SEENAA LIJ-IYYAASUU
KUTAA 2FFAA
~~~~
Raas Mikaa'el finfinnee dhufee Raas Abaatee Kambaataa irraa waamee maq-dhalatti hiissise Kana giddutti kallattiin bahee mul'achuu irraa of dhoksee kan ture ejjennoon Fitawraarii HabteGiyoorgis(Qusee Dinagdee) cimaa dhufe Kambaataa Abaataan dhabe dabalachurra darbee hogganaa Makaanintoota Shawaa ta’ee olbahe. Yeroo tarkaanfin Iyyaasuu Mokaanintoota yaaddoo keessa galche Iyyaasuu angoo irraa buusuuf qindeesse. boodas yeroo abbaan Iyyaasuu Raas Mikaa’el ilma isaa angootti deebisuudhaf yaalii godhe fashaleessuu keessatti hojii addaat hojjate. Jabanni mootummaa Iyyaasuu jabana hibboodhan guutamedha.
Afaan guutanii gaarummaa isaa fi gadhummaa isaa dubbachuun nama dhiba. Carraa isaa ta’ee jabanni Iyyaasuu gabaabaa yoo ta’uu kan isa booda taayitaa qabate Tafariin faallaa isaa baroota dheeradhaf Itoophiyaa bituu isaa irrayyuu akka maqaan iyyaasuu tolaan ka’u hin barbaadu ture. Kanaafuu kitaaboota seenaa baay'ee keessatti irra deddeebi’amee kan himamu muslima ta’uu isaa, qoosaa fi tapha jaallachuu Iyyaasuuti. Kitaabota caalaa ummata qubee hin lakkaa’intu waa’ee tola Iyyaasuu dubbata. Bareedinni isaa, dandeetti dubbii fi nama ispoorti ta’uun isaa kan qalbii ummataa hawwatan keessaa turan. Qeeqa dalgaa mootummaaf xiyyeefannaa hin kennu jedhuufillee kun kan ta’eef ijoollummaa isaa irraa kan dhufe jedhee falmaafii ture ummatni. Iyyaasuun yeroo taayitaa isaa gabaabduu sana keessatti tarkaanfii hawaasummaa fi guddina dinagdee cimsu jedhaman tokko tokko fudhateera Qabeenyi dhuunfaa akka kabajamu fi gibirri yeroodhan akka sassaabamu, sirni himataa fi himatamaa walitti hidhee gidirsu akka hafuuf tarkaanfii fudhatera Akkasumas sirna Leebaa shaayii( Hattuu adamsanii qabu) jedhamee beekamu, garuu kan namootni ittiin haaloo walirratti bahuuf itti fayyadaman seera qabsiisudhaaf yaalera.
kutaa 3ffaan itti fufa
#ancient_history_of_oromoo
@etbisahusen