Koreen Giddu Galeessaa Paartii Kooministii Chaayinaa Yaa'ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaatiif ergaa deeggarsaa fi hawwii gaarii dabarse
*************************
Koreen Giddu Galeessaa Paartii Kooministii Chaayinaa ergaa Paartii Badhaadhinaatiif ergeen, Itoophiyaan hoggansa Paartii Badhaadhinaa jalatti guddina gama hundaan galmeessisaa jirtu dinqisiifateera.
Milkaahinoonni paartii badhaadhinaatiin galmaahan kunneen, Itoophiyaan “Fakkeenya Badhaadhina Afrikaa” akka taatu dandeessisaa jiraachuu eereera.
Walta’iinsa Chaayinaa fi Itoophiyaa gama hundaan cimsuuf tumsa tarsiimoo hinraafamne akka ta’u Koreen Giddu Galeessaa Paartii Kooministii Chaayinaa dhiheesseera.
Konfiraansiin Paartii Badhaadhinaa 2ffaan kun, daandii siyaasaa fi kallattii dinagdee Itoophiyaa gara fuula duraa akeekuu keessatti taatee murteessaa akka ta’uu fi galmawwan gara fuulduraa guddina biyyattiif murteessoo ta’an kan kaa’u akka ta’us hawweera.