KAAYYOO DHUGAA ™ 🏆


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha


➬ Killeen gaafa humna keessatiin cabxe cuucii taati,Yoo dhiibbaa alaatiin cabxe immoo jireenyi isii dhume.
→Channel Kana jalatti wantoota argachuu dandeessan
✔Jechoota kaka'uumsa📜
✔ kitaaboota pdf📚
✔Jechoota Kolfa🤣
→JOIN GODHAA🥇
★CEO:- @B_Einstein2

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


HUMNA JABAA dan repost
Namoonni account TikTok bitachuu feetan, kan 13k ol qabu waan gurguramuuf gatii madaalawwaa ta'een nu biraa argachuu dandeessu kessan naaf barreessaa. Amanamummaan 100%
👉 @AsKottu


#Kaayyoodhugaa1

"Dhama'ummaa jechuun wanuma walfakkaatu irra deddeebi'anii Hojjechaa Bu'aa Harawa eeguudha"🤷‍♂...Albert Einstein


#Kaayyoodhugaa1

✅Gowwummaa daangaa hinqabne gowwoomaa hin jiraatin. Dammaqaa jiraadhu;Jiraachaa dammaqi😁


#Kaayyoodhugaa1

WANTOOTA SHAN GURGUDDOO KAN SAMMUU KEENYA MIIDHAN

1. Ciree ykn faxara nyaachuu dhisuu

2. Nyaatuma argattee nyaachuu, gosa nyaata filachuu dhisuu, keessattu nyaata sukkaarri itti baayyatee nyaachuu

3. Hirriba gahaa rafuu dhabuu

4. Boqonnaa gahaa dhabuu

5. Teknoolojii adda addaa kan akka mobaayila fi laptop fi kkf yeroo dheeraaf osoo jiddun boqonnaa hin fudhannee yeroo dheeraaf fayyadamuu!!

Galatoomaa
!!


#Kaayyoodhugaa1


#Kaayyoodhugaa1

WANTOOTA 6 NAMOOTATTI HIN HIMIN👈
================================
▪️Karoora kee.
▪️Dadhabina kee.
▪️Kufaatii kee.
▪️Iccitii kee.
▪️Sochii kee kan fuul-duraa.
▪️Galii kee yookiin (qabeenya) kee hin himin.

JAHAN KANA AMMOO HUBADHU! 👈
▪️Yaadi malee hin dhiphatin!
▪️Nama irraa baay'ee hin eeggatin!
▪️Dandeettii keetti fayyadami!
▪️Dogoggora kee irraa baradhu!
▪️Ofitti amani!
▪️Dandeettii kee beeki!

☞Yoo Jaallattan Hiriyoota Keessaniif Qooda!!


#Kaayyoodhugaa1


#Kaayyoodhugaa1

Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


𝐇𝐔𝐁𝐀𝐃𝐇𝐔!👇
❤️
🌺𝐇𝐈𝐑𝐈𝐘Y𝐀𝐀𝐍👉𝐆𝐀𝐍𝐓𝐔𝐔𝐍 𝐖𝐀𝐀
𝐒𝐀𝐃𝐈𝐈 (3):👇

➊. Qoree bishaan keessaa
➋. Bofa marga keessaa
➌. Summii midhaan keessaati.

☞𝐇𝐈𝐑𝐈𝐘𝐀𝐀𝐍 👉𝐃𝐇𝐔𝐆𝐀𝐀 𝐖𝐀𝐀 𝐒𝐀𝐆𝐀𝐋 (9)

☞Garuu salgaan sun bakka sagaltama siif gaha
👉➊. Abdii jiruu
👉➋. Obsaa jiruu
👉➌. Gorsaa jiruu
👉➍. Qajeelchaa karaa
👉➎. Dawaa sammuu
👉➏. Irkoo guyyaa rakkoo
👉➐. Galma geessaa kaayyoo keeti.
👉➑. Jajjabeessaa hojii keeti.
👉 ➒. Gorsaa guddinaati.

🧨 Hiriyyaa sobaa mannaa diina dhugaa wayya.Maaliif seete, diina akka diinatti beektee irraa fagaatta. Garuu hiriyaan gadheen si fakkaatee si nyaata.

☞𝐊𝐚𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐧𝐇𝐢𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐡𝐞𝐞:👇

👉➊. Jireenya kee balleessee namaa gadi si godhuu.
👉➋. Agartuu kee jamsee ija kee balleessuu.
👉➌. Miila kee mummuree tarkaanfii si dhorkuu.
👉➍. Harka kee si hidhee hojii irraa si hambisuu.

☞𝐇𝐈𝐑𝐈𝐘𝐘𝐀𝐀𝐍 𝐃𝐇𝐔𝐆𝐀𝐀 𝐇𝐎𝐎?👇
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣

👉➊. Karaa hamtuu irraa si gorsee karaa qajeeltuu siif hawwa.
👉➋. Yoo gaarii hojjatte gammachuu siif qaba.
👉➌. Yoo ati rakkatte si wajjin cinqama.
👉➍. Bakka ati hin jirretti toltuu kee haasa'a.
👉➎. Utubaa siif ta'ee mana siif ijaara.
👉➏. Olfuudhee si baatee tabarra si dhaaba.
👉➐. Kabaja siif laatee maqaa kee ol qaba.
👉➑. Gammachuu kee gammadee, gadditus si wajjin gadda.
👉➒. Dhibee kee hundumaaf qoricha.
Waan dubbistaniif Galatoomaa!🙏

☞❤️𝙔𝙤𝙤 𝙟𝙖𝙖𝙡𝙡𝙖𝙩𝙩𝙖𝙣 𝙝𝙞𝙧𝙞𝙮𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙠𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙣𝙞𝙞𝙛 𝙦𝙤𝙤𝙙𝙖𝙖!


JOIN
#Kaayyoodhugaa1


→𝐀𝐦𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭a kufaatii 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 Nama 𝐡𝐚𝐦𝐛𝐢𝐬𝐚𝐧!

☞𝟏. "Borun eegala" jechuu. Har'uma, ammuma eegali.

☞2. Mul'ata kee namoota ofiifuu hin milkoofne faana mari'achuu!

☞3. Karoora barreeffamaan yeroo wajjin qindaa'e dhabuu.

☞4. Namni kan biraan dhufee akka si oolchuuf abdachuu.

☞5. Hamma mul'ata kee irratti hojjetturra waa'ee mul'ata kee dubbachuu baayyisuu!

☞6. Kitaaba baayye dubbisuu, garuu kitaaba tokkoyyuu hojiitti hiikuu dhiiisu.

☞7. Kufaatii al-tokkoof barabaraan abdi kutuu.

☞8. Hiriyaa mul'ata kee hubatee/ttee si gargaaruu hin dandeeye qabaachuu.

☞9. Ilaalcha namootaaf kan ofii caalmaati bakka laachuu.

☞10. Mul'ata guddaa baattee amala kee geeddaruu sodaachuu!

❤️𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚'𝐢𝐧𝐚𝐧 𝐡𝐚𝐰𝐰𝐚!
Bakka 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐪𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚!

☞𝐀𝐦𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐤𝐤𝐟 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐨𝐟 𝐪𝐮𝐬𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚!


♡ ㅤ   ⎙ㅤ    ⌲      


𝗠𝗼𝘁𝗶𝘃𝗮𝘁𝗶𝗼𝗻

"𝑊𝑒 𝑐𝑎𝑛𝑛𝑜𝑡 𝑠𝑜𝑙𝑣𝑒 𝑝𝑟𝑜𝑏𝑙𝑒𝑚𝑠 𝑤𝑖𝑡ℎ 𝑡ℎ𝑒 𝑠𝑎𝑚𝑒 𝑘𝑖𝑛𝑑 𝑜𝑓 𝑡ℎ𝑖𝑛𝑘𝑖𝑛𝑔 𝑤𝑒 𝑢𝑠𝑒𝑑 𝑤ℎ𝑒𝑛 𝑤𝑒 𝑐𝑟𝑒𝑎𝑡𝑒𝑑 𝑡ℎ𝑒𝑚." – Albert Einstein

#Einstein


"Imali garuu namatti hin himin, dhugumaan jaaladhu garuu cal jedhi. gammadii jiraadhu, garuu eenyuttuu hin himin, nama kamittuu waa hin jedhin cal jedhi...Namoonni wanta bareedaa si jalaa balleessu."


#KITAABA MIRATUU SHAANQOO GIDDII(Gar.Piroofeeseraa)
#Kitaabni Kun #Geggeessitoota #10fDawwaa dha.
=============================
1.Geggeessitoota dubbii malee hojii hin dandeenyeef.
2.Geggeessitoota Afaan isaanii soba malee dhugaa hin dubbanneef.
3.Geggeessitoota suufii malee safuu hin qabneef.
4.Geggeessitoota cooma malee cimina hin qabneef.
5.Geggeessitoota dhaquu malee galuu hin beekneef.
6.Geggeessitoota mul’achuu malee mul’ata hin qabneef.
7.Geggeessitoota nyaachuu malee yaaduu hin dandeenyef.
8.Geggeesitoota maree malee mala hin beekneef.
9.Geggeessitoota fakkeessuu malee fakkeenya hin taaneef.
10.Geggeesitoota qabeenya Biyyaa Saamuu malee Qabeenya Sammuu hin qabneef.
#Walumaagalatti Geggeessitoota dhibee kanaa fi kana fakkaatuun dhibamanii Ummataa hiyyomsanif #Dawaa fi #yaadannoo haa ta'uu jedheen barreesse jedhan (Gar.piroofeesaraa #Miratuu shaanqon̈o)

👇👇👇👇👇👇
@Kaayyoodhugaa1
@Kaayyoodhugaa1


✧Waa Sadii Ifa Waa Sadii immoo dukkana
➪ Guyyaan ifa halkaan dukkana.
➪ Barumsi ifa wallalli dukkana.
➪ Bilisummaan ifa gabrummaan dukkana.

✤ Waa Sadii Qabaadhu!
➪ Amantummaa
➪ Dhugaa
➪ Qulqullumaa

✤ Addunyaan Waa Sadii Qabdii!
➪ Dhalachuu
➪ Barachuu
➪ Du'uu

✤ Waa Sadii Dabaladhu!
➪ Beekumsa
➪ Eebba manguddoo
➪ Jaalala

✤ Yaa Lubbuu Waa Sadiif Ta'ii!
➪ Dandeenyaan biyyaaf ta'ii
➪ Dadhabnaan lammiif ta'ii
➪ Dadhabnaan ofiif ta'ii

✤ Waa Sadii Hin Dagatiin!
➪ Kaayyoo kee
➪ Afaan kee
➪ Aadaa kee

✤ Waa Sadii Jaaladhu!
➪ Eebba
➪ Jaalala
➪ Gootummaa

✤ Ilmi Waa Sadii dha!
➪ Kan ofiif jiraatu
➪ Kan biyyaaf jiraatu
➪ Kan biyyaan jiraatudha.

✤ Jaarsummaan Waa Sadii!
➪ Obsuu
➪ Gorsuu
➪ Dhoksuudha.

✤ Waa Sadii Kabaji!
➪ Amantii kee
➪ Manguddoo
➪ Beellama.

✤ Waa Sadii Cimsi!
➪ Hiriyyummaa
➪ Jaalala
➪ Waadaa seente.

✤ Waa Sadii Hawwuun gaariidha!
➪ Fayyaa
➪ Gammachuu
➪ Hiriyaa gaarii

✤ Waa Sadii Namaa Xiqqeessa!
➪ Sobuu
➪ Hatuu
➪ Machaa'uu.

✤ Waa Sadii Itti fayyadamii!
➪ Yeroo
➪ Beekumsa
➪ Qarshii

Keessummaan Waa Sadii feeti!
➪ Foon lafee hin qabne ( Arraba gaarii)
➪ Itilee rifeensa hin qabne ( Fuula gaarii)
➪ Lafee foon hin qabne ( Ilkaan gaarii).

✤ Waa Sadii Jala Deemi!
➪ Hayyuu
➪ Dhugaa
➪ Barsiisaa.
🙏🙏 Horaa bulaa!

@Kaayyoodhugaa1


Namoota Gadi si Qaban irraa Fagaadhu.


Lola Yoomiyyuu Furmaata hin arganne irraa Fagaadhu.

Namoota Yoomiyyuu Gatii kee hin argine Gammachiisuuf Yaaluu irraa Fagaadhu.

Wantoota Lubbuu Kee
Summeessan Ykn Miidhan irraa Hammuma Fagaachaa deemtu Fayyaa taata.✍

Click JOIN
Click JOIN


Bakka jirtutti gatii akka qabdu sitti dhaga'amuu yoo baate akkasumas namni naannoo kee jiru hundi gatii kee xiqqeessu yoo ta'e, naannoo sana hin turin, adeemi! Jijjiiramuuf hamilee qabaadhu. Bakkeewwan gatiin siif malu itti siif kennamu dhaqi. Gatii kee beeki, of dinqisiifadhu! Gatii xiqqaadhaan of hin sharafin!


Sadarkaa jireenyaa kamiyyuu irratti waan tokko hojjechuu qabda: of irratti invast guddaa godhi. Gara laafina tokko malee of dhugoomsi. Sababni isaas, jireenyi waan hundumaa sirraa fudhachuu danda’a, jechuunis hojii kee, namoota jaallattu, bilisummaa kee illee si jalaa fudhachuu danda’a. Garuu wanti yeroo hunda qabaattu tokko eenyu akka nama of ijaartee dha.

GORSA JIREENYAA✅️


Iccitii kee mataa kee qofaaf qabadhu! Firri kee fira bira qaba waan ta'eef!


Qabxiilee 10  Amaloota Namoota Bu'aa qabeesummaa milkaa'inaa olaanaa qabani 7

1. Dursanii socho'uu: Namoonni si'aawoo ta’an jireenyaa fi filannoo ofii isaaniitiif itti gaafatamummaa fudhatu. Rakkoo isaaniif nama biraa ykn haala hin komatan.Waanta toʼachuu fi dhiibbaa gochuu dandaʼan irratti xiyyeeffatu.

2. Xumura yaada keessa galchuun jalqabu: Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban jireenya keessatti maal galmaan gahuu akka barbaadan mul’ata ifa ta’e qabu. Duudhaa fi galma isaanii ni beeku, waan uumuu barbaadan irratti hundaa’uun murtoo ni kennu.

3. Wantoota dursa kennamuun qabuuf dursa kennu: Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban barbaachisummaa fi ariitii ijoo qabxiileef hoji-manee isaanii irratti hundaa’uun hojii fi sochii dursa barbaaduuf dursa kennu. Wantoota yaada isaanii hiran irraa fagaachuun  kanneen baayʼee isaaniif barbaachisan irratti xiyyeeffatu.

4. Injifannoo waloo yaadu: Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban namni hundi haalota keessatti mo’achuu akka danda’an amanu. Furmaata waloo kan fedhii qaamolee dhimmi ilaallatuu hundaa guutu barbaadu.

5. Dura namoota hubatu, achiis namootaan hubatamuu barbaadu: Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban dhaggeeffattoota gaariidha. Ilaalcha ofii osoo hin qoodin dura, yeroo fudhatanii ilaalcha namoota biroo hubatu. Kunis hariiroo cimaa akka ijaaranii fi bu’a qabeessa ta’an taasisaan.

6. Walitti hidhamiinsa waloo uumu: Wal-ta’iinsi seera bu’uuraa waloo waliigalatti kan qeenxee irra bu'a qabeessa. Namoonni bu’a qabeessa ta’an, wal-ta’iinsaa fi hojii gareetiif iddoo guddaa kennu. Ofii isaaniitiin kan danda’an caalaa namoota biroo waliin hojjechuun waan baay’ee galmaan ga'uu akka danda’an ni beeku.

7. Qottoo ni qaratu: Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban guddinaa fi milkii dhuunfaa mataa isaanii irratti 'invastii' godhu. Yeroo fudhatanii waan haaraa baratu, dandeettii isaanii fooyyessuu fi fayyaa qaamaaf sammuu isaanii ni kunuunsu.

8. Qajeelfama irratti kan xiyyeeffate ta’u: Murtoo fi gochaan isaanii seera bu’uuraa yeroof haalaan hin jijjiiramne kan akka amanamummaa, amala namoomaa gaarii, haqummaa fi kabaja irratti hundaa’a. Kunis namoota biroo wajjin wal-amantaa fi amanamummaa akka qabaatan kan isaan gargaaru siʼa taʼu, murtoo sirrii taʼe murteessuufis buʼuura cimaa akka qabaatan godha.

9. Madaalawaa ta'uu: Barbaachisummaa madaallii-jireenya isaanii keessatti ni hubatu. Hojii isaanii, hariiroo isaaniif, fayyummaaf fi fedhii dhuunfaa isaaniif yeroo ni kennu. Kunis akka hin dadhabiif mudhuka humnaan oliif hin-saaxilmne fi jireenya gammachiisaa akka jiraatan isaan gargaara.

10. Barattoota walitti fufiinsa qaban ta'u. Namoonni bu’a qabeessummaa olaanaa qaban yeroo hunda barachaa guddachaa jira. Addunyaa naannoo isaanii jiru beekuuf fedhii guddaa waan qabaniif beekumsaa fi dandeettii isaanii babal’isuuf fedhii guddaa qabu. Kunis qaxxaamura dursanii akka jiraataniifi addunyaa saffisaan jijjiiramaa jiru keessatti akka milkaa’aniif isaan gargaara.


Yaa sare cidhi akkam jennaan"?
"Isa quufe ni kadhatu isa beela'e ammoo ni dhowwatu jette.🥹


→"Yaadni moofaan, bara addunyaan
qilleensarra oofamaa jirtutti dhaloota
lafarra oofa"

G/Pirofeesaraa Miratuu Shaanqo.👤


Keessa keetii nagaa qabaannaan raafamni bakkee jiru kamuu sin jeequ

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.