Tarsimoo tumsa Raayyaa Ittisaa fi hawaasa Siivilii cimsuun nageenya waareessuuf murteessaa ta'uun himame
********************
Raayyaa Ittisa Biyyatti Kolleejjii Leenjii Waraanaatti (War College) marii hoggansa Raayyaa Ittisaa fi qaamolee garaa garaa hirmaachise adeemsifameera.
Marichis dhimma nageenyaa biyyaalessaa wal xaxaa keessaatti tarsimoo wal tumsaa fi itti gaafatamummaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.
Raayyaa Ittisaatti ajajaan Kolleejjii Leenjii Waraanaa Birgaader Jeneraal Bultii Taaddasaa, kollejichi humna hoggansa damee waraanaa cimsuun cinaatti tarsiimoo nageenya biyyaalessaa irratti hubannoo uumuuf shoora isaa bahachaa jiraachuu dubbatan.
Humna nageenya amansiisaa diina kamiyyuu qolachuu danda'uu uumuuf akka danda'amees maricharratti eerameera.
Tarsiimoo bu'uureffachuudhan tumsa hawaasa sivilii fi Raayyaa gidduu jiru jabeessuun murteessaafi barbachiisaa ta'uunis himameera.
Sisaay Soorechaatiin