Qabxiilee 10 Amaloota Namoota Bu'aa qabeesummaa milkaa'inaa olaanaa qabani 7
1. Dursanii socho'uu: Namoonni si'aawoo ta’an jireenyaa fi filannoo ofii isaaniitiif itti gaafatamummaa fudhatu. Rakkoo isaaniif nama biraa ykn haala hin komatan.Waanta toʼachuu fi dhiibbaa gochuu dandaʼan irratti xiyyeeffatu.
2. Xumura yaada keessa galchuun jalqabu: Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban jireenya keessatti maal galmaan gahuu akka barbaadan mul’ata ifa ta’e qabu. Duudhaa fi galma isaanii ni beeku, waan uumuu barbaadan irratti hundaa’uun murtoo ni kennu.
3. Wantoota dursa kennamuun qabuuf dursa kennu: Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban barbaachisummaa fi ariitii ijoo qabxiileef hoji-manee isaanii irratti hundaa’uun hojii fi sochii dursa barbaaduuf dursa kennu. Wantoota yaada isaanii hiran irraa fagaachuun kanneen baayʼee isaaniif barbaachisan irratti xiyyeeffatu.
4. Injifannoo waloo yaadu: Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban namni hundi haalota keessatti mo’achuu akka danda’an amanu. Furmaata waloo kan fedhii qaamolee dhimmi ilaallatuu hundaa guutu barbaadu.
5. Dura namoota hubatu, achiis namootaan hubatamuu barbaadu: Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban dhaggeeffattoota gaariidha. Ilaalcha ofii osoo hin qoodin dura, yeroo fudhatanii ilaalcha namoota biroo hubatu. Kunis hariiroo cimaa akka ijaaranii fi bu’a qabeessa ta’an taasisaan.
6. Walitti hidhamiinsa waloo uumu: Wal-ta’iinsi seera bu’uuraa waloo waliigalatti kan qeenxee irra bu'a qabeessa. Namoonni bu’a qabeessa ta’an, wal-ta’iinsaa fi hojii gareetiif iddoo guddaa kennu. Ofii isaaniitiin kan danda’an caalaa namoota biroo waliin hojjechuun waan baay’ee galmaan ga'uu akka danda’an ni beeku.
7. Qottoo ni qaratu: Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban guddinaa fi milkii dhuunfaa mataa isaanii irratti 'invastii' godhu. Yeroo fudhatanii waan haaraa baratu, dandeettii isaanii fooyyessuu fi fayyaa qaamaaf sammuu isaanii ni kunuunsu.
8. Qajeelfama irratti kan xiyyeeffate ta’u: Murtoo fi gochaan isaanii seera bu’uuraa yeroof haalaan hin jijjiiramne kan akka amanamummaa, amala namoomaa gaarii, haqummaa fi kabaja irratti hundaa’a. Kunis namoota biroo wajjin wal-amantaa fi amanamummaa akka qabaatan kan isaan gargaaru siʼa taʼu, murtoo sirrii taʼe murteessuufis buʼuura cimaa akka qabaatan godha.
9. Madaalawaa ta'uu: Barbaachisummaa madaallii-jireenya isaanii keessatti ni hubatu. Hojii isaanii, hariiroo isaaniif, fayyummaaf fi fedhii dhuunfaa isaaniif yeroo ni kennu. Kunis akka hin dadhabiif mudhuka humnaan oliif hin-saaxilmne fi jireenya gammachiisaa akka jiraatan isaan gargaara.
10. Barattoota walitti fufiinsa qaban ta'u. Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban yeroo hunda barachaa guddachaa jira. Addunyaa naannoo isaanii jiru beekuuf fedhii guddaa waan qabaniif beekumsaa fi dandeettii isaanii babal’isuuf fedhii guddaa qabu. Kunis qaxxaamura dursanii akka jiraataniifi addunyaa saffisaan jijjiiramaa jiru keessatti akka milkaa’aniif isaan gargaara.