KRISTOS, [KATTAA ISA RUKUTAMEE BISHAAN JIRAATAAN KEESSAA BURQE]
====================
Kunoo, Ani achi Siinaatti Kattaa tokko irra si dura nan dhaabadha; ati immoo Kattaa sana in rukkutta, bishaan isa keessaa in burqa jarris isa in dhugu” jedhe; Museenis ija maanguddoota Israa’el duratti akkasuma in godhe. (Bau 17:6)
Hundumti isaanii dhugaatii Hafuuraa Isa tokkicha sana dhuganiiru; isaan Kattaa Hafuuraa Isa guddicha, Isa isaan wajjin adeemaa turettii dhuganiiru; Kattaan guddichi sun immoo Kristos ture. (1Qor 10:4)
Yommuu kutaalee kana ilaallu akka Museen katticha rukkute argina. Kattaan rukutame kun, karaa biroon kattaa bishaan jiraataan keessaa burqu isa jedhamuu dha. Kan Waaqayyo ibsuuf dhimma itti ba’es, yommuu Kristos humna seeraatiin rukutame, akkasumas du'ee erga du'aa ka'een booda ol ba’ee, Hafuura Isaa nuuf erguu Isaati.
Kattichi, akkuma Museen geggeessituun sabaa rukutee bishaan keessaa burqe; Kristosis abboota seeraa, geggeessitoota Mana Qulqullummaa, Farisotaa fi Lubootaan itti murtaa’ee, rukutamee du’ee erga du’aa ka‟ee gara Abbaatti ol ba’ee, Hafuura Qulqulluu nuuf erge. Egaan, akka abboonni seeraa Kiristos Katticha irratti ajjeechaa raawwatan, sagaleen Waaqayyoo dhugaa ni ba’a.
Warri Yerusaalem jiraatanii fi warri isaan geggeessanoo akka inni fayyisaa ta’e hin beekne, sagalee raajotaa isa Sanbatuma dhuftu dubbifamus hin hubanne; utuma ta’uu iyyuu immoo Yesusitti faraduu isaaniitiin isa raajonni dubbatan raawwataniiru. (HoE 13:27)
Maarree Museenis, Katticha irratti murtii rukkuttaa fudhateetu, bishaan keessaa isaaniif ba’e. Geggeesitoonnis ta’e, warreen Yerusaalem keessa jiraatanis, fayyisaa ta’uu Isaa osoo hin beekin, itti murteessan. Inni garuu, akkuma dur murtoo ta’etti itti murteeffamee ajjeefame. Karoorri kun isa Waaqayyo uumamuu biyya lafaa dura murtoo godhee, yeroo Isaatti mullisedha.
Kanaan ati humna keetii fi yaada keetiin, akka ta’uuf kan ati dur murtoo goote, raawwatan. (HoE 4:28)
Waan godhan wallaalanis murtoo Waaqayyoo fiixaan baasaniiru. Museen, gaafa Gooftaan keenya gaara irratti ulfina Isaa mullise, dhufee Yerusaalem keessatti du’a akkamii akka du’u, itti himeera.
Ulfinaan mullatanii, waa’ee waan Inni du’a Isaatiin Yerusaalemitti raawwachuudhaaf jiruu dubbatan. (Luq 9:31)
Egaan, Kattaan burqaan bishaan jiraataa, garaa Isaa keessaa burqu Kristosiin akka ta’e Yesus iyyuu,Yoh 7:38 irratti dubbateera. Bishaan jiraataan kunis Hafuura Qulqulluudha.
Inni dubbii kana waa’ee Hafuura Qulqulluu, Isa warri Isatti amanan fudhachuuf jiraniif dubbate;… (Yoh 7:39)
Hafuurri Qulqulluunis, akkuma kattichi erga rukutameen boodatti bishaan isaaniif yaase, erga Gooftaan du’ee du’aa ka’ee gara ulfina Isaatti ol fudhatamee, isaaniif, nuufis bara baraan bishaan yaa’aa jiraataan burqe. Utuu Yesus iddoo ulfina Isaatti ol hin ba’in, Hafuurri qulqulluun hin kennamne ture; (Yoh 7:39). Kan bishaan bara baraan bonaa fi ganna, waqtiin utuu hin daangofne yeroo hundumaa keessaa burqu, Kristoosidha.
Dubartii Samaariyaatti (Yoh 4:14) inni bishaanicha irraa dhuge, lammaffaa deebi’ee (bara baraan) akka hin dheebonne dubbateera. Warri Yesus irraa dhugan, Hafuura Qulqulluu dhugan, akkasumas, bara baraan deebi’anii hin dheebotan. Garuu, warri katticha isa gaaddidduu Kristos ture irraa dhugan, jiraatanii dheebochuuyyuu mitii ni du’an. Amma garuu, inni kattaa Museen rukkute irra caalu, nuuf kennameera. Amma isa katticha irra dhaabatetu nuuf rukkutame.
=============
YESUUS DHOKSAA WAAQAYYOO ISA MULLIFAMEDHA!
t.me//Youth4Christ1