Hiriirri jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo kana duraa sirrii miti. Kun uummata keenya gatii guddoo baasiseera. Irraa baranne moo irraa hin baranne kan jedhu isaanumaafin dhiisa. Garuu irraa baratamuuti qaba. Uummata koofin qabsaa'aa/qabsaa'een yoo yeroo qabsoo keenyaatti bu'aa barbaachisu hin buufne hiikkaa hin qabu. Daandii uummata ofiitiif bu'aa buusu faana dhahuufi xiinxaluutu barbaachisaadha. Polotikaa ofii haareffataa adeemuutu gaariidha. Polotikaa haareffachuu fi kaayyoo haareffachuun wal adda. Kaayyoo keessatti polotikaa haareffatta. Politikaan nii dandaa'a(ligidaa'a) politikaan dandaa'e gatii guddoo si baasisuuti mala. Polotikaan hiriira hin qabne akka maraataa kophaa odeessaa adeemuuti. Amma hiriirri polotikaa Oromoo haara'ee toora tokko hordofuuti qaba. Erga miidhamni sabichaa nutti argamee miidhamicha sabaa waldhaanuudhaaf hiriira tolfachuun waan nutti ulfaatu miti. Alaa gara keessatti, keessaa gara alaatti hiriiruutu dirqama. Hiriira tokkoon deemnee miidhama sabichaa waldhaanuutu beenyaa guddaadha. Akka kootaa Jaldeessaa harka maratanii taa'uu fi gaafuma wacni eegaltu kara karaa fiiguun hin taatu. Walitti dhufanii caaya tokko jalatti mari'achuun yaada furmaataa lafa kaa'achuutu faardiidha. Hiriira polotikaa tolfatanii hiriira sabaa tolchuun gara garbummaa ofirraa buusuutti geessuutu furmaata. Oromoon humna isa gitu nii qaba. Hayyuu isa gitus nii qaba. Kanaaf qindoomina humnoota polotikaatu isatti hir'ata. Kanaaf of haaromsee hiriira waan hundaa tolfachuuti qaba. Yoo wal taate nagaa taata, yoo wal taate biyya taata!