WAA'EE DIBATAA MACAAFNI MAAL JEDHA?
Kiristiyaanni Waan hundumaa Waan isa mudatu hunda Waan haaraa fakkatu hunda Deebisaa kennuu isaatiin dura" Waa'ee kanaa Macaafni qulqulluun maal jedha" jedhee gaafachuu qaba. Gowwoomsaa Seexaanaa, "Anatu siif beekaa" Diyaabloos gooftaa Iyyesuus yeroo of irraa dhowwe sana "Akkas jedhamee Caafameera" jedhee dubbachaa ture.
Kanaaf Qajeelfamni keenya Macaafa qulqulluu dha, Nuyi Erga Kristiyaana taanee, Qajeelfama Kakuu haaraatiin deemna, Yeroo ammaa iddoo baayeetti Waa'ee dibataa ilaalchisee Namoonni Baayyeen "Isin dibna" jechuudhaan, Saliixa Ejersaa Namoota dibuudhaan, Saliixa ykn Zayitii irratti kadhatame jechuudhaan Kan gurguranis Akka jiran Beekkamaa dha.
Garuu Kun Kakuu Haaraa keessa jiraa laata? Gooftaa Yesuus kana godheeraa laata ? Ergamoonni gooftaa ho kana godhaniiruu laata?
Duraan Dursa Waa'ee Saliixa ykn Zayitii Macaafa Kakuu haaraa keessatti Nama dhukkube iddoo dhukkube sana Dibanii akka Kadhataniif Macaafa Yaaqob keessatti Caafameera, Kanaa ala garuu Zayitii dibanii Humna namaaf kennuu kan jedhu hin jiru.
DIBANNI KRISTIYAANA IN BARBAACHISAA?
Deebisaan kanaa gabaabduutti "Eeyyee, in Barbaachisa"
Akkamitti argatu ? Eenyutu diba ? Isa jedhuuf.
Kan dibu Waaqayyoo dha, Yoom diba isa jedhuuf immoo Gaafa Wangeelaaf Abboomaman Dibatni kun Kennama,
Pheexroos Akkas Jedhee dubbate:-
" Yaada garaa Keessanii geeddaradhaa, Cubbuun keessanis akka isiniif dhiifamuuf maqaa Yesuus Kristoosiin Cuuphamaa, Kennaa hafuura qulqulluus in Fudhattuu" Jedhe.
(Hojii Ergamootaa 2:38)
Egaa "kennaa afuura qulqulluus in fudhattu" isa jedhu kana keessa dibanni jira, Yommuuttii Cuuphaman sana kennaan kun kennama, Waan ijaan mullatu miti, garuu kennaa kana In fudhanna,
Yeroodhuma Ergamootaa sana iyyuu "Isin dibna" Kan jedhu barsiifni dogoggoraa kan turee dha, kanaafiti Yohaannis Akkas jedhee Dibata ilaalchisee dubbate.
" kanas Waa'ee Warra karaa Irraa isin Kaachisuutti jiruufan Isiniif Caafe, Dibanni Isin Fudhattan garuu Isin keessa jiraata....." Jedha,
1ffaa Yohaannis 2:26-27
Maal jedhe ? " Dibanni isin fudhattan" jedha Yohaannis.
Pheexroos hoo maal jedhe?
"Kennaa afuura qulqulluu in fudhattu" jedha. Hojii ergamootaa 2:38.
Ammas Yohaannis:-
"Isin garuu isa Qulqulluu sanaan dibamtaniittu.." jedha 1ffaa Yohaannis 2:20.
Phaauloosis :-
"Kan nu dibe Waaqayyoo dha" Jedha, 2ffaa Qorontoos 1:21.
Kakuu haaraa keessatti Ergamootaa Namoota Zayitiidhaan dibus Hin agarru, Kakuu Haaraa Keessatti Meeshaa fayyinaa Jedhamee Waan Horiitti gurguramus Hin agarru, Bishaan gurguruu, Zayitii gurguruu, Kanateeraa irratti kadhatame jedhamee gurguruu fi bituun hin jiru, Egaa Afaan guutuudhaan " barsiifni Akkasii fi Shaakalliin Akkasii Sobaa fi barumsa Haaraa dha" Dubbanna.
Dhaloonni baayyeen beekumsa Macaafa qulqulluu dhabuudhaan, Rakkoo Addaa addaa keessatti dhiphachuudhaan, Soba kana jala deemanii Mootummaa Waaqayyoo keessaa kan ba'an baay'ee dha.
Waaqayyo akkas jedha "
"Sabni Ko karaa ittiin na beeku Waan dhabeef Balleeffame" Jedha.
Hoseaa 4:6.
Egaa Waan Macaafa qulqulluu irra hin jirre garuu Sammuu namootaa keessaa ba'ee ittin Hojjechaa jiru kana irraa of eeguun baay'ee barbaachisaa dha, Sababni isaa Yeroo isin dibna jedhanii diban kana "Kristoos isa Orijinaala sana baasanii, Kristoos Ofii Uummatan sana galchuufi"
Kristoos Akkas Jedha :-
"Masihoonni Sobaatii fi Raajonni Sobaa Ka'anii yoo dandaa'ame Warra Waaqayyoof Fo'aman iyyuu akka Wallaalchisaniif Milikkita gurguddaa fi dinqii baayyee in ojjetu" Jedha.
(Maatewoos 24:24)
Eenyu Warri Waaqayyoof fo'aman ? Warra Wangeelaaf Abboomamee, Cuuphamee Kennaa hafuura qulqulluus fudhate, (Hojii erga.2:38, 1 Yoh.2:20, 2:27)
Kanaaf dhaloota kanaaf Kan Barbaachisu Gara Macaafa qulqulluutti deebi'anii Qo'achuu, qayyabachuu, dubbisuu fi Meditate gochuu duwwaa dha, mootummaa Waaqayyoo keessatti "Hin beekuun" hin hojjetu, Akka beekuu dandeenyuuf Kunoo Sagaleen dubbii isaatii barreeffamee harka keenya keessa jira waan ta'eef.