Waa'ee ke dagadhe
Yaannikees natti hafee
Osoon guyyaa tokko
Tasgabbaa'ee rafe!
Sin jaalladha jechuuf
Amalli kee dhibba
Danda'ees sin dhiisu
Gugee maaltu jibba?
Ammuma si loleen
Deebi'ee si yaada
Lola ko dagadheen
Si arguu barbaada!
Yoon qaamaan si argu
Dubbii keen mufadha
Jecha ke tokkittiin
Shantaman gufadha!
Narraa yoo fagaatte
Garaa na hammaata
Si bareen gubadhe
Akkam tahuu laata?
Yaannikees natti hafee
Osoon guyyaa tokko
Tasgabbaa'ee rafe!
Sin jaalladha jechuuf
Amalli kee dhibba
Danda'ees sin dhiisu
Gugee maaltu jibba?
Ammuma si loleen
Deebi'ee si yaada
Lola ko dagadheen
Si arguu barbaada!
Yoon qaamaan si argu
Dubbii keen mufadha
Jecha ke tokkittiin
Shantaman gufadha!
Narraa yoo fagaatte
Garaa na hammaata
Si bareen gubadhe
Akkam tahuu laata?