Dur yeroon waa'ee jaalala biyyaa baradhu ture waatu sammuutti na dhufa. Maatiinko hojjetaa mootummaa waan tahaniif amanamummaan biyyaa Fi uummata ofii tajaajiluu waan jedhutu na keessa deddeebi'a. Sammuunko gaaffii waan muraasa kaasa. Jaalalli biyyaa jiraannaan dhuguma maaliif miindaan hojjettootaaf kaffalama? Jechuunko warri biyya jaallatan lubbuu isaanii kaffaltii malee wareegaa erga turanii jechuu kooti.
Erga mootummaa irraa miindaa fudhatu tahemmoo nama qabu irraa qarshii biraa yoo fudhatee hojii ariifachiise maaliif Akka cubbuutti ilaalame? Qarshiin mootummaa irraa fuudhamu maalif Akka gubbootti hin ilaallamne?
Mootummaanis miindaa kaffaluun erga hin oollee maaliif hojjettoota isaaf qarshii gaarii Fi quubsaa hin kaafalu? Erga miindaa gahaa kaffaluun didee immoo Maalaammaltummaa Fi gubboo maalif yakka godhe. Itti kenninaan quubsuu ,dhowwaannaan dhowwachuu hin wayyuuyi?
Kamtu fooni kamtu looni? "Jaalalli qarshii hin barbaadu!"hin jennemoo. Biyyi eenyu hojjetaan immoo eenyu? Ani uummata mitimoo ? Biyyiko ana malee eenyuun waamamti?
Yaadichi yaada Ijoollummaati 🙄