SAGALEE SABAA


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Telegram


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
✉️NU QUUNNAMUUF✉️
@SAGALEE_SABAADM
➪ waver @MN_SMN
📚𝗕𝗔𝗥N𝗢𝗢𝗧𝗔𝗔𝗙📚
@SAGALEE_SABAA
🧭GORSA JIREENYAAF🧭
@SAFFISA_JIREENYAA

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


Gareen balaa ibiddaa ibidda guddaa kana to'achuu jalqabaniiru, garuu qondaaltonni bubbeen itti fufee jiru ''haala qilleensaa balaa guddaa geessisuu akka danda'uu fi naannoon Los Anjalas guutuu balaa ibiddaaf saaxilamuu akka danda'u akeekkachiisaniiru."

Ibiddi kun seenaa Ameerikaa keessatti balaa guddaa kan geessise jedhamuuf dhihaateera.

Dhaabbanni dhuunfaa tilmaamaa "Akuweezar" jedhamu qabeenyi sababa ibidda kanaan dhufu doolaara biiliyoona 250 hanga 275 akka ta'u tilmaameera. #BBC

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
"Magaalaan Loos Anjalas guutuun isaa sodaa balaa ibiddaa jala jira" - aanga'oota

Ameerikaatti Ibiddi bosona Los Anjalas ammallee to'annaan ala kan jiru yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii 24 gaheera. Namoonni 16 eessa akka seenan hin beekamne.

Haga Ammaatti naannoon Los Anjalas 3 gubataniiru.

Yeroo ammaa ibiddi guddaan kan jiru Palisadas yoo ta’u, lafa hektaara 9,307 kan gubee fi dhibbeentaa 11'n to’atameera.

Ibiddi Iiton isa 2ffaa yoo ta’u, lafa hektaara 5,665 ol gubeera. dhibbeentaa 27 to'annoo jala ooleera.

Ibiddi Heerast guutummaatti too'annaa jala kan oolee yoo ta'u, lafa hektaara 323 gubee jira.


#Affaaritti jiraattoonni 58,000 ol sababa kirkira lafaatiin qe'eerraa buqqa'an bakka biraatti qubsiifaman

Naannoo Affaar godina Gabirasuu aanaalee Dulasaa fi Awaash Fantaallee irraa namoonni 58,000 ol sababa kirkira lafaatiin buqqa’an gara wiirtuuwwan gaaddisa yeroo saddee keessatti qubsiifamuun deeggarsa argachaa akka jiran komaand poostiin naannichi hundeesse beeksise.

Hogganaan Biiroo Aadaa, Dargaggootaa fi Ispoortii Naannoo Affaar, akkasumas qindeessaa komaand poostichaa Ahmad Ibraahim DhPI’tti akka himanitti, jiraattota 54,180 gandoota 8 irraa buqqa’anii fi hojjettoota Warshaa Sukkaaraa Kasam 4,058 ta’an deeggarsa namoomaa argachaa jiru.

Qindeessaan komaandii poostii kanaa kirkira lafaa hanga Rektar Iskeelii 5.8 gahu irra deddeebiin mudate hordofee hawaasni rifachuu guddaa keessa akka turaniifi kanneen loowwan isaanii waliin gara naannoo Amaaraatti imalanis jiraachuu himan.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Daa'imni Kiiloo giraama 6.2 ulfaatu dhalate

Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaatti daa'imni Kiiloo giraama 6.2 ulfaatu dhalachuu ibsame.

Daa'imni kun Hospitaala sadarkaa jalqabaa Naaddaatti yaala baqaqsanii yaaluun dhalachuu Ispeeshaalistiin yaala Baqasanii yaaluu Hospitaalichaa Dooktar Dassaalenyi Tasafaayee himaniiru.

Yeroo ammaa daa'imniifi haati sadarkaa gaariirra jiraachuu ibsameera. #OBN

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Loosaanjalasitti Ibidda Bosonaa mudate hordofee labsiin yeroo ariifachiisaa labsame

Ameerikaa Loosaanjalasitti Ibidda Bosonaa mudate hordofee labsiin yeroo ariifachiisaa labsamuu gabaafame.

Balaa Ibiddaa kanaan namoonnii kumni 30 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu eerameera.

Ibiddichi yeroo muraasa keessatti lafa hektaara kuma 2 fi 900 uwwisuu ibsameera.

Balicha hordofee magaalichatti labsiin yeroo ariifachiisaa labsamuu BBCn gabaaseera.

Taatee mudate kanaan jiraattoonni kuma 200 ol Tajaajila Elektirikaa dhabuu fi manneen barnootaas cufamuu himameera.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan naannawaa balichi mudate tumsuun baajata barbaachisu raggaasisuu eerameera.

Jiraattoonni Kaaliifoorniyaa keessa jiraatan balaa kanaaf saaxilamoo ta’uu isaanii ibsameera.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


Obbo Bulchaa Dammaqsaan du'aan addunyaa kanarraa boqotan 

Gameessa siyaasaa fi qabsa’aa, akkasumas hayyuu diinagdee kan turan Obbo Bulchaa Dammaqsaan umurii isaanii 94’tti du’aan addunyaa kanarraa boqotan.

Obbo Bulchaan bara Haayilasillaasee kaasee siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa taasisaa kan turan yoo ta’u, waggoota 20 dura paartii Sochii Dimokraatawaa Federaalawaa Oromoo (OFDM) hundeessuun beekamu.

Gama diinagdeetin waggaa 30 dura bara 1994 baankii dhuunfaa yeroo ammaa kana biyyattii keessatti milkaa’inaan maqaan isaa ka’u Baankii Awaash hundeessuun, boodarras hojii gaggeessaa baankichaa ta’uun tajaajilaniiru.

Kana malees miseensa boordii Baankii Addunyaa, akkasumas Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) keessatti ogeessaa diinagdee ta’uun tajaajilaniiru. 

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Itoophiyaan bara 2024 sababa uggura intarneetiin doolaara miiliyoona 211 ol dhabde

Itoophiyaan bara 2024tti intarneetii cufuu fi uggura miidiyaa hawaasaa mootummaan kaa’een kasaaraa diinagdee Doolaara miiliyoona 211.2 irra gahuu marsariitiin taateewwan uggura intarneetii biyyoota addunyaa gamaaggamu Top10VPN beeksiseera.

Sadarkaa addunyaatti biyyoota kasaaraa guddaan isaan mudate akka #Paakistaan (doolaara biiliyoona 1.62) fi #Maayinamaar (doolaara biiliyoona 1.58) dabalatee biyyoonni 28 uggura intarneetii kanaan kan miidhaman yoo ta’u, waliigalaan doolaara biiliyoona 7.69 dhabaniiru.

✅Odeeffannoo fi barnootaa dabalataa argachuuf chaanaalii keenya #join fi #share godhaa.👇👇👇
https://t.me/SAGALEE_SABAA
https://t.me/SAGALEE_SABAA


#Odeeffannoo barattoota Kutaa 12ffaa

Galmeen qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Ammajjii 6/2017 sa'aatii 10:00 irratti akka xumuramu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata beeksise.

Kanaaf barattoonni galmee hin xumurre yeron darbuun dura akka xumurtan tajaajilichi dhaamsa dabarsa.
Qabiyyee qormaata bara 2017 ilaalchisee ergaa tajaajilichi erge keessatti; Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akka waliigalaatti kutaa 9-12 kan hammatu yoo ta’u, qormaanni naannoo kutaa 8ffaa ammoo kutaa 7-8 kan hammatu ta’uu ibsaniiru.

Barattoonni kitaaba barattootaa sadarkaa kutaa kutaa irratti hundaa’uun qophaa’uu akka qaban tajaajilichi akeekeera.

✅Odeeffannoo fi barnootaa dabalataa argachuuf chaanaalii keenya #join fi #share godhaa.👇👇👇
https://t.me/SAGALEE_SABAA
https://t.me/SAGALEE_SABAA


Jaallatamaa Maamilaa

Gowwoomsaa yeroo ayyaanaa irraa of eegaa!

Lakkoofsa mirkaneessaa yeroo tokkoo (OTP) keessan qooduu dhiisuu, ergaa mirkaneessa kaffaltii hin baramneef deebii kennuu dhiisuu, fi hidhaa hin beekamne banuun gowwoomsitoota irraa of eegaa!

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Xiyyaara Eer Baasii A350 -1000 3ffaa fudhate.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa barii bara haaraa 2025tti Xiyyaara Eer Baasii A350 -1000 3ffaa fudhachuu beeksiise.

Daandiin qilleensichaa Xiyyaaroota mijatoofi ammayyaa hojiirra oolchuun maamiltootaaf tajaajila si’aataafi amansiisaa kennaa jiraachuu ibsame.

Damee Aviiyeeshinii Afrikaatti milkaa’ina olaanaa itti goonfate sadarkaa idil addunyaattis dorgomtummaa isaa caalmaatti cimsuuf hojjechaa jiraachuu ragaan miidiyaa hawaasummaa Daandii Qilleensa Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Finfinneetti lakkoofsa herreega baankii banachuuf waraqaan eenyumaa 'Faayidaa' ulaagaa ta’uu Egaalame.

Baankileen magaalaa Finfinnee keessatti argaman maamilli lakkoofsa herreega baankii banachuuf waraqaan eenyumaa diijitaalaa Faayidaa ulaagaa jalqabaa ta’uu beeksisan.

Hojimaanni kunis har’a Amajjii 01, 2025 eegalee hojiirra oola jedhame.

Akkaataa qajeelfama Baankii Biyyaalessaan guyyaa har’aa eegalee baankileen magaalaa Finfinneetti argaman hundi hojimaaticha hojiirra oolchuu jalqabuu ibsame.

Ulaagaan kunis adeemsa keessa guutuu biyyattii naannolee hunda keessa akka hojiirra oolu eerame.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Komii Barattoota koollejjii BHT magaalaa Buunnoo beddeellee.

Dhaabbannii BHT jedhamu kun bara 2013 irraa eegalee beekamtii fi eeyyamaan qaba jechuun gosa barnoota accounting, businesses management dhaan sadarkaa digirii jalqabaatiin waggaa 4f barsiisaa Kan ture yoo ta'u garuu eeyyamaf beekamtii malee barsiisaa turuu dubbattu.

"Wayita nuti eyyama keessan nuuf dhiheessan jennuun Barattoota gaaffii akkasii gaafatan doorsisuu,ari'uu fi ifaachuudhaan nu burjaajessaa turaniiru"Kan jedhan barattoonnii kunneen gowwomfamaa akka turan dubbatu.

Barattoonnii kunneen bulchiinsaa magaalaa beddeellee,waajira carraa uumuu godinaa,waajira galii maagaalaa,waajira paartii,waajira Abbaa alangaa fi kkf qaamaan akkasumas bifa barreeffamaan karaa garaa garaan gaafachaa turuu isaaniis ibsan.

Haa ta'u malee deebiin isaanii doorsisaa fii Abbaa qabeenyaa akkamiin gaaffii akkasii gaafattuu Kan jedhu ta'uus himan.

"Kana malees BBO wayita deemnus dhimma kana nu osoo hin taanee federaalatu hooggana"jechuudhaan fala osoo nuuf hin kenniin ofirraa nu deebisan jechuun komii isaanii dhiheeffatan.

Dabalataan dhimmicha Gara mana murtii olaanaa magaalaa beddellettii geessuuf Abukaatoo bituudhaan himata bananii akka turanis ibsaniiru.

"Furmaata dhabnee rakkachaa jirraa kanaafuu qaamnii dhimmichi ilaallatutti deebii fi furmaata akka nuuf kennu barbaannaa" jedhen.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


#Sidaamaatti balaa tiraafikaa namoota cidha dhaqan irratti mudateen namoonni 71 du’an

Naannoo Sidaamaa aanaa naannawaa Boonaa laga Gaalaanarratti balaa tiraafikaa Muddee 29, 2024 mudateen lubbuun namoota 71 darbuu ibsame.

Konkolaataan namoota cidha dhaqan fe'ee imalaa ture godina Baha Naannoo Sidaamaa aanaa naannawaa Boonaa riqicha laga Galaanaarraa kufuun balaa kana qaqqabsiisuu eerameera.

Balaa kanaan lubbuun namoota 71 yoo darbu, namoonni miidhaan irra qaqqabe Hospitaala Waliigalaa Boonaatti yaalamaa jiraachuu ibsameera.

Mootummaan Naannoo Sidaamaa gadda itti dhagahame ibsuun, maatii miidhamtootaaf jajjabina hawweera.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Balaa Xiyyaaraa Kooriyaa Kibbaatti mudate hordofee gaddi biyyaalessaa guyyoota 7'f labsame

Kooriyaan Kibbaa Balaa Xiyyaaraa halkan edaa mudate hordofee gadda biyyaalessaa guyyoota 7'f labsite.

Xiyyaarri Taayilaand Baankuukii imaltoota 175fi hojjettoota 6 fe'ee Kooriyaa Kibbaa Buufata Xiyyaaraa idil Addunyaa Mu'aanitti waayita qubachuuf yaalu kufee caccabuun lubbuu namoota 177 galaafachuu hordofee biyyattiin gadda biyyaalessaa kana labsuu ibsame.

Hojjettoonni lama lubbuun yoo argaman, carraan namoota hanga ammaatti hin argamnee maal akka ta'e hin beekamne jedhame.

Xiyyaarri qabeenyummaan isaa kan Daandii Qilleensaa Jaaju jedhamu ta'e, Booyingi 737 - 800 waayita qubachuuf jedhu dallaatti bu'uun balaa kana qaqqabsiisuu BBC'n gabase.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa balaa gaddisiisaa qaqqabeef dhiifama gaafachuu eerame.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Aksuumitti barattoonni hijaaba uffatan gara mana barumsaa akka hin galle dhoorkaman

Naannoo Tigraay godina Giddugaleessaa magaalaa Aksuumitti barattoonni “hijaaba uffatanii gara mana barnootaa akka hin galle dhoorkamaniiiru.

Gochaan kuni “walabummaa barnootaafi amantaa dhiiba” jechuun ibsameera.

Barattoonni musliima gara mooraa mana barnootaa akka hin seene akka dhoorkamaniifi  mormii kaasuus himameera.

“Manneen barnootaa mirga barachuun keenya nu dhoorkaa kan jiran sababa akkaataa dambii amantii keenyaatiin hijaaba uffanneefiidha. Hijaaba uffata dambii barattootaa waliin wal fakkaatu akka hin uffanneeyyuu nu dhoorkaniiru,” jechuun barattoonni himaniiru.

Bakka bu’aan dhimma Islaamummaa godina Giddugaleessa Obbo Geetuu Kaahsaay rakkoon kuni ji’ooota lama dura eegaluu ibsuun qaama dhimmi ilaallatuuf xalayaa barreessuu beeksiseera.

Haa ta’u malee, torban lama booda irra deebiin barattoonni kunneen gara mana barumsaa akka hin galle dhoorkamuu Obbo Geetuun himeera.

Kana malees, biiroo dhimma Islaamummaa magaalaa Aksuum rakkoo kana furuuf yaalii taasisaa turuu ibseera.

“Rakkichi yeroo dhiyootti hiikamee hiriyoota gareesaaniitti akka makaman ni taasifna jennee amanna,” Geetuun jedheera.

Biiroon dhimma Islaamummaa Aksuum, xalayaa Kamisa Fulbaana 30, 20217 ALI barreesseen, manneen barnootaa Wara, kindeeyaa, Addabaabaayfi mana barumsaa qophaa’inaa dabalatee walumaagalatti barattoonni 140 ta’an qormaata biyyaalessaa akka hin fudhanne dhoorkamuu Geetuun eeree ture.

Barreessaan Biiroo dhimma Islaamummaa naanno Tigraay Haajii Mohaammad gochaa manneen barnootaa kana qeequun barttoonni gara mooraa manneen barnootaatti akka hin galle dhoorkamuun isaanii qormaata biyyaalessaaf osoo hin galmaa’in hafuu eereera.

“Hijaabni dubartoota Musliimaaf hiikaa guddaa qaba,” jechuun mirga kana dhoorkuun walabummaa amantaarratti dhiibbaa uumuu ta’uu Haajiin Addis Standard’tti himaniiru.

Gochaa walabummaa amantaa dhiibu kuni heera biyyattii kan faallessuu ta’uu eeruun, “hoggantonni manneen barnootaa hijaaba uffachuu akka siyaasaatti ilaaluun” dogoggora ta’uu himeera.

“Dhaabbileen barnootaa sabdaneeessummaa kabajuufi naannawa nageenyi barattoota hundaa itti kabajamu uumuu qabu,” jechuun manneen barnoota garuu faallaa hojjachaa jiraachuu Obbo Haajiin dubbataniiru.

Uffata amantaa dhoorkuun hariiroo hawaasa gidduu jiru miidhuu akka danda’u himameera.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Qabeenyi Waliigalaa Baankichaa Birrii Tiiriliyoona 1.9 qaqqabuun ibsame

Qabeenyi waliigalaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Birrii Tiiriliyoona1.9 qaqqabuu Pireezidaantiin Baankichaa Abbee Saanoon ibsan.

Baankichi kanaan dura ijaarsa Pirojektoota guguddoof dhala xiqqaan Birrii biiliyoonan lakka’aman liqeessaa turuu ibsuun,Kanaanis baankichi rakkoo keessaa turuu Pireezidaanti Abbeen himaniiru.

Amma garuu fooyya’insa taasifameen Baankichi cee’umsaa fi milkaa’inoota guguddoo irra jiraachuu kaasaniiru.

Erga Imaammanni Fooyyeessi Diinagdee Gooroo hojirra oolee as sochiin waligalaa baankichaa sadarkaa olaanaatti cee’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan qabeenyi waliigalaa Baankichaa Birrii Tiiriyoona 1.9 fi Qusannaan waliigalaa Birrii Tiiriliyoona 1.4 qaba.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!


Fooyya’iinsi nyaataa gad bu’eera. yeroo Mallaqaa 22 ture caalaa gaarii ture jedhu Barattoonni.

➡️Karoorri haaraa nyaataa yeroo ammaa Yuunivarsiitiilee hunda keessatti hojii irra oolaa jiru barattoota biratti komii guddaa uumeera.

➡️Barattoonni baay’ina(Qulqullinni) nyaataa ni xiqqaate, akkasumas yeroo nyaanni qarshii 22 ture caala Gadi bu'e jedhanii dubbatu.

➡️Hangi Nyaataa Baay'ee Gadi bu'e Maallaqni Ammoo 22 irraa Dachaa 5 gara 100tti Guddatte Safuudha jedhu barattoonni

➡️Kanaaf daballiin qarshii fooyya’iinsa nyaata irratti jijjiirama tokko illee hin fidne, Wal hin simnes jedhu

📈Dooktar Solomoon  Hoogganoota Giddugala Barsiisota Ol’aanaa fi Hojii Hoggansaa Ministirii Barnootaa keessaa tokko, akkana jedhan:
“Baajata nyaataa qarshii 100 godhuun jijjiirama guddaa fidu hin danda’u. Nyaanni fooyya’eera jechuun miti; akkasumas jijjiiramuu illee hin danda’u. Yeroo durii barattoonni qarshii 22 qofaan nyaata argachaa turan, garuu nyaata gahaa hin arganne.”

➡️Yuunivarsiitiileen duraanii, baajata isaanii keessa, nyaata barattootaaf kennuuf baay’ee xiqqaa turan

➡️Sababa kanaan, yuunivarsiitiileen baajata isaanii xiqqaachaa deemuun, hojiin isaanii laaffachuu fi tajaajilli isaanii gad bu’uu danda’e. Kanaaf, nyaata fooyya’aa fiduuf mariin qophaa’eera. Hojii kana keessatti bakka bu’oonni barattootaa hirmaataniiru.

➡️Dabalataan, qaamoleen bakka bu’aa barattootaa itti gaafatamummaa fudhachuun kallattii sirrii hordofuu qabu jedhamee jira.

📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

18 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.