddaan jaalala.
Mar 12:29-31
²⁹ Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. ³⁰ Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a'! ³¹ Inni lammaffaan immoo 'Nama, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a'! isa jedhuu dha. Abboommiin isaan kana irra caalu kan biraa hin jiru" jedhe.
Gal 5:22-23
²² Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, ²³ garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.
1Qor 13:1-8
¹ Afaan namoonni yookiis afaan ergamoonni Waaqayyoo dubbataniin dubbadhee, jaalala yoon qabaachuu dhaabaadhe, ani akka sibiila kililchuu yookiis dibbee kosh kosh jedhuun ta'e. ² Raajii dubbachuudhaaf kennaa qabaadhee, dhoksaa jiru hundumaa beekee; beekumsa hundumaa qabaadhee, gaara iddoo isaatii hamman bututti amantii guutuus qabaadhee, jaalala yoon qabaachuu dhaabaadhe garuu, ani homaa miti. ³ Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis dhagna koo iyyuu dabarsee¹ kennee, jaalala yoon qabaachuu dhaabaadhe garuu, homaa waa'ee anaaf hin baasu. ⁴ Jaalalli danda'aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksu! ⁵ jaalalli, lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa'u. ⁶ Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal'inatti hin gammadu. ⁷ Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa. ⁸ Jaalalli yoom iyyuu hin badu; kennaa raajii dubbachuu yoo ta'e, hafuuf jira; afaan hin beekamneen dubbachuu yoo ta'e, dhaabachuuf jira, beekumsas yoo ta'e, hafuuf jira.
Namoonni hedduun akka waan bilchaataniitti ofyaaduu danda'u. Akkasuma nutillee ofii keenyaaf bilchaatoodha of se'uu dandeenya. Nama bilchaataa tokkorraa maaltu argama kan jedhu mee waliin haa ilaallu.
➡️Namni bilchaataan Qorumsa isatti dhufu keessatti obsaa fi Gammachuu qaba.
Yaq 1:2-4
² Yaa obboloota ko! Qoramsa garaa garaatiin ilaalamuun yommuu isinitti dhufu, gammachuu guutuutti fudhadhaa! ³ Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda'uu akka fidu in beektu. ⁴ Isin warra fiixaan ba'an; warra mudaa, hir'inas hin qabne akka taataniif, obsaan danda'uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu!
➡️Namni bilchaataan ilaalcha gadi aantummaa namootaaf hinqabu.
Yaq 2:8 “Seera mootichaan kenname akka caaffanni qulqullaa'aan, "Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!" jedhutti, yoo raawwattan ba'eessa gochuu keessan.”
➡️Namni bilchaataan nama dubbii arraba isaa eeggatuudha.
@Jaala_Dhugaa