"Magaalaan Loos Anjalas guutuun isaa sodaa balaa ibiddaa jala jira" - aanga'oota
Ameerikaatti Ibiddi bosona Los Anjalas ammallee to'annaan ala kan jiru yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii 24 gaheera. Namoonni 16 eessa akka seenan hin beekamne.
Haga Ammaatti naannoon Los Anjalas 3 gubataniiru.
Yeroo ammaa ibiddi guddaan kan jiru Palisadas yoo taβu, lafa hektaara 9,307 kan gubee fi dhibbeentaa 11'n toβatameera.
Ibiddi Iiton isa 2ffaa yoo taβu, lafa hektaara 5,665 ol gubeera. dhibbeentaa 27 to'annoo jala ooleera.
Ibiddi Heerast guutummaatti too'annaa jala kan oolee yoo ta'u, lafa hektaara 323 gubee jira.
Gareen balaa ibiddaa ibidda guddaa kana to'achuu jalqabaniiru, garuu qondaaltonni bubbeen itti fufee jiru ''haala qilleensaa balaa guddaa geessisuu akka danda'uu fi naannoon Los Anjalas guutuu balaa ibiddaaf saaxilamuu akka danda'u akeekkachiisaniiru."
Ibiddi kun seenaa Ameerikaa keessatti balaa guddaa kan geessise jedhamuuf dhihaateera.
Dhaabbanni dhuunfaa tilmaamaa "Akuweezar" jedhamu qabeenyi sababa ibidda kanaan dhufu doolaara biiliyoona 250 hanga 275 akka ta'u tilmaameera. #BBC
@hiikaayaadaa