Oduu Gammachiisaa!
Barattoota Kutaa 10ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaatti Barachuu Barbaadan Hundaaf
----------
BBO - Hagayya 02/2018 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Shan Keessatti Bara 2018 Irraa Eegalee Barattoota Qaxalee Kutaa 9ffaa Simachuun Barsiisuu Kan Eegale Ta'uun Ni Beekama.
Haaluma kana bu'uureeffachuun Ministeerri Barnootaa Bara Barnootaa 2019 Barattoota Kutaa 10ffaa Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa adda addaa keessatti barachaa turan kutaa 9ffaa irraa gara 10ffaa qabxii olaanaan darban dorgomsiisee Manneen Barnootaa 5 ( Walisoo, Bu'ii, Jigjigaa, Bongaafi Gaambeellaa ) keessatti simachuuf ulaagaa baasee waamicha taasisuuf qophii xumuruu beeksisee jira.
Kanaafuu, Barattootni MB. Sad. 2ffaa kamiyyuu keessatti barachaa turtaniifi kutaa 9ffaarraa gara 10ffaa qabxii olaanaa galmeessiftanii dabartan dorgomtanii galuu akka dandeessan qophii barbaachisaa akka taasiftan isin beeksifna.
Carraa Gaarii!