Namni michuu biyya lafaa ta'uu barbaadu, diina Waaqayyoo of in godha.
Michuu biyya lafaa hin ta'in ! Diina Waaqayyoo taata.
Akkamittiin Namni diina Waaqayyoo ta'a ?
✝ Wal qoccoluu fi wal loluu. Yaq 4:1
✝ Kadhannaa jibbuu ykn Waaqayyoon kadhachuu dhiisuu. . Yaq 4:2
✝ Kajeellaa yaada garaa ofiif bitamuu. Yaq 4:3
✝ Of tuullumaa ykn kooruu. Yaq 4:6
Kanneen armaan olii kana jalaa ba'uuf maal gochuu qabna ?
✅ Waaqayyotti of kennuu. Yaq 4:6
✅ Yaada qajeelaan kadhachuu. Yaq 4:3
✅ Michummaa biyya lafaa dhiisuu. Yaq 4:4
✅ Waaqayyo duratti gad of deebisuu ykn oftuulummaa dhiisuu. Yaq 4: 6 , 10.
@Singer_Megertu_Official
Like 👍
Share 📱📲
Michuu biyya lafaa hin ta'in ! Diina Waaqayyoo taata.
Akkamittiin Namni diina Waaqayyoo ta'a ?
✝ Wal qoccoluu fi wal loluu. Yaq 4:1
✝ Kadhannaa jibbuu ykn Waaqayyoon kadhachuu dhiisuu. . Yaq 4:2
✝ Kajeellaa yaada garaa ofiif bitamuu. Yaq 4:3
✝ Of tuullumaa ykn kooruu. Yaq 4:6
Kanneen armaan olii kana jalaa ba'uuf maal gochuu qabna ?
✅ Waaqayyotti of kennuu. Yaq 4:6
✅ Yaada qajeelaan kadhachuu. Yaq 4:3
✅ Michummaa biyya lafaa dhiisuu. Yaq 4:4
✅ Waaqayyo duratti gad of deebisuu ykn oftuulummaa dhiisuu. Yaq 4: 6 , 10.
📖 Yaq. 4Join 👥 @Kakuu_Studio
¹ Wal loluu, wal qoccoluus maaltu isin gidduutti kaase? Kajeellaa keessan isa bu'aa dhagna keessanii keessatti wal loluutu kana kaasa mitii ree?
² Waa kajeeltu malee, hin qabaattan; waan namaa hawwitanii ajjeesuuf in kaatu, garuu isa hawwitan argachuu hin dandeessan. Nama qoccoltu, nama loltus, kanaanis hin argattan; Waaqayyoon kadhachuu waan dhiiftaniif, wanta barbaaddan qabaachuu dadhabdan.
³ Yoo kadhattan immoo, yaada hamaadhaan waan kadhattaniif hin fudhattan; isin kajeellaa keessan itti ba'uudhaaf yaaddanii in kadhattu.
⁴ Isin namoota garagaggaltuu nana! Biyya lafaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii ree? Namni michuu biyya lafaa ta'uu barbaadu, diina Waaqayyoo of in godha.
⁵ Yookiis caaffanni qulqullaa'aan, "Waaqayyo, hawwa hinaaffaatiin hafuura isa nu keessa kaa'e duukaa bu'aa jira" yommuu jedhu, akkasumaan kan dubbatu isinitti fakkaataa ree?
⁶ Inni ayyaana isa caalu immoo in kenna; kanaaf caaffanni qulqullaa'aan, "Waaqayyo warra kooraanii ol of qabaniin in morma; warra gad of deebisaniif garuu ayyaana in kenna" in jedha.
⁷ Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.
⁸ Waaqayyotti dhi'aadhaa, innis isinitti in dhi'aata. Isin warri cubbamoonni, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri garaa walaallammii, garaa keessan qulqulleeffadhaa!
⁹ Akka gadadamtan beekaatii, gaddaa, boo'aa! Kolfi keessan boo'ichatti, gammachuun keessan gaddatti haa diddiiramu!
¹⁰ Goofticha duratti gad of deebisaa, inni ol isin in qaba.
@Singer_Megertu_Official
Like 👍
Share 📱📲