Dilbatadha!
Dur nuuf sambanni xiqqaa Fi guddaan guyyoota boqonnaati. Barnoonni hin jiru uffata keenya miiccannee qaama keenyas dhiqannee sammuu qulqulluun qilleensa qulqulluu fudhanna!
Jireenyan bara highschool baradhu sana dabarsaa turre sana har'a taa'een hawwuu eegale. Yeroo sana Yuunivarsiitii seenuun hawwa , har'ammoo osoon akkuma durii Hiriyoota ko( Wayyeessaa Fi Gaaromaa ) waliin qarqara magaalaatti bahee bashannane Hedduun hawwa ture.
Keessumaa Dilbata Rifeensa keenya dhiqannee cherchii deemna. Saa'atii booda ammoo Walitti qabamnee Kolfaa oollee bashannannee gammachuu Fi nagaa guutuudhaan galgala manatti galla. Kunoo Amma immoo guyyoonni laguu(sambataa Fi dilbanni) guyyoota Kaan caalaa guyyaa hojii Fi barnootaa nutti taate.
Dur hojii manaa Fi assaayimentii siif kenname galgala yeroo rafuuf jettu sireerra ciqilfattee page 1 qofa barreessitee xumurta! Amma assaayimentii tokko barreessuuf guyyaa guutuu sitti fudhata. Innuu yoo xiqqoo tahedha!
Dur yoo barataa baayyeen class irraa hafe maqaatu waamama;Amma quiz 'tu kennama! Dur barsiisaan diqiiqaa 40 ol barsiisnaan ol fuunee iyyina! Amma barsiisaan 2:30tti yoo class nuuf seene 5:30 bahaa irbaata nyaadhaa jedhee nurraa baha!
Dur kitaaba 8 ji'a kudhan guutuu baranna. Sanuu maths , fiiziksii Fi history faa immoo osoo hin xumuriin manni barumsaa cufama! Amma kitaaba tokkoosaa dubbistee xumuruu miti cirtee iyyuu hin xumurre ji'a 4 qofatti kitaabota 8 ol barattee fixxatta!
Keessumaa school of law Fi school of health barattee yeroo barnoota highschool Fi elementary yaaddattu miirotaa baayyeetu sitti dhaga'ama!
Yeroo tokko tokko imimmaantu ija si guuta yeroo tokko tokko immoo of taajjabda!
Anaanis guyyaa dilbataatu seenaa durii na yaadachiise! Dur yoona Cherchiin jira Amma kunoo Library'n jira!
Dilbata Mi'ooftuu qabaadhaa!
Michuu keessani✅