FANNOO IRRATTI!
Dirrakee urate keessaan
Coccobuu dhiigakee ilaalee
Wargama keettan gatee
Sossodaachaa deemuu kalee
Gollikoo seenaa hin beeku
Seenaa golgootaa malee
Eyyee..
Yeessoon golgoota oole
Golgaa golaa godhee galee
Kanaaf jechi nan geenye
Uffee... yoon jedhe malee
Yeessoo!!!..
Utuu si dhukkubuu
Obsitee rukkuttaa gaafichaa
Cobdee dafqa xuruurte
Dirqama waamichaa
Tulluuti hollachaa ijaarte
Olfageenyi gaarichaa
Gindiiti gangalchite
Ulfaatinni jirmichaa
Waaqaaf lafa gidduudhaa
Xumuruunkee dhimmicha
Utuu si ta'uu baatee
Maaltu mo'aa lolicha!
Ulfaadhu tokkichakoo
Ati dhuguma mooticha
TOKKICHA KOO....
Gaarummaa keen daddarbaakoo
Qajeelummaatti jijjiirtee
Afaan du'aarraa na buufte
Alaanfataasaa miccirtee
Barbaraan akkan jiraadhuuf
Seerrata dachee jijjiirtee
Naaf baattee godaannisa
Dirmammooftee dhiiga roobdee
Harka garaa laafu dhabdee
Bakkakoo boossee gadooddee
Akkamittan dagadha oolmaakee
Tulluu lafee mataa kaleessaa
Siidaa dhugaa ijaarrattee
Jiraatta malee na keessa
Hireekoo hiraarfamtee
Daddarbamaa orma tarree
Tokkicha naaf of wareege
Fakkaataa keen agarre
Abba keetti gaafa iyyattu
Nuffitee alangaa reebichaa
Qoonqoo kee gogaarratti
Si unachiisan eebicha
Anaaf taate kana mara
Na oolchuuf dararamte
Daddarbamaa tulluu golgootaa
Bitaaf mirgaan kabalamtee
Sababbii kee lubbuun kan koo
Tolootatti dabalamte
Oolmaakee maal siif laadheen
Dadhabbii kee ofirraa baasaa?!
Qumbii galatakoo buqqiseen
Kuusaa ililleekoo
Jilbakeetti dhagalaasaa.
TOKKICHA KOO....🙏🙏
#Abay...✍
@Tawaahidoo
Dirrakee urate keessaan
Coccobuu dhiigakee ilaalee
Wargama keettan gatee
Sossodaachaa deemuu kalee
Gollikoo seenaa hin beeku
Seenaa golgootaa malee
Eyyee..
Yeessoon golgoota oole
Golgaa golaa godhee galee
Kanaaf jechi nan geenye
Uffee... yoon jedhe malee
Yeessoo!!!..
Utuu si dhukkubuu
Obsitee rukkuttaa gaafichaa
Cobdee dafqa xuruurte
Dirqama waamichaa
Tulluuti hollachaa ijaarte
Olfageenyi gaarichaa
Gindiiti gangalchite
Ulfaatinni jirmichaa
Waaqaaf lafa gidduudhaa
Xumuruunkee dhimmicha
Utuu si ta'uu baatee
Maaltu mo'aa lolicha!
Ulfaadhu tokkichakoo
Ati dhuguma mooticha
TOKKICHA KOO....
Gaarummaa keen daddarbaakoo
Qajeelummaatti jijjiirtee
Afaan du'aarraa na buufte
Alaanfataasaa miccirtee
Barbaraan akkan jiraadhuuf
Seerrata dachee jijjiirtee
Naaf baattee godaannisa
Dirmammooftee dhiiga roobdee
Harka garaa laafu dhabdee
Bakkakoo boossee gadooddee
Akkamittan dagadha oolmaakee
Tulluu lafee mataa kaleessaa
Siidaa dhugaa ijaarrattee
Jiraatta malee na keessa
Hireekoo hiraarfamtee
Daddarbamaa orma tarree
Tokkicha naaf of wareege
Fakkaataa keen agarre
Abba keetti gaafa iyyattu
Nuffitee alangaa reebichaa
Qoonqoo kee gogaarratti
Si unachiisan eebicha
Anaaf taate kana mara
Na oolchuuf dararamte
Daddarbamaa tulluu golgootaa
Bitaaf mirgaan kabalamtee
Sababbii kee lubbuun kan koo
Tolootatti dabalamte
Oolmaakee maal siif laadheen
Dadhabbii kee ofirraa baasaa?!
Qumbii galatakoo buqqiseen
Kuusaa ililleekoo
Jilbakeetti dhagalaasaa.
TOKKICHA KOO....🙏🙏
#Abay...✍
@Tawaahidoo