Dhibaa'ummaa Part #1
Karaan dhibooftuu qoraattiidhaan cufamaadha,karaan nama yaada qajeelaa qabuu garuu gufuu hin qabu ** Fkn 15:19
Dhibaa'ummaan maali?
Jecha dhibaa'ummaa jedhu hawaasni keenya guyyaa guyyaatiin kan itii fayyadamu yoo ta'uudhaa baate iyyuu raawwiin isaa bal'inaan bifti isaas guyyaa guyyaatti kan mul'atuudha.Addunyaan keenyas dhibaa'ota hedduu lakkoofsaan hedduu ta'an simattee jiraachisaa jirti.
Itoophiyaa keessatti immoo yeroo baay'ee bakka jecha dhibaa'aa jedhutti jechoota akka daagii,maslufa,jaatanoo,kashalabbee fi k.k.f yommuu fayyadamamu argama.
Haa ta'u malee jechootni kunniin jecha dhibaa'ummaa jedhu bakka bu'uuf humna hin qaban.
Hiika dhibaa'ummaa sirriitti hubachuuf hiika galmee jechoota afaan oromoo,English fi hiika kitaaba qulqulluu wal bira qabuun barbaachisaadha.
Hiika dhibaa'ummaa Akka afaan oromootti
Jechi dhibaa'ummaa jedhu akka afaan oromootti hiikni isaa dadhabuu,tattaaffachuu dhiisuu yookiin hojii tokko irratti yeroo gubuudhaan qabamuu jechuudha.
Hiikni jecha kanaa inni dheedhiin immoo dadhabaa, hojii kan hin jaallanne ,agarsiisa.
Macaafni qulqulluun immoo akkas jedha.
2Tas 3
7 Nuyi yommuu isin bira turre,hojjechuu dhiifnee dhibaa'ummaatti hin jiraanne;isinis fakkeenya keenya duukaa bu'uun hammam barbaachisaa akka ta'e ofii keessanii iyyuu in beektu.
8 Nama tokkotti illee ba'aa akka hin taaneef halkanii fi guyyaa hojiitti dadhabnee hojjenne malee,utuu gatii hin baasiniif nama tooko irraa buddeena illee hin nyaatne.
Hiika dhibaa'ummaa akka afaan Ingilifaatti
Jecha dhibaa'ummaa jedhuuf hiikni Ingiliffaa wal gita ta'e"Sluggard slothful" kan jedhuudha. Ingiliffaan 'Sluggard' jechuun hiikoo wal gita ta'e yoo ta'u,jechi ijoo isaas 'Slug' jecha jedhuudha.'Slug' jechuun immoo raammoo qumbursaa fakkaatu,suuta jedhee kan deemu garuu,dugda isaa irratti gogaa akka qumbursaa kan hin qabneedha.
Karaa biraa immoo jecha dhibaa'ummaa jedhuuf hiika ta'uu kan danda'u jecha Ingiliffaa"Slothful" kan jedhuudha.