Yuunivarsiitiin Salaalee Bara barnootaa 2018 irraa eegalee barnoonni Xabboo fi Sirna Gadaa digrii jalqabaatiin kennuu akka eegalu beeksise
***************************
Yuunivarsiitichatti Itti aanaan Diinii Barnoota Saayinsii Hawaasaa Gargaaraa Pirofeesaraa Katamaa Jorroo, barnoonni Xabboo fi Gadaa digrii jalqabaatiin kennamuun duudhaa fi aadaan ganamaa guddina biyyaa keessatti shoora ol’aanaa akka bahu qooda isaa ni gumaacha jedhan.
Kanaaf ammoo sirni barnootaa qophaa’ee xumuramuu fi hayyoonni dhaabbilee barnoota ol’aanaas irratti hirmaachuu himan.
Barnoonni Xabboo yeroo jalqabaaf Yuunivarsiitii Salaaleetti kennamuuf karoorfame kun, muuxannoo Oromoon ganamaa kaasee dhaloota darbe irraa dhaale giddugaleeffatee akka kennamu dubbatan.
Barnoonni Xabboon kun, aadaa, afaan, siyaasa, amantaa, duudhaa, safuu, kunuunsa naannoo, qorichoota aadaa, qonnaa fi kanneen biroo kan of keessaa qabu ta’uu, Gargaaraa Pirofeesaraa Katamaa Jorroo beeksisuu isaanii kana gabaase Dhaabbata Pireesii Itoophiyaati.