Muummichi Ministiraa Abiyyi Ahimad (Dr.) dura taa'aa Komishiinii Gamtaa Afrikaa haaraa simatan
**********************
Muummichi Ministiraa Abiyyi Ahimad (Dr.) dura taa'aa Komishiinii Gamtaa Afrikaa haaraa simachuu beeksisan.
Dura taa'aa Komishiinii Gamtichaa duraanii Muusaa Faakii Mahamat ammoo cimina hoggansaa fi michummaa isaaniitiif galata dhiheessaniiru.
Itoophiyaan hojii isaan Afrikaadhaaf hojjetanis kan dinqisiifattu ta'uu eeran.
Imala jireenyaa isaanii gara fuuladuraatiif ammoo hawwii gaarii hawwuu Muummeen Ministiraa, karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii beeksisaniiru.
Muummichi Ministiraa Abiyyi Ahimad (Dr.) Dura Taa’aa Kominishii Gamtaa Afrikaa duraanii Musaa Faakii Mahaammatii fi Itti Aantuu Dura Teessuu duraanii Doktar Moonik Nsaanzaabaganwaa Kabajaan badhaasaniiru.
Muummichi Ministiraa kan badhaasan affeerraa hirbaataa hoggantoota Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 38ffaa irratti hirmaataniif taasifame irratti ta’uu Waajjira Muummee Ministiraa irraa odeeffanne.