#Beeksisa_Barattoota_Kutaa_10ffaa
Barattoonni kutaa 10ffaa, bara barnootaa 2019 E.C. manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa addaa mootummaa federaalaa (Federal Special Boarding Secondary Schools) keessatti barachuuf galmooftanii qormaata seensaa fudhattan, liinkii isin ittiin galmooftanitti seenuun lakkoofsa eenyummaa (ID) fi jecha iccitii (Password) keessan galchuun bu’aa qormaataa keessanii ilaaluun ni dandeessu.
Barattoonni qormaata darbaniis, mana barumsaa itti ramadamtan achuma irratti ilaaluu ni dandeessu.
Ministeerri Barnootaa akka ibsetti, barattoonni bu’aa qormaata isaanii irratti hundaa’uun of eeggannoodhaan filatamaniiru. Kanaaf, bu’aa qormaataa ykn mana barumsaa itti ramadamtan ilaalchisee komii gosa kamiyyuu hin fudhatu.
📅 Barnoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa addaa mootummaa federaalaa hunda keessatti:
Fulbaana 05, 2019 E.C. irraa eegalee ni jalqaba.
Odeeffannoo haaraya barnootaan walqabatan kamiyyuu argachuuf 👇👇👇
https://www.facebook.com/GammachiisOromoo.etgochuun maatii ta'aa
telegram keenya #join gochuun nu hordofuu ni dandeessu.👇👇
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂:
https://t.me/barsiisotaf