#Itoophiyaa fi #Ruwaandaan shororkeessummaa dabalatee yakkoota daangaa ce’an waliin ittisuuf waliigalan
Itoophiyaa fi Ruwaandaan yakkoota shororkeessummaa, daddabarsa namootaa seeraan alaa fi yakkoota daangaa ce’oo waloon ittisuuf waliigalaniiru.
Waliigalticha Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallash Gabramikaa’eeli fi Inispeektarri Poolisii Biyyaalessaa Ruwaandaa Jeneraal Feliiksi Naamuhoraniyeen mallatteessaniiru.
Dhaabbileen biyyoota lameenii teeknooloojjii fi dameelee garaagaraan muxannoo wal jijjiruun isaanii ibsameera. Keessattuu Yuunivarsiitii Poolisii Itoophiyaa fi Akkaadaamii Poolisii Biyyaalessaa Ruwaandaatti poolisoota leenjisuu fi muuxannoo wal jijjiiruuf waliigalan.
Waliigaltichi yeroo gabaabaa keessatti hojiitti akkan galuuf dhaabbileen poolisii biyyoota lameenii koree Teeknikaa hundeessuu ragaan Poolisii Federaalaa irraa argame ni mul’isa.
📡MIIDIYAA @SAGALEESABAA 📡
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!