MAAL GOJOMAATE?
Wanti nama gojomaasisu hundinuu gaarii miti. Fedhiin keenya inni guutee hin guutne waan ittiin badnu ala isaa ilaalee gojoma'uu danda'a. Nuyi ammoo waanuma foon keenya gojoma'eef waanuma argine itti hirmaachuu hin qabnu. Dubartittiin wanta waaqayyo itti hime dhiistee, sossobaa bofa dhaga'uudhaan wanta jireenya ishee dhabsiisu gojomaate. Wanta gojomaates kuttee nyaachuun abbaa mana isheefis kennite. Laftis sababi isaaniitiif abaramaa ta'e.
" Dubartittiinis iji mukichaa nyaataaf gaarii ta'uu isaa, ija namaatti kan tolu, ogeessa nama gochuudhaafis gomjaasisaa ta'uu isaa argitee, ija isaa irraa kutattee in nyaatte; abbaa manaa ishee isa ishee wajjin tureefis immoo in laatte, innis in nyaate. " (Seera Uumamaa 3: 6)
" Waaqayyo amma immoo namichaan, "Ati dubbii haadha manaa keetii waan dhageesseef, ija mukichaa isa ani 'Hin nyaatin!' jedhee si abboomes waan nyaatteef, lafti sababii keetiif abaaramaa in ta'a; atis bara jireenya kee hundumaatti itti dadhabdee isa irraa in nyaatta. " (Seera Uumamaa 3: 17)
Waan gojomaane hundumaa qorree haa ilaallu. Foon keenya dadhabaa ta'us hafuuricha dhimmaa qabnun dhimma haa baanu.