Oduma baayyee hin turin Hayileen Dargiin biratti qofa odoo hin taane hogganaa Dargii Mangistuu Hayilamaariyam biratti beekkame, Dargiin yeroo sana deeggartoota siivilii fi gorsaa Maarkisizim-Leeninizimii barbaada ture. Muddee 1975, barreessan Dargii kutaa Biiroo Dhimma Ijaarsa Uummataa kan Yeroo (kan Ingiliffaan POMOA jedhamu) dhaabe, Hayilee Fidaas hogganaa godhe. Kaayyon POMOA Dargiin deeggarsa ummata biratti akka argatu gochuu qofa odoo hin taane siviloota bitaa warra kaan dhqqabuu ture. Hogganaa kutaa kanaa ta'ee odoo jiruuti kan Dr Hayileen Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa kan qopheesse, dookimentin kunis dhaadhannoo Itiopiya Tikdem (Itoophiyaan haa dursitu) jedhu kan Dargiin akka kallattiitti itti fayyadamaa ture garuu kan ifa hin turin bakka bu'e. Tokkummaa warraaqsa hojjattootaa, qonnaan-bulaa fi burjaa xixiqqaa tarkaanfataatin, fiiwudaalizimii, impeeriyaalizimii fi kaappitaalizimiin barbadaa'anii dhumarratti Rippabiliika Dimokiraatawaa Ummataa Itoophiyaa uummame. Mangistuun Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa fudhatamee hojiirra hooluusaa hiriira Ebla 20, 1976 irratti beeksise.
Haa ta'u malee, POMOAn mormitoota siivilii wajjin walqunnamtii uumuu dadhabe. Namoota Duula irratti hirmaatan kan hojii baadiyyaatti i
rratti ramadaman dhiisanii gara magaalaatti deebi'anii wajjin mormitoonni Dhaabaa Warraaqsaa Ummattoota Itophiyaa (kan Ingiliffaan EPRP jedhamu) deeggaran; kunis lakkoofsa miseensotasa fi dhiibbaa inni uumu dabale. MEISON Dargii yoo deeggaru, EPRPn Dargiin sochii uummataa humna waraanatin akka ukkaamse dubbachuun balaaleffate. Karaan sooshaalistii inni qajeelton mootummaa uummataa kan dhugaa hundeessuf qabsaawuu itti fufuu malee Dargii isa nama hacuucu akka hin fudhanne ifoomsan.
Shoora Dargiin Warraaqsa Itoophiyaa too'achuu keessatti tabachuu qabu irratti garaagarummaa hadhaawaa qabaataniyyuu, MEISON fi EPRP "sagantaa walfakkaatu baasan". Akka Ottaways, kan mormii kana ijaan arge jedhutti, "Itoophiyaanonni hedduun, warrumti baratanillee hubachuu hin dandeenye".
Ottaways akka jedhanitti:
Beektonni Itoophiyaa hunduu Maarkisizim-Leeninizimii keessa of galchuuf dirqaman. Barreessitoonni kun pirofeesaroota yuunivarsiitii kan mormii siyaasaa kanaan baayyee jaanja'anii fi hubachuuf jecha kitaabota duriii hedduu dubbisani arganiiru. Barattoonni yuunivarsiitii waggaa sadaffaa fi afraffaa barruu Addis Zamanirra jiranii fi paamfiletii dhoksaan maxxanfaman hiikanii nuu kennan garuu mormiin dhaabota siyaasaa adda addaa gidduu jiru maal akka ta'e hubachuu akka hin dandeenye dubbatu. Hoggantoonni hojii hiikaa Ejensii Oduu Itoophiyaa keessatti hojjatan hiikaa dhaamsota mootummaa kan tiyoorin guuttaman kan Biiroo Siyaasaarraa dhufan akka hin hubanne dubbatu.
Haala kana keessatti, Hayilee Fidaa walitti hidhata Dargii wajjin qabu cimse. Hagayya 1975, Hayileen Sisaay Haptee kan Koree Dhimma Siyaasaa Dargii ture wajjiin rakkoo Eertiraa keessa jirurratti biyyoota Arabaa ja'a wajjin mari'achuuf bobba'e.
Jechaan kan wal moo'uu dadhaban mormitoonni kun gara tarkaanfii humnaatti ce'an. Namni jalqaba tarkaanfin irratti fudhatame Tiyoodor Baqqalaa yoo ta'u gaafa Gurraandhala 25 1977 ajjeefame. Tiyoodor Baqqalaa miseensa MEISON fi hogganaa Tokkummaa Hojjattoota Guutuu-Itoophiyaa ture. Kun jalqaba Goolii Diimaa ture, yeroo kanas namoonni dhibbatamatti lakkaawwaman yoo du'an moo'amuu EPRPtin xumurame. Namoonni goolii kana jalaa ba'an Finfinneedhaa gara Tulluu Asiimbatti baqatan. itti fufa ....
#ancient_history_of_oromoo
#seenaa
t.me/etbisahusen