Na keessatti si arganii
Na alafkachaa,
na cirrifkachaa darbani!
Giroo isaaniiti
An lubbuu biraati
Kurmaanni dirrisu
Sirraa nan ittisu!
Orma mitii anuu hindandeenye
hidhee mana of hinkeenye!
Hariiroon keenya gaara
Onnee machooftuu caala!
Qilleensi bubbisu
Sirraa nan deebisu!
-
Akka re'eefii akka qeerransa
Warri wal quncisu kaleessa;
Bara walirraa buqqisetti qeensa
Ani hindhaga'u qilleensa,
waan fedhan,
haa jedhan,
yoomiyyuu ati na keessa!
Firummaa Hayila-Sillaasee hinqabu;
kan badu gaafa lolaa
kan dhufu gaafa tolaa
nan oofu bubbeen ololaa!
Sirrattis ololamu,
Ittiinis qoccolamu,
Oduun nan fidne sitti
Kanaaf an hinbulu itti!
Gaafa tolaas, gaafa lolaas si faana
Wiirtuu jaalalakootti si qofat aana!
-
Kakaaf ga'uunkoo,
Waadaa galuunkoo
Jabaa ta'ee miti kan naaf danda'ame
Keessoo kootu addatti siin qabame
Nama tuqame keessisaa
humna akkamtu teessisa?
Anaan,
Ija miti, qalbii kootu sitti na'e
Isatu; haphee laphee natti ta'e
Eenyutu si kaasa achirraa
suga qalbii- miira dirraa!
...
Ru'ii ru'ii keessa burraaqxu jabbiffa
Qalbii akkamiitu danda'eetoo balfa?
Dibbee alaa-halaalaa dha'amu
Ittiin sirbuun naan danda'amu,
tasumaa,
kanuma.
-
Warri na cirrikfatan
Akka diniqfatan
Warri waanmallee haasa'an
Gaaftokko akka qaana'an
Abdiinkoo baroodha
Murteessaan yeroodha,
An siif iddoon qaba;
iddoo -- giidoo jabaa!
* * *
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala
Na alafkachaa,
na cirrifkachaa darbani!
Giroo isaaniiti
An lubbuu biraati
Kurmaanni dirrisu
Sirraa nan ittisu!
Orma mitii anuu hindandeenye
hidhee mana of hinkeenye!
Hariiroon keenya gaara
Onnee machooftuu caala!
Qilleensi bubbisu
Sirraa nan deebisu!
-
Akka re'eefii akka qeerransa
Warri wal quncisu kaleessa;
Bara walirraa buqqisetti qeensa
Ani hindhaga'u qilleensa,
waan fedhan,
haa jedhan,
yoomiyyuu ati na keessa!
Firummaa Hayila-Sillaasee hinqabu;
kan badu gaafa lolaa
kan dhufu gaafa tolaa
nan oofu bubbeen ololaa!
Sirrattis ololamu,
Ittiinis qoccolamu,
Oduun nan fidne sitti
Kanaaf an hinbulu itti!
Gaafa tolaas, gaafa lolaas si faana
Wiirtuu jaalalakootti si qofat aana!
-
Kakaaf ga'uunkoo,
Waadaa galuunkoo
Jabaa ta'ee miti kan naaf danda'ame
Keessoo kootu addatti siin qabame
Nama tuqame keessisaa
humna akkamtu teessisa?
Anaan,
Ija miti, qalbii kootu sitti na'e
Isatu; haphee laphee natti ta'e
Eenyutu si kaasa achirraa
suga qalbii- miira dirraa!
...
Ru'ii ru'ii keessa burraaqxu jabbiffa
Qalbii akkamiitu danda'eetoo balfa?
Dibbee alaa-halaalaa dha'amu
Ittiin sirbuun naan danda'amu,
tasumaa,
kanuma.
-
Warri na cirrikfatan
Akka diniqfatan
Warri waanmallee haasa'an
Gaaftokko akka qaana'an
Abdiinkoo baroodha
Murteessaan yeroodha,
An siif iddoon qaba;
iddoo -- giidoo jabaa!
* * *
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala