Isumatu si wal'aana.
Ermiyaas 8:22 "Wanti dibatan Giil'aadin hin jiru. Namni madaa wal'aanee fayyisus achii hin argamuu Maaliif sabni koo wal'aanamee hin fayyifamne ree?"
Giil'aad kun biyya yeroo ammaa kana Turki jedhamtee waamamtuudha. Akkuma har'aa kaana dawaa qopheessuudhaan beekamti turte.
Sababa kanarraan kan ka'e sabni Waaqayyoo, waaqayyoon barbaaduu dhiisee qoricha bitachuu gara giiliyaaditti gadi bu'a ture.
"Qorichi dibatan Giil'aadin hin jiru. Namni madaa wal'aanee fayyisus achii hin argamne sabni koo wal'aanamee hin fayyifamne; Sabni koo waan jooreef, anis jooreera, gaddee waanan godhus wallaaleera." jedhe waaqayyo.
Kana jechuun, sabni sun 'Waaqayyoon isa burqaa fayyinaa ta'e dhiisanii furmaata namtolchee barbaadan' jechuudha. Kanaaf dhukkubni isaaniif qorichi isaanii wal- argachuu dhabe.
Kan keenya furmaanni,
kan keenya qorichi, harka namaa utuu hin taane harka oliiti.
Far. 37:39 "Fureen qajeelotaa Waaqayyo biraa in dhufa, Waaqayyo yeroo rakkinaatti da'oo isaanii ti."
Har'a ijji keessan maal irra jira? Deebi'aa gara ilma waaqayyootti.
Furmaannii fi fayyinna deebi'uu keessa jiru. Gaafas caba keessaniif wal'aansi, madaa keessaniif qorichi isa biraa isiniif argama.
Isa 30:15 "Waaqayyo gooftaan inni qulqulluun kan Israa'el, Isin yoo deebitanii fi yoo gab jettan in fayyitu, calluma jettanii isa yoo amanattaniif in jabaattu jedhe; isin garuu diddanii."
Far. 46:10 “"Dhiisaa, gab jedhaa, ani Waaqayyo akkan ta'e beekaa! Ani saba lafa irraa gidduutti ol kaafameera; ani biyya lafaa keessatti ol kaafameera!" 11 Waaqayyo gooftaan maccaa nuu wajjin jira, Waaqayyo inni kan Yaaqoob da'oo keenya!”
Waaqayyo yoomiyyuu gabii keessa jira.
Waaqayyo yoo si cabse, isumatu si dhihiiba, cabnisaas godaannisa hin qabu.
Hos. 6:1 “Isaan, yommus "Kottaa gara Waaqayyootti in deebinaa! Isatu nu tatarsaase, isatus nu fayyisa; isatu rukutee nu mammadeesse, isatus erbee irra buusee nuuf hidha.”