=> Saddaffaan, Garee qeeyroo jedhamtu yommuu tahuu gareen kuniis nagaya eegduu (poolisii naannoo) jedhamuun beekamti. Fkn yeroo gareen murtii guutoo fi raaree diina saanii waliin dirree waraanaa irrattii falmii gochaa jiran akka diinii kun kallattii biraatiin itti hin dhufne warreen eegan jedhama. Leenjiin garee kanaa kennamuus sochii qaamaa dabalate akka bifa ammayyaa fakkeessanii muka jajjabaa kanneen akka ejersaa dumucaan cabsuudhaan leenjii fudhata jedhama. Akassumaas meeshaan waraanaa kan gareen kun loluun xiyyaa, mencaafi kan akka qottoo, wacaafaa dhagaa furgugsuufii k.k.f lolan jedhama. Leenjisaan garee tanaatiis akkuma garee raareettii riyyaa jedhamuun beekkama.
Eegaa kabajamtoota dubbiftoota keenya akkuma beekkamu lolli calii calanqoo irratti gaggeeffame irratti gootichi hogganaa waraana oromoo tahe Bakar Waaree gootummaa fi onne qabeessummaa isaarraa kan ka’e miila isaa kan irraa cite osoo ifin dhagahin hanga lolli goolabamuuf gahutti kan ture tahuu isaatu himama. Miilli isaa eessatti fi akkamiitti akka irraa cite wanni beekkamu waan hin jirreef achi buutee tahe. Warri harargeetiis akka afoola ykn maakmaaksaatti jecha kana itti fayyadamuun waan tasa badee hin argamne takka “Achi buutee miila Bakar Waaree” jadhanii himu.
Yaadannoo gooticha kanaatiifiis siidaan yaadannoo farda isaa waliin siidaa yaadannoo wareegamtoota Calanqoo kan dhiheenya kana eebbifame keessatti ijaarameefii jira. Gama kaaniin tulluun fuul dura iddoo siidaan itti ijaarame gamatti argamtu durumarraa tulluu Bakar Waaree jadhamuun beekkamti. Waraanni Murti Guutoo kan isaan hogganamuutu achirra qubatee ture jadhama
@etbisahusen
#Ancient_history_of_OROMOo