Herregni Biyyummaa Waraa-naa, dippilomaasii fi polotikaa dorgomaa ta'een argama. Dhaloonni kun maal akka dhabe hubachuutu isarra jiraata. Hanga waan dhabne hin beeknetti waan argachuuf gaafannu hin beeknu. Gaaffiin polotikaa waraa-na dhalcha. Gaaffii polotikaa karaa nagaa gaafatamee deebii dhabeef deebiin ajjee-chaa juumlaa fi hidhaa juumlaa ta'e. Gaaffiin polotikaa kaleessa gaafatamaa ture deebisuuf salphaa ture. Har'a gaaffiin sun sadarkaa isaa ol bultee jira. Humna biyyummaa walabummaa mirkaneessutu itti of ijaare. Humna gaafficha deebisee nagaa lammiilee tiksutu hiriire. Humni kun utuu nii dhaabna jedhaniyyuu matumaa waan dhaabbatu miti. Humna kana dhaabuuf biyyoota ollaa Keeniyaa hanga Sudaan daboo itti waammatan. Humnichi humna kaayyoof tarsimoon socho'u waan ta'eef kattaa jabaa caalaatti jaratti ulfaate. Amma humnichi gaaffii Walabummaa fi Birmadummaa qabatee imalatti jira. Imala isaas walakkaarra ol dabarseera. Kana booda shirris ta'e humni isa dhaabu akka hin jirre ofitti amaneen dubbadha. Jarri gaaffii polotikaaf qoodama aangoo qopheeffatti, sun immoo abjuu ta'ee hafa. Biyyaa gaafattee aangoo akka coocoo qooddattee hin galtu. Dhaloonni gaaffii isaa bareechee beeka!