*➪Waamicha Waaqayyoon biraa dhufee maaliin beeknaa?* ➱ Geggeessaan tokko waamicha Waaqayyo isa waamuuf qophii guddaa gochuutu isa irraa eegama. ➱Waaqayyoon geggeessaa ta’uuf waamamuun waan salphaa miti. ➱Yeroo Waaqayyoo geggeessaa tokko waamu yeroodhaaf mormuun yookiin fudhachuu dhiisuun ni mul’ata. ➱Garuu akka Waaqayyo isaan waame immoo ni beeka. Geggeessitoonni Waaqayyoo baay’ee waamicha isaaniif ta’e si’uma tokkoon hin fudhanne. Yeroodhaaf mormii godhaniiru. ➪Garuu dhuma irratti Waaqayyoon biraa ta’uu isaa waan beekaniif fudhataniiru.
*“Wangeela lallabuu kootiin of jajuu hin danda’u; kana himuun ana irraa in barbaadama; wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo*! *Fedha kootiin utuun kana godhee gatii nan argadhan ture; fedha koo malee erga ta’ee garuu, hojiin kun Waaqayyo biraa hadaraa anatti kennamuu isaa ti*”. *1Qor:9:16-17*
*“Yeroo dheeraa erga irratti duddubatanii booddee, Phexros isaanitti dubbachuudhaaf ka’ee, “Obboloota ko, Waaqayyo warri saba isaa hin ta’in dubbii wangeelaa afaan koo irraa dhaga’anii haa amananiif, kanaan dura isin keessaa akka na fo’e, ba’eessa gootanii in beektu*” *(HoE 15:7).*
➪Waluma galatti waa’ee waamicha gabaabsee yeroon kaa’u, Waamicha jechuun wanta ta’e galmaan ykn bakka tokkoo fuudhee bakka biraan akka ga’uuf kan namaaf godhamudha. Namni yoo ofiin of waamee yaaduma ofii yaadee galmaan ga’a malee kan Waaqayyoo galmaan hin ga’u; sababni isaas *➾Geggeessaa kiristaanaa tokko kan adda godhu Waaqayyoon waamamuu isaati*. *➯Museen garbichi Waaqayyoo akkamittiin waamamee/ eenyutu waamees?*
*“Yommus Waaqayyo, "Gad qabamuu Saba koo warra Gibxi jiranii argeera; isa isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa ba'uudhaaf iyyatanis dhaga'eera; dhiphina isaaniis ani beeka; ani harka warra Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf gad bu'eera; biyya sana keessaa gara biyya gaariitti, biyya bal'aatti, biyya aannanii fi damma baasutti, lafa Kana'aanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa, Yibusootaattis ol isaan nan baasa. Amma kunoo, iyyanni Israa'elootaa na bira ga'eera; akka warri Gibxii itti isaan cunqursanis argeera. Ani mootii Gibxiitti sin erga, dhaqi, saba koo Israa'elin biyya Gibxiitii baasi!" jedhe. (Ba’u 3:7-10)*
➯Geggeessaan tokko baruma Waaqayyo isa kaasee keessa ka’uun wanta Waaqayyo itti kenne galmaan ga’ee boqota. ➯Fakkeenyaaf, Daawit baraa fi saba Waaqayyo isaatti kenne geggeessuun garaa Waaqayyoo ciibsee boqotee nama darbee dha.
*➯Garaa garummaan waamicha Saa’olii fi Daawit maaliidha?* ➯Namaan barbaadamanii muudamuu fi Waaqaan barbaadamanii muudamuun baay’ee adda.
*“Itti fufees, "Ilmaan kee isaanuma kana duwwaa dhaa?" jedhee Iseyin gaafate. Innis deebiseefii, "Inni quxisuun hafeera; inni immoo hoolota tiksa"jedhe; Saamu'el immoo, "Hamma inni dhufutti nuyi homaa gochuu waan hin dandeenyeef, nama itti ergiitii nuuf fichisiisi!" jedhe. Kanaaf inni nama itti ergee] isa in fichisiise; inni diimaa nama iji isaa miidhagu, nama dhaabbii tolus ture. 1Sam16:11-12*
*“Waaqayyo yommus Saamu'eliin, "Inni kunoo, isa kanaatii ka'ii, isa dibi!" jedhe. Kana irratti Saamu'el qodaa gaanfaa dhadhaa ejersaa qabu sana fuudhee, Daawitin obboloota isaa gidduutti in dibe; gaafasii jalqabee hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawitiif in dhufe; Saamu’el immoo Raamaatti in deebi'e.”*
➯Geggeessaan Kiristaanaa tokko; Kaayyoo fi waamicha ifaa tokko malee wanta galmaan ga’u hin qabu.
*C. Dandeettii (competence)*
➪Dandeettii fi beekumsan guddachuu kan qabu kan ittin duuka buutota irratti dhiibbaa gaarii uumaniidha
*“…………Harka-tolinaanis isaan in geggeesse”. M. Faar 78:72*
*➱Geggeessaa tokkoof ga’umsi akkuma waamichaa fi amala gaarii baay’ee barbaachisa.* ➱Phaawulos Timootewosiin namoota dandeetti barbaachisoo qaban fili jedheen *1Xim:3:2.*
*➾Namni ga’umsa ykn dandeettii geggeessummaa qabu nama akkamiitii?* *➪Ga’umsa* ➯Geggeessummaa namni qabu tokko namootni geggeessummaa isaa fedhiidhaan fudhatanii isa duukaa kan bu’aniidha. ➱Ga’umsi Geggeessummaan kristaanaa dandeetti/ga’umsa/ geggeessummaa uumama kan caaluudha.
itti Fufaa..