Kaayyoo Waaqayyootiif Dursa Kenni
16, 17. Macaafni Qulqulluun Fakkeenya namoota dandeettii qabanii akkamii qabateera? Isaanoo maaliin yaadatamu?
16 Macaafni Qulqulluun fakkeenyawwan namoota haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun jiraataniifi hin jiraannee qabateera. Barumsi fakkeenyawwan kanarraa argamu namoota umrii, aadaafi haalawwan hunda keessa jiranirratti kan hojjetudha. (Roomaa 15:4; 1 Qorontos 10:6, 11) Naamrud magaalaawwan gurguddaa ijaaruyyuu, kana kan godhe Yihowaa mormuudhaan ture. (Uumama 10:8, 9) Karaa garabiraammoo, namoonni fakkeenya gaarii nuu ta’an baay’een jiru. Fakkeenyaaf, Museen Gibxii keessatti nama aangoo qabuufi beekamaa ta’uu kaayyoo jireenyasaa hin godhanne. Kanaa mannaa, itti gaafatamummaa Waaqayyo isaaf kenne, “sooruma Gibxii hundumaa irra, . . . badhaadhummaa isa caalutti lakkaa’ate.” (Ibroota 11:26) Luqaas inni ogeessa fayyaa ture, Phaawulosiifi namoota dhukkubsatan gargaaree ta’uu danda’a. Haata’u malee, Luqaas wangeela lallabuufi Macaafa Qulqulluu barreessuudhaan namootaaf wanta gaarii hundarra caalu raawwachuusaatiin beekama. Phaawulosis kan beekamu ‘warra saba Waaqayyoo hin ta’iniif ergamaafi’ misiyoona ta’ee tajaajiluusaatti malee hayyuu Seeraa ta’uusaatiin miti.—Roomaa 11:13.
17 Daawitis kan yaadatamu, akka ajajaa waraanaatti, akka faarfataatti ykn faarfannaa qindeessuutti utuu hin ta’in, “nama akka garaa [Waaqayyoo]” ta’ettidha. (1 Saamu’el 13:14) Daani’eliinis kan beeknu akka nama bulchiinsa Baabilon keessatti hojjetutti utuu hin ta’in, raajii Yihowaa isa amanamaa ta’ee tajaajiluuttidha; Asteeris kan yaadatamtu ija jabinaafi amantaasheetiin fakkeenya ta’uusheetiin malee mootii Faares ta’uusheetiin miti; Phexros, Indiriyaas, Yaaqoobiifi Yohannisis kan beekaman namoota qurxummii akka gaariitti qabuu danda’an ta’uusaaniitiin utuu hin ta’in, akka ergamoota Yesus ta’anittidha. Yesus isa hunda caalaa fakkeenya ta’us kan yaadannu ‘muka soofuutti’ ta’uusaatiin utuu hin ta’in ‘Masiihii’ ta’uusaatiinidha. (Maarqos 6:3; Maatewos 16:16) Namoonni kun hundinuu ogummaa, qabeenya ykn aangoo qabaniin, jireenya jiraataniin, hojiisaaniitiin utuu hin ta’in, tajaajila Waaqayyoorratti xiyyeeffachuu akka qaban sirriitti hubataniiru. Kaayyoo guddaan hunda caaluufi nama kiisu, nama waaqayyoon sodaatan ta’anii jiraachuu akka ta’e beeku turan.
18. Dargaggeessi Kiristiyaana ta’e tokko jireenyasaa akkamitti itti fayyadamuuf murteesse? Wanti inni hubate maalidha?
18 Saang Jiin inni jalqabarratti caqasame yeroo booda dhugaa kana hubateera. Akkas jedha: “Ogummaa yaalii fayyaa, aartii ykn barsiisaa ta’uurratti humnakoo balleessuu mannaa, jireenyakoo waadaa yeroon Waaqayyoof ofmurteesse galee wajjin haala walsimuun itti fayyadamuufan murteesse. Yeroo ammaatti bakka barsiistonni Macaafa Qulqulluu caalaatti barbaachisan dhaqeen namoonni karaa jireenya barabaraa akka argatan gargaaraan jira. Dandeettiikoo tajaajila yeroo guutuurratti guutummaatti itti fayyadamuu waanan danda’u natti hin fakkaatu ture. Namoota aadaa addaddaa qaban barsiisuudhaan deettiikoo guddisuufi amalakoo fooyyeessuuf carraaqqii gochuunkoo, yeroo kamiyyuu caalaatti akkan gammadu nagargaareera. Jireenya dhugaa jiraachuun kan danda’amu kaayyoo Yihowaa kaayyoo ofii godhachuudhaan qofa akka ta’e hubadheera.”
19. Jireenya kaayyoo dhugaa qabu argachuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Kiristiyaanota waan taaneef, beekumsa lubbu baraarsaa ta’eefi abdii fayyinaa beekuudhaan eebbifamneerra. (Yohannis 17:3) Kanaaf, “ayyaana Waaqayyoo akka waan waa’ee hin baafneetti akka hin fudhanne” ofeeggachuu qabna. (2 Qorontos 6:1) Kanaa mannaa, guyyootaafi waggoota jireenya keenyaa warra gatii guddaa qaban kana Yihowaa jajachuuf itti haafayyadamnu. Beekumsa yeroo ammaatti namootaaf gammachuu dhugaa argamsiisuufi gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraatti geessu haababal’isnu. Akkas yoo goone yaada Yesus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jedhe dubbate dhugaa ta’uusaa hubanna. (Hojii Ergamootaa 20:35) Akkasumas jireenyaa kaayyoo dhugaa qabu jiraanna."
@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio
@Tv_Lattuu
@Megertu_Dhugasaa
@Singer_Negertu_Official