MIJUU KOO


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Telegram


🌹🌹YOO NAMA TAATE FEDHII KEETIIF OSOO HIN TAANE KAAYYOO KEETIIF DURSA KENNI.🌹🌹
✍️asirraa kanneen argattu
👉Jechoota hayyootaa
👉Gorsa mimmiidhagoo
👉Seenaafi K.K.F.Argattu.

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri






😱😱😱Oduu gammachiisaa

SAFARICOM Mamiltoota isaaf Badhasa Gudda Qabatee dhufee Jira

Group isanitti nama Add Gochuun Qofaan Badhaasa Qarshii Akkasumas Silkii injifachuu Dandessuu

👇👇👇👇
@SafaricomMpeysa
@SafaricomMpeysa


CRYPTO DOLLARS 💰 dan repost
Forget 🪙 NOTCOIN, 😺 Catizen, 🐹 Hamster combat

Telegram's Best Earning App is here.

❌ No need to Wait for Airdrop, 

Just Refer Your Friends and Earn instant Money upto 100 USDT Daily via KatonMini App.

✅ Join with My referral Link here and Start Referring.
Link - 
https://t.me/katongame_bot/Katon/?startapp=ri_GDH77


Namoonni old group kan bara 2019,2020,2021,2022 qabdan gatii bareedan isin irraa waan binnuuf karaa keessaa nu barreessun nutti gurguradhaa,kan bitaa jirrus yeroo gabaaba qofaafi dafaa gurguradhaa @Daani28


🏆 dan repost
💥🇰‌🇦‌🇳‌🇦‌ 🇩‌🇭‌🇦‌🇬‌🇪‌🇪‌🇸‌🇸‌🇦‌🇳‌🇮‌🇮‌❓

𝗖𝗵𝗮𝗮𝗻𝗮𝗮𝗹𝗼𝘁𝗮 𝗧𝗲𝗹𝗲𝗴𝗿𝗮𝗺 𝗮𝗳𝗮𝗮𝗻 𝗼𝗿𝗼𝗺𝗼𝗼𝗻 𝗯𝗮𝗿𝗻𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗯𝗮𝗮𝘆𝘆𝗲𝗲 𝗱𝗮𝗯𝗮𝗿𝘀𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗻  𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 𝗷𝗶𝗿𝘁𝗮𝗮?

𝗘𝗲𝘆𝘆𝗲𝗲 𝗻𝗶𝗻 𝗷𝗶𝗿𝗮 𝘆𝗼𝗼 𝗷𝗲𝘁𝘁𝗲 𝗸𝗮𝗺𝗶𝗶𝗻 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 𝗷𝗶𝗿𝘁𝗮? 𝗖𝗵𝗮𝗮𝗻𝗮𝗮𝗹𝗼𝘁𝗮 𝗺𝗶𝗶𝗱𝗵𝗮𝗴𝗼𝗼 𝗱𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗱𝗮𝗯𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗶𝘀𝗶𝗻𝗶𝗶𝗳 𝗳𝗶𝗱𝗲𝗲𝗻 𝗷𝗶𝗿𝗮.
𝗛𝘂𝗻𝗱𝘂𝗺𝗮 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝔸𝕗𝕒𝕒𝕟 𝕠𝕣𝕠𝕞𝕠𝕠 𝗸𝗮𝗻 𝗷𝗲𝗱𝗵𝘂 𝗳𝗶𝗹𝗮𝗱𝗵𝘂𝘂 𝗵𝗼𝗿𝗱𝗼𝗳𝗶.


Lootoriin keenya qarshii meeqaan haa jalqabu?
So‘rovnoma
  •   100
  •   50
  •   200
4 ta ovoz


"Intalli koo Hiyyeessatti hin heerumtu"

Dureessi Addunyaa kanaa Bill Gates Intalli Isaa Maaliif nama Hiyyeessatti heerumuu Akka Hin Dandeenye Ibse. Waggoota muraasa dura Ameerikaatti konfiraansii invastimantii fi faayinaansii irratti gaazexeessan tokko gaaffii fi deebii irratti gaaffii nama hunda kolfisiise tokkon isa gaafate.

Gaazexeessaan akkas jedhee gaafate, " Isin sooressa Addunyaa kanaadha, otuu intala keessan dhiirri hiyyeessi ykn qabeenya hin qabne fuudhuuf barbaadee ni eyyaamtuu?" Kan jedhu ture.

Bill Gates akkas jedhe, "Tokkoffaa, qabeenya jechuun herreega baankii hojiin itti baay’atu qabaachuu jechuu akka hin taane hubadhu. Qabeenyi hunda caalaa dandeettii qabeenya uumuudha. Fakkeenyaaf: namni lootarii mo'ate ykn qumaara taphatu, Yoo miliyoona 100 mo'atellee dureessa miti. Hiyyeessa maallaqa guddaa qabuudha, kanaaf miliyeenaroota lootarii waggaa 5 booda %90 deebi'anii hiyyeeyyii ta'u. Dureeyyii maallaqa hin qabnes jiru. Fakkeenyaaf hojii uumtonni (entrepreneurs) dura qarshii dhabanillee, sammuu maallaqaa fi qabeenya sana guddifachaa waan jiraniif gara qabeenyaatti karaa irra jiru.

Gaazexeessaa: "Dureeyyii fi hiyyeessi akkamitti adda adda bahu?"

Bill Gates itti fufee..." Gabaabumatti, Sooressi duroomuuf du'uu danda'a, Hiyyeessi immoo duroomuuf ajjeesuu danda'a. Dargaggeessa leenji'uuf murteesse, waan haaraa baratu, yeroo hunda fooyya'iinsaf yaalu yoo argite, sooressa ta'uu isaa beekuu qabda. Dargaggeessa rakkoon mootummaa keessa jira jedhee yaadee sooressa akka hattuutti yeroo hunda qeequ yoo argite hiyyeessa ta'uu isaa beekuu qabda. Dureeyyiin guddachuuf odeeffannoo fi leenjii qofa akka isaan barbaachisu ni amanu, hiyyeessi namni kaan maallaqa akka isaaniif kennuu qabu yaadu.

Xumura irratti intallikoo nama hiyyeessatti hin heerumtu yeroon jedhu, waa'ee maallaqaa miti. Dandeettii namicha kanaa qabeenya uumuu dubbachaan jira. Dubbiikoof dhiifama, yakkamtoonni baay'een namoota hiyyeeyyiidha. Gaafa qarshii argatan ni maraatu kanaaf hatuu ammas dabalanii hatu. Isaan akkamitti ofuma isaaniitiin maallaqa argachuu akka danda'an waan hin beekneef nama kofalchiisu.

Gaaf tokko eegduun baankii tokko boorsaa maallaqaa tokko argate, boorsaa sana fudhatee hogganaa baankii sanaaf dabarsee kennuuf deeme. Namoonni nama gaarii kana gowwaa jedhanii waamu, dhugaa dubbachuuf garuu namni gaariin kun dureessa maallaqa hin qabne qofa ture.

Waggaa tokko booda baankichi hojii gaggeessaa godhee isa muude, waggaa 3 booda itti gaafatamaa maamiltootaa ta'ee, waggaa 10 booda waajjira naannoo baankii bulchuu ta'e, hojjettoota dhibbaan lakkaa'aman bulchuu fi kaffaltiin waggaatti inni argatu hanga inni hatuu danda'u ol ta'e"

Qabeenyi hunda caalaa haala sammuuti yaa fira koo!

👉 GALATOOMA👈

Share➬ @mijuu_koo
Share➬ @mijuu_koo


Eebbi kitaaba xiinxalaa siyaasaa obbo Jawaar Muhammad guyyaa harraa taasifamuuf ture dheerateera!

Obbo Jawaar Muhammad Eebba kitaaba isaanii akkaan eegamaa jiru HIN GAABBU, ka jedhu Keeniyaa, Naayiroobiitti guyyaa harraa eebbifamuuf ka ture  sababa namooti hedduun hirmaachuuf gaafataniifi yaaddoo nageenyaafi seeftiif jecha guyyaan achi dheerachuu fuula Feesbuukii isaanii irratti eeraniiru.

Guyyaa eebbaas haalli akka mijateen deebisanii ka ibsan ta’uu himaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @mijuu_koo 📡


HACEE TUBE dan repost
Namoonni bakka teessan teessanii lottery kutuu barbaaddan kottaa abbaa carraa tahaa @daboo_lottery isiniif hundeeffamee


Namoonni lottery ayyaanaa qilleef jedhu irratti hirmaachuu barbaaddan qofti ammuma deemaa irratti hirmaadhaa carraa gaarii!!! @daboo_lottery


CHALLANGE qopheessuuf akkan jedhu isinitti himeen ture akka hirmaattanis isin gaafadheen ture namoonni baayyees hin hirmaanna jedhaniiru.
Kanaaf yaada keessanirratti hundaahuun challange bareedaadha jennee yaadne kan ayyaanaaf ta'u qopheessineerra. CHALLANGE'n Keenyas lottery dha. Innis carraa lakkoofsa 100 qaba qarshii meeqaan akka kuttan immoo isintu murteessa nutimmoo isarratti hundaahuun carraa 3 baasna. Mee qarshii meeqaan wayya?


Bara keessa fiigee
Bara meeqa dhiigee

Osoo marruu nu diiguu
Osoo barruun nu dhiiguu

Galaa dhaloota boriif walirra
Bubbuusee
Barruu dhiigeen dilbii gaariin
Ol kuusee....!

Dilbata narraa hin hafinaa🙏🥰


✅Dura Ofiif ta'i

➡️Namni ofiif hin taane eenyuufiyyuu hin ta'u. Kanaafidha namoonni bakka nuti ofiif kenninu ilaaluun kan nu  tuffatan ykn nu kabajan. Innuu of hin kabajnee akkamittan kabaja jedhanii yaadu.

➡️Obboleessa Kee qixusuu gorsuu dursa gorsa sana ati hojiitti hiikuu Kee mirkaneeffadhu. Yoo of hin jijjiirre nama kamuu jijjiiruu hin dandeenyu. Jechoota Kuma caala waan qabatamaa tokkotu sammuu namaa keessatti hafa. Ofiif gaafa taate namootaaf geessa.

@daandii_milkii1
@mijuu_koo


Hubannaa fi ogummaan yoomiyyuu gorsituu kee bara baraan si biraa hin hafnedha.

share➬ @mijuu_koo


☞Baay'ee garaa hin laafiin, baay'ees garaa hin jabaatiin, yoo gar-malee gara -laafeessa taatee gowwaa fakkaattaa, yoo gar malee gara jabeessa taate immoo hamaa fakkaatta, wanti baay'atee hin tolu waan ta'eef.

☞Yoo sammuun kee baay'ee cinqamu waan jaalattu raawwadhu. Fakkenyaaf kan kitaaba dubbisuu jaalattu yoo ta'e waayee dhimma sicinqisiise sana waliin walqabatu dubbisi akka deebii itti argattuuf!

☞Nama yeroo hunda quba sitti qabu duuba isaa dhaabbadhu, yoo quba sitti qabuuf of duuba garagagalu si qofa miti ofis akka arguuf, nama waan ofii hin beeknetu quba namatti qabaati!

☞Waan keessikee yaadu dubbadhuu
baafadhu, tarii furmaata argachuu malaati,
dhibee himatan dawaas argatu

Gorsaa Namummaa!

@Mijuu_koo
@mijuu_koo


Dafaaka dorgommichi guyyaa tokko booda eegalaa


Akkam jirtu maatiiwwan mijuu koo hundi keessan? Ayyaana dhufaa jiru kanattimmoo Dorgommii tokko isiniif qopheessuun barbaada mee yaada keessaan naaf barreessaa, dorgomuudhaan badhaafamaa ta'uu dandeessu, yaada keessaan barreessaa nama dorgommii kana itti hirmaachuu danda'u,nan hirmaadha jechuun group mijuu koo chat jalatti naaf barreessaa.


Saree guyyaa sadii yoo nyaata nyaachiste, waggaa sadii oliif si yaadata nama waggaa sadii oliif yoo nyaata nyaachiste guyyaa sadii osoo hin guutin SI dagata.

Share➬ @mijuu_koo
Share➬ @mijuu_koo


kana fudhaa mee!

> Nama cimaa ta'i jechuun hin kufin jechuu miti. Kuftee ka'uu bari jechuudha malee.

> Callisi jechuun hin dubbatin jechuu miti. Dhageeffachuuf gurra laadhu jechuudha malee.

> Hin lolin jechuun miira hin qabaatin jechuu miti. Aarii irraa dafii deebi'i jechuudha malee.

> Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti. Dubbii garaatti baachun miidhaa sirraan ga'a jechuudha malee.

> Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaaridha jechuu miti. Jibba caala jaalalatu moo'ata jechuudha malee.

> Gammadaa ta'i jechuun hundumaa qabaachuu qabda jechuu miti. Waan qabdutti gammadi jechuudha malee.

Share➬ @mijuu_koo
Share➬ @mijuu_koo

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.