Mata Dureen Maree Fakkeessii Araaraa ABO, KFO Kibxata Darbe Hoteela Ililliitti Wal Ga'ame Barame
Mareen lafa jala baatii tokkoof ABO, KFO fi PP gidduuti humna Oromoo bakka tokkotti jabeessinaan dubbatamaa ture bifa maqaa maree araaraa fakkaatuun Kibxata Guraandhala 18,2025 Hoteela Ilillii keessatti bakka qaamoleen affeeraman ABO, KFO fi qaamoleen hawaasaa argamanitti eegalama jedhamee eegamaa ture osoo hin jalqabiin dhimmoota adda addaan harkifachuun Kamisa har'aa eegalee jira.
Hirmaattotni koonfirensii fakkeessii maree Araaraa kana Wiixata Hoteela Kiingistanii fi Ilillii kan seenan ta'us waltajjiin osoo hin eegalle taa'aa turuun Roobii kaleessaa waaree dura qindeessitotni hirmaattotni akka wal baran kallattii kennuufiin waaree booda ammoo ajandaa maree Sanaa kennuufiin akka itti qophaa'anii dhaqaniif saaqinsa taasisan.
Waltajjiin Kamisa har'aa ajandaalee dursee qophaa'ee irratti akka mari'ataniif kennameen ifatti eegalameera. Mata dureen maree qabxiilee 6 of keessaa kan qabu yoo ta'u, dhimmootni Bilxiginnaan akka haaraa fi fala Oromoof ta'a jechuun gaaffii yeroo dheeraa fi hundu beeku, kan garuu Bilxiginnaas ta'e warri isa dura turan deebisuu hin feenee fi har'as goyomsaaf dhiyeessan kunis waa'ee nageenya buusuu fi tiksuuti.
Maddeen keenya irraa akka adda baafannetti ajandaa kana keessatti Waraanni Bilisumaa Oromoo maal akka ta'uu qabu ni mari'anna jedhu. Haa ta'u malee WBO yeroo adda addaatti Bilxiginnaan araaraan galan jedhuu fi maqaa abbootii gadaa fi koree teekinikaan armaan dura galchan har'a maal irraa akka jiranii fi Bilxiginnaa maree ABO-WBO waliin araara Taanzaaniyaa magaalaa Daare Selaam keessatti geggeeffamaa ture diige ba'e dhimma WBO waliin araara nagaa buusuuf fedhii akka hin qabne irra deddeebiin ragaan irratti dhiyaachuun komatama.
Qabxiin akka mari'ataniif ka'e tokko dhimma daangaa Oromiyaa, Finfinnee fi bakkoota biraa yoo ta'u, lafa Oromoo Kaaba Shaggar Dharraa fi naannoo sanaa finxaaleyyiin Amaaraan saamame, Horroo Guduruu Wallaggaa, Baha Wallaggaa keessatti uummatni finxaaleessaan dhumaa jiru akkasumas bara bulchiinsuma Bilxiginnaa aanaalee fi magaalota Oromiyaa godina addaa Amaaraatti akka eeyyamamuuf gaafachaa jiran keessatti dhimma ijoo fi maree hin barbaanne garuu seeraanis seenaan deebiin isaa ifa ta'e deebisee miidhamaa, abbaa dhimma fi qabeenyaa mariisisa.
Waa'ee tokkummaa fi ijaarsa Oromiyaa akkasumas sabaa fi sablamii Oromiyaa keessa jiranii, Gadaa fi Siiqqee, hariiroo Oromiyaa fi mootummaa federaalaa akkasumas Oromiyaan mootummaa federaalaa irraa maal barbaaddi kan jedhu yoo ta'u, sanas Bilxiginnaa gaaffilee ijoo warraaqsa Oromoo micciree hanga ammaatti dhimmi Finfinnee fi gaaffiin afaanii hin deebisne, akkasumas qondaaltotni Bilxiginnaa Abiy Ahimed dabalatee Oromoo gandaan qooduu fi seenaa sabichaa oduu duriiti jechuun xiqqeessuun kan warra Oromoo miidhanii akka kan isaatti sabichi akka fudhatu gochuu irratti hojjechaa turan irraa tokkummaa fi ijaarsa Oromiyaa eeguun hojii Abiy Ahimed waggoottan 6 fi baatii 11 keessatti hojjete dagachuu dha.
Maree kana irraa qooda kan fudhachaa jiran paartiilee lamaan keessaa namoota 22 yoo ta'u, qaamolee hawaasaa irraa namoota shan shani. Qaamoleen hawaasaa kunis:
Jila Waaqeffataa
Jila Abbootii Qaalluu
Jila Haadha Siiqqee
Jiila Abbootii Gadaa
Jila Yaa'ii Finfinnee
Jila Waayillan Marii ta'uun barameera.
Akka maddeen keenya Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Biiroo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti dhiyoo ta'an irraa argannetti baasiin maree kanaa murna Bilxiginnaan kan uwwifame yoo ta'u, eegumsa isaas waraana raayyaa ittisa Bilxiginnaa fi tika federaalaatiin ta'uun barameera.
Maddi: ✍ Arraata Biyyoolessa Oromiyaa