DeepFake AI beektuu? Mee gaaffiiwwan argaan gadii caqasaa.
1. Osoo nama jaalattan yookan ofii keessan video Jibbisiisaa wayii, kanneen akka p*rnography fi kkf keessatti argitanii maal gootu?
2. Osoo yakka isin hin hojjenne tokkorratti himatni isinirratti banamee, garuu ragaa Video osoo isin yakka hojjettanii isinitti dhiyeessanii, ofii keessan osoo yakka hojjechaa jirtanii of agartanii maal gootu?
3. Osoo isin waan akkasii hin raawwatiin ragaa sagalee keessanii osoo isin waan yakka ta’e dubbattanii isinitti fidanii seeratti isin dhiyeesanii maal gootu?
4. Osoo firri keessan kan kanaan dura boqotee jiru video call isiniif bilbilee sagalee isaatiin akkuma waan lubbuun jiruutti isinitti dubbatee maal gootuu?
Gaaffiiwwan armaan oliitti kaafne kunneen fakkeenya ta'u jenneetu malee wantootni kanaan olitti rakkisoo ta'an yeroo ammaa kanatti karaa salphaa ta'een raawwachuu danda'u. Babal'insa Artificial Intelligence hordofee 'DeepFake Artificial Intelligence' kan jedhamu viidiyoowwan sobaa, sagalee sobaa fi suuraa sobaa fakkeessee hojjechuun kan beekamu addunyaa keenya weeraraa jira. Bara 2017 irraa kaasee qorannoo guddaarra kan jiru yoo ta'u, karaa moodeloota AI kan akka "GAN - Generative Adversarial Network" leenjifamee, waanta qabatamaa hin taane qabatamaa fakkeessee hojjechuu danda'ee jira.
Moodeloonni akkanaa hojiiwwan gaggaarii akka hojjetaniif itti yaadamanii yoo kalaqamaniyyuu yeroo ammaa kana garuu hojiiwwan gaggaarii hin taaneef osoo oolaa jiranii yoo argaman addunyaa keenyaaf sodaa guddaa ta'anii jiru.
Moodeloonni kunneen kan hojjetan suuraawwan, viidiyoowwanii fi sagaleewwan nuti social media garaagaraa irratti maxxansinuu fudhatanii leenjisuudhaan fuula keenya fakeessanii, sagalee keenya fakeessanii, bifa viidiyootti jijjiiruunii fi kkf gochuun dhiyeessuu danda'u. Fakkeenyaaf: DeepFake fayyadamuun video Film beekamaa ta'e keessa ofii keenya galchinee akka waan fiilmicha keessatti hirmaanneetti sagalee mataa keenyaatiin osoo haasofnuu mul'isuu dandeenya.
1. "Yeroo wayii bilbila tokkotu itti gaafatamtuu herreegaa fi faayinaansii dhaabbata guddaa ta'e tokkoof bilbilama. Itti gaafatamtuun kutaa herreegaa fi faayinaansii sunis bilbila yoo kaaftu, sagalee abbaa qabeenyaa dhaabbata sanaa ta'uusaa adda baafattee nagaa gaafatti. Abbaan qabeenyaa sunis nagaa erga gaafateen booda, 'Ani amma qaamaan fageenyarra waanan jiruufi bittaa hatattamaa waan raawwachuu qabnuuf Account ani amma sitti ergurratti maallaqa doolaara miliyoona tokko transfer godhi' jedheenii bilbilasaa cufatee account jedhe ergaaf. Itti gaafatamtuun herreegaa sunis sagaleen isheen dhageesse kan abbaa qabeenyaa dhaabbatichaa ta'uusaarraan kan ka'e shakkii tokko malee ajajamtee waan jedhameen raawwatte. Haa ta'u malee daqiiqaa muraasaan booda ergaan gabaabaa maalaqa bahee abbaa qabeenyaa sanaaf yeroo galu, itti gaafatamtuu sanatti bilbilee 'maalaqni isin baasii gootan maali?' jedhaan. Isheenis maalaqa ati bilbilaan na ajajjedha jettin. Innis akka ajaja akkanaa hin raawwanne yeroo himuuf, isheen immoo sagaleesaa waraabdee akka turte himtiif. Boodarra hattoota DeepFake AI fayyadamanii isaan saaman ta'uusaa adda baafatan". Egaa taatee sana keessatti 'DeepFake AI based Voice Cloning' waan jedhamutti fayyadamanii sagalee namicha sanaa fakkeessuun waan namni biraa dubartittii faana haasawaa jiru, gara sagalee abbaa qabeenyaa sanaatti jijjiiruun (Instant Voice cloning) yakka saamichaa raawwataniiru.
Egaa taateewwan kana fakkaatan yeroo ammaa kana baay'ee babal'achaa jiru. Teeknooloojiiwwan kunneen hojiiwwan gaggaarii hojjechuu kanneen akka Roobootii leenjisuu, moodeloota sosochii taasisan ijaaruu, fuula namoota yakka hojjetanii adda baasuu, konkolaattota yakka hojjetanii miliqan adda baasuu fi hojiiwwan kumaatamaan lakkaa'aman hojjechuu keessatti gahee olaanaa qabaatanillee akkasumas bu'aan hammeenya isaaniis hammana kan hin jedhamnedha.