YERUSAALEM HAR'AA FI
YERUSAALEM HAARAA
Maqaan Yerusaalem yeroo ka'u namoota baay'eef gaaffii ta'a. Yerusaalem lamatu Macaafa Qulqulluu keessatti eeraman. Isaanis Yerusaalem ishee har'a jirtuu fi Yerusaalem haaraadha.
Yerusaalem isheen har'aa waggoota kumaatamaaf magaalaa barbaachisaa turte, yeroo baay’ee xiyyeeffannaa addunyaas yoo taatu, magaalattiin seenaa macaafa qulqulluu fi raajii macaafa qulqulluu keessatti bakka guddaa qabdi. Yerusaalem taateewwan barbaachisoo Macaafa Qulqulluu keessatti raawwataman hedduu keessatti giddu galeessa dha.
Magaalaan Yerusaalem har'aa qarqara lafa gabatee olka’aa Israa’el keessaa tokko irratti, giddu gala biyyattii irraa gara kibbaatti, Galaana Meditiraaniyaanii irraa gara bahaatti gara maayilii soddomii torba, laga Yordaanos irraa gara dhihaatti gara maayilii digdamii afur fagaattee argamti. Teessumni ishee gama lamaaniin boolla gadi fagoodhaan kan sararame yoo ta’u, magaalattiif ittisa uumamaa ta’a. Yerusaalem Caaffata Qulqullaa’oo keessatti maqaa adda addaatiin waamamti: “Saalem,” “Ari’eel,” “Yebuus,” “magaalaa Waaqayyoo,” “magaalaa qulqulluu,” “magaalaa Daawit” fi “Tsiyoon.” Yerusaalem mataan ishee “nagaa qabaachuu” jechuudha.
Yerusaalem ishee Haaraan immoo maqaa Godoo Waaqayyoo, Magaalaa Qulqulleettii, Magaalaa Waaqayyoo, Magaalaa Samii, Magaalaa Rog-Arfee, fi Yerusaalem Samii jedhamtu, jecha jechaatti samii lafarraa jechuudha. Yerusaalem Haaraan Macaafa Qulqulluu keessatti bakka hedduutti eerameera (Galaatiyaa 4:26; Ibroota 11:10; 12:22-24; fi 13:14), garuu sirriitti kan ibsame Mul’ata 21 keessatti.
Galmeen seenaa namaa kan goolabame Mul’ata 21 keessatti. Barootni hunduu dhufanii darbaniiru, Kiristoos waldaa isaa ishee butamtu walitti qabateera (1Tasaloonqee 4:15-17). Rakkinni darbeera (Mul’ata. 6-18). Yesus Kristoos Gooftaan keenya lola Armaagedoon lolee injifateera (Mul’ata 19:17-21). Seexanni bulchiinsa Kiristoos waggaa 1,000 lafa irratti qabuuf sansalataan hidhamee jira (Mul’ata 20:1-3). Manni qulqullummaa haaraan, ulfina qabeessi Yerusaalem keessatti hundeeffameera (Hisqi’eel 40-48). Fincilli inni dhumaa Waaqayyoo irratti ka’e haqamee jira, Seexannis adabbii isaa isa qajeelaa argateera, bara baraan haroo ibiddaa keessatti dhidhimeera (Mul’ata 20:7-10.) Firdiin Teessoo Adii Guddaa raawwatameera, ilmi namaas murtii argateera (Mul’ata 20:11-15).
Mul’ata 21:1 keessatti Waaqayyo samii fi lafa guutummaatti jijjiira (Isaayaas 65:17; 2Phexros 3:12-13). Samiin haaraa fi lafti haaraan kan namoonni tokko tokko “jireenya bara baraa” jedhanii waaman yoo ta’u, “bakka qajeelummaan jiraatu” (2Phexros 3:13) ta’a. Uumamni irra deebiin erga uumamee booda Waaqayyo Yerusaalem Haaraa mul’isa. Yohaannis mul’ata isaa keessatti “Magaalaa Qulqulleettii Yerusaalem haaraan akka misirroo abbaa manaa isheetiif uffata bareedaa uffattetti qophooftee” samii irraa Waaqayyo biraa gadi buuti, (Mul’ata 21:2). Kunis magaalaa Abrahaam amantiidhaan barbaadeedha (Ibroota 11:10). Innis iddoo Waaqayyo saba isaa wajjin bara baraan jiraatuudha (Mul’ata 21:3). Jiraattonni magaalaa samii kanaa imimmaan isaanii hundi ni haxaa’ama (Mul’ata 21:4). Biyya lafaa kana irratti yaaddoon, rakkinnii fi hamminni baay'atullee biyya Waaqarraatti boqonnaa fi gabiitti Waaqayyo waliin jiraatama.
Yerusaalem Haaraan haala ajaa'iba ta'een guddaa taati. Yohaannis magaalattiin dheerinni ishee gara maayilii 1,400 akka ta’e, bal’ina fi olka’iinsi ishee akkuma dheerina ishee, akkasuma bal’inaa fi gad fageenyi ishee walqixa ta’uu galmeesse (Mul’ata 21:15-17). Magaalattiin karaa hundaan ija namaa kan hawwattu taati. Magaalattiin ulfina Waaqayyootiin ibsamteetti (Mul'ata 21:23). Bu'uurri ishee kudha lamaan maqaa ergamoota kudha lamaanii kan qabatee fi dhagaa gati jabeessa hundumaan faayamteetti (Mul'ata 21:19) Akkasuma karra kudha lama kan gosa Israa'el kudha lamaanii qabdi (Mul'ata 21:12 fi 21), Daandiin ishee warqee qulqulluu irraa hojjetameera (Mul'ata 21:21)
@Yerusaalem_Haaraa