Hoggantoonni fi miseensonni Mana Marii Waliinii Paartilee Siyaasaa Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addis daawwatan
*********************************
Hoggantoonni fi miseensonni Mana Marii Waliinii paartilee siyaasaa fi bakka bu’oonni waldaalee siivikii adda addaa Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addis daawwataniiru.
Hoggantoonni mana marii waliinii paartilee siyaasaa, giddugalichi sadarkaa Itoophiyaadhaaf maluun ijaaramuu isaatti baayyee gammaduu isaanii dubbatan.
Daawwannaa isaanii Kanaan, pirojeektota akkanaa maqaa gaarii biyyattii gabbisan irratti mootummaa waliin hojjechuun kan itti fufan ta’uus himan.
Muummeen Ministiraa Abiyyi Ahimad (Dr.), giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addis yeroo eebbisan lammiileen Itoophiyaa giddugalicha akka daawwatan affeeruun isaanii ni yaadatama.