Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan 👇👇👇
👉Wal'aansoo nama biraa caalaa wal'aansoo keessa keetii moo'achuu irratti xiyyeeffadhu. Guddinniifi milkaa'inni kan dhufu wal'aansoo jireenya dhuunfaa ofii moo'achuu irraa dhufa malee, wal'aansoo ati namootaa wajjin taasiftu irraa miti. Inni inumaa si xiqqeessaa deema malee sin guddisu.
👉Yeroo hundumaa jireenya fayyaalessa, garaa qulqullummaafi jaalala namaaf qabuun guutamii jiraadhu gammachuufi nagaan ati qabdu dabalaa bula. Waan sirraa eegamu kana yoo goote namni biraa akkas ta'us ta'uu baatus sin dhibiin. Waanuma hojjettutu siif deebi'a. Jireenyi immoo kan abbaati.
👉Sammuu qulqulluu Waaqni siif kenne kanaan waan gaarii yaaduufi ittiin hojjechuutti dabarsi malee waan hamaa ittiin yaaduufi hojjechuutiin hinxureessiin. Gaaftokko itti gaafatamta.
👉Hamma lafa kanarra jiraattutti cabsuurra fayyisuu, balfuurra jajjabeessuu, hadheessuurra miyeessuu, diiguurra ijaaruu, jibbuurra jaal'achuu, qoqqooduurra tokkummeessuu, qaawwaafi madaa namaa horfitee bal'isuurra dhoksiteefii fayyisuuf dhama'uu, gadi yaaduurra olyaaduu, xiqqoo yaaduurra guddisanii yaaduu, dhiyeessuurra fageessanii ilaaluufi yaaduu, hammeessuurra qabbaneessuu irratti hojjedhu. Yoo akkas taate nama keessaa nama namummaa gaarii qabu kan namaafi Waaqa gammachiisu taata.
✅Yoo si fayyade malee sin miidhu waan ta'eef dubbisaa, hiriyyoota keessaniifis qoodii.