Waliigalteen daldalaa US Ameerikaa fi UK gidduu jiraatu taarifa malee ta’uu danda’a - Pirezidantii US Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi
***********************
US Ameerikaa fi Yuunaayitid Kiingdam/UK gidduutti waliigalteen daldalaa baayyee saffisaan waliigalamuu danda’aa jedhan Pirezidantiin US Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi ibsa waloo Muummee Ministiraa UK Sir Kiir Istaarmer waliin kennan irratti.
Istaarmer Waayit Hawusitti wayita daawwatan Tiraampi akka dubbatanitti, UK waliin daldalli taarifa malee jiraachuu danda’a.
Pirezidaanti Tiraampi aangootti erga gara dhufanii as, biyyoota michootaa wajjin daladala qaban irratti taarifa akka kaawwamu akeekkachiisaa jiraachuun isaanii ni beekkama.
Gabaasni kan BBCti.