Mootiin ta'e tokkoo Leencota kudhan qaba ture. Hojjetoota qacaree qabu kamiyyuu balleesaa isaaniif jecha yeree adabu leencota kanneenitti dabarsee nyaachisa ture.
Guyyaa tokko hojjetoota keessaa namni tokko yaada mootichi dogoggora jedhee yaade tokko kenne
Mootichis yaada namichaa tasumaa hin jaalanne. Kanaaf, hojjetaan sun gara leencotaatti akka darbatamu ajaje.
Hojjetaan sunis, "Waggaa kudhan si tajaajileera, ati immoo akkas na goota?
Maaloo leencota sanaatti na darbachuu kee dura guyyaa kudhan naaf kenni!" Jedhee kadhate.
Mootichis "tole"jedhee guyyaa kudhan kenneef.
Guyyoota kurnan sana keessatti namichi hojjetaan sun gara waardiyyaa leencota kunuunsu dhaqee guyyoota kurnan itti aananiif leencota tajaajiluu akka barbaadu itti hime.
Eegduun tole jedhee, hojjetaan sunis leencota nyaachisuu, qulqulleessuu, dhiquu fi isaaniif kennuu jalqabe.
Guyyoonni kurnan sun yommuu xumuraman mootichi namichi sun adabbii isaaf gara leencotaatti akka darbatamu ajaje.
"Tole" jedhanii namicha leencota keessatti darbatan.
Yeroo inni itti darbatamu, leenconni miila hojjetaa sanaa qofa arraabuun dhiisan.
Namoonni hunduu kana arguun hedduu ajaa'ibsiifatan!
Mootichis waan argaa jiruun burjaaja'ee, "leencota koo maaltu mudate?" Jedhee aare.
Hojjetaan sunis, "Ani guyyoota kudhan qofaf leencota tajaajileera, isaanis tajaajila koo hin daganne, nas hin nyaanne
Ati garuu waggaa kudhan guutuu si tajaajileen oolmaa koo hunda dagatte, dogoggora koo isa jalqabaa irratti du'aaf na laatte.
Argitee sirra bineensi ni caalaa" jedheen qoma dhiibee
Mootichi dogoggora isaa hubatee hojjetaan sun akka bilisa ba'u ajaje.
Dogoggora sitti hin tollee tokkoof seenaa gaarummaan guutame hin balfin.!.
t.me/Youth4Christ1