Rom. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁷ Ati garuu "Ani Yihudii dha ofiin jetta, seerri anaaf jira jettee in amanatta, "Waaqayyo dhuunfaa kooti" jettee of in jajja.
¹⁸ Jaalala Waaqayyoo beekta; seerichaan barsiifamtee, isa ta'uu fi isa hin taane gargar baaftee in himta.
¹⁹ Jaamotaaf karaa argisiisaa, warra dukkana keessa jiraniif ibsaa akka taate of amanatta.
²⁰ Seericha keessattis beekumsaa fi dhugaa isa bifa macaafaatti qophaa'e waan argatteef, gowwoota in gorsita, wallaalotas in barsiifta.
²¹ Yoo akkas ta'e immoo, ati warra kan biraa kan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? "Hin hatin!" jettee utuma lallabduu, ofii keetii immoo in hatta mitii?
²² "Hin ejjin!" in jetta, ati immoo in ejjita mitii? Ati waaqayyolii tolfaman in ciiggaata, galma isaanii immoo in saammatta mitii?
²³ Seera Waaqayyoo qabaachuu keetiin of in jajja, seericha cabsuu keetiin immoo maqaa Waaqayyoo in salphifta mitii?
²⁴ Akkuma caafamee jiru, "Sababii keessaniif maqaan Waaqayyoo warra saba Waaqayyoo hin ta'in gidduutti in arrabsama" in jedha.
t.me//Youth4Christ1