📆 Daily Devotional 75 | Spiritual Growth
╭════▪▪▪▪════╮
✅ Fakkeenya 31:30 ✅
╰════▪▪▪▪════╯
🌷 HARIIROO GAA'ELA KEESSAA
✅ Kutaa 13ffaa
🛑 WANTOOTA UMURII DULLUMMAA IRRATTI ITTI GAABBUU DANDEESSAN
Yeroo dargaggeessa taanetti, waa'ee egeree utuu hin yaadin filannoo adda addaa filachuu dandeenya. Yeroo tokko tokko filannoowwan sun walakkeessa jireenya keenyaa keessatti nu madeessu. Wantoota namni tokko yeroo dulluma isaa itti gaabbuu danda'u keessaa muraasni kunooti:
1. Nama Siif Hin Taane Fuudhuu
Yeroo dargaggummaa keetiitti kaka'umsa fuudhuuf qabdu ilaali. Hiriyyoota kee fakkaachuuf, ykn ejjennoo hawaasummaaf ykn dhiibbaa irraa kan ka'e hin fuudhin. Jaalalaa fi hiriyyummaaf fuudhi, nama siif sirrii fuudhi, hiriyyaa kee dhugaa fuudhi. Sababni isaas, nama dogoggoraatti ykn sababa dogoggoraatiin yoo heerumte umurii kee guutuu nama sana waliin jiraatta. Sababa ati isa dogoggoraa filatteef, haalotni isin lamaan gidduutti hammaachuu dandaʼu; sana booda dhiphinni sammuu, miidhaan qaamaa, dhukkubbiin, salphinni, dhimmi mana murtii akkasumas hadhaa’ummaan waggoota walakkeessa jireenya kee keessa dhufu. Yeroo ijoolleen dhufan immoo haalichi caalaatti hammaata. Hiriyaa gaaʼelaaf yeroo dargaggeessa taatetti filannoo sirrii taʼe godhi.
2. Carraa Ati Itti Hin Fayyadamne
Yeroo dargaggeessa taatetti balballi hedduun ni banama, carraa hedduu argatta. Dargaggoonni hedduun sodaa, dadhabina ykn of tuuluudhaan carraawwan kana dhiisu. Dargaggeessa qaxalee ta'i. Tokko tokko immoo carraa baay'ee guddaan waan jiru waan itti fakkaatuuf carraawwan argatanitti osoo hin fayyadamiin hafu. Carraawwan jiranitti fayyadami ykn yeroo umuriin kee dulloometti duubatti deebitee carraawwan darbe sana qabaachuu barbaadda.
3. Gaa'ela Diigde
Kaadhima kee gaariitti heerumtee; ji'oonni jalqabaa gaa'ela keessa turan gaarii turan garuu yeroo muraasa booda qarshii fi hawwata keetiin hariiroo biraa qabaachuu jalqabde. Amanamummaa dhabde. Hiriyaan gaaʼelaa kee akka dhaabdu si kadhatte, ijoolleen kee si jalaa miidhamuu jalqaban, gaaʼelli kee diigamaa dhufe. Gaaf tokko yeroo umuriin kee dulloomu, dhimmoota siif hin fayyadne keessatti gammachuu yeroodhaaf qofa gaaʼela gaarii ijaaruu jalqabde sana balleessuu keef hammam gowwummaa keessa akka turte sitti dhagaʼama. Miidhaa ijoollee fi hiriyaa gaaʼelaa kee irratti geessistes ni hubatta.
4. Waaqa Ati Gante
Yeroo dulloomtetti ogeessa taata, jireenya karaa caalaatti hiikaa qabuun yeroo ilaaltu Waaqayyo caalaatti dhugaa ta'a. Garuu walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabdutti gammaduu jalqabuuf dulloomuu hin eegin. Yeroo dargaggeessa taatetti Waaqayyoon beeki, egeree kee Waaqayyoo wajjin ijaari. Dargaggeessa finciltuu yeroo umuriin deemu gara Waaqayyootti deebi'u hin ta'in.
5. Qaama Ati Miite
Jireenya kee guutuu waliin jiraachuuf qaama tokko qofa qabda. Sigaaraan, alkooliin ati garmalee fayyadamte, qorichi sammuu namaa hadoochu ati fudhatte akkasumas nyaata fayya-dhabeessi ati nyaatte suuta suutan si balleessu. Yeroo umuriin kee 50 ta’ee dhukkuboonni si qabanitti, yeroo dargaggummaa kee qaama kee osoo kunuunsitee hawwita; amma garuu miidhaan sirra gaheera.
6. Yeroo Qisaasessite:
Yeroo dargaggummaa kee kan yaaddoo, hariiroo dogoggoraa, dhibaa'ummaa, sababa baay'isuu fi waan hiika hin qabne hordofuun qisaasessite yoomiyyuu deebitee hin argattu.
7. Abjuu fi Dandeettii Ati Irratti Hojjachuu Dhiiste
Yeroo dargaggeessa taatetti dandeettii qabda. Wantoonni ati hojjechuu jaallattuu fi ga’umsa itti qabdu ni jiruu? Dandeettiiwwan sana guddifadhu, itti fayyadami, gufuuwwan si mudatanis abdii hin kutin. Abjuu kee irratti abdii hin kutin. Yoo abdii kutatte yeroo dulloomtetti hiriyoota kee kanneen waan jaallatanitti cichanii hojjetanii milkaa'an ilaaltee "Sun ana ta'uu danda'a ture" jettee ofitti yaadda. Ogummaa kee hordofi, barnoota jaallattu baradhu. Dirree si hin quubsine keessatti bara jireenyaa kee hin qisaasessin.
.
.
.
Share, Like
Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
👉💐👉💐👉💐👉💐
@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio