Taatee tibbana Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti raawwate ilaalchisee ibsa kenname.
...................
Guraandhala 05/2017 Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti gocha gara jabbummaaan guutameen Abbaa Qabeenyaa hojii Inveestimentii irratti Boba’aa’anii hojjetan Obbo Zaakir Abbaa Olii irratti ajjeechaan rifaasisaaan raawwateera.
Uummanni Aanichaas gocha rifaasisaa raawwate kana baaaleffachuun mootummaan shakkamtoota hordofee qabuun seeratti akka dhiyeessu gaafataniiru. Kaan ammoo rifaatuu uumameen naannicha gadhiisanii bakka biraatti baqataniiru.
Mootummaanis battala taatechi mul’atee eegaluun uummata waliin ta’uun hojii hojjechaa jiruun Shakkamtoota qabee to’achuun seeraaf dhiheessaa jira. Namoota rifaatuu uumameen qe’ee isaaniirra bu’qqaa’anis gara qe’ee isaaniitti deebisaa jira. Haata’u malee dhaabbileefi namoonni dhuunfaan tokko tokko taatee uumameme gara dhimma amantaafi sabummaatti harkisuuf yemmuu yaalan ni mul’atu. Kun ammoo gocha dhokataa dhaabbilee kanaa saaxiluun gochicha keessaa harka qabaachuu isaanii agarsiisa. Kaayyoon dhaabbileefi namoota kanneenii duudhaa waliin jireenyaafi Obbolummaa uummanni dagaagfatee baroota hedduuf waliin jiraachaa ture faaluun walitti bu’iinsi amantaafi sabummaa bu’uureffate akka uumamu taasisuuf akka ta’e ni mul’ata.
Mootummaan rakkoo mudate hordofee uummata waliin ta’uun shakkamtoota hunda adamsee to’achuun seeratti dhiyeessuuf hojii eegale cimsee kan itti fufu yoo ta’u, qaamoleen gochicha dayeeffatanii kaayyoo isaanii dhokataa galmaa ga’achuuf ifaajan garuu gochicha irraa akka of qusatan cimsee akeekkachiisa.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Guraandhala 9/2017