SALAALE
Dhiiga dhangala’aa jiruu fi gaaffii uummataaf mootummaan deebii sirrii fi furmaata kennuu dhiisanii haaluu fi bubbuleera jechuun fala hin ta’u!
Uummata salaalee qofa osoo hin taane uummanni Oromoo kallattii hundaan kan ajjeefam, kan qalame, qabeenya isaa kan saamame gaafa mootummaan hidhannoo irraa hiiku,
gaafa shimala illee irraa guuranii guban, gaafa dargaggeessa kuun hidhanii kuun ajjeesanii isa hafe daa’imman umriin hin geenye dabalatee waraanatti guuran ture.
Sana booda qaawwa argame maraan Faannoo fi qaamni hidhate kamuu maanguddoo fi daa’immanitti roorrisa, beeylada isaanii irratti dhukaasa harka hiikkatu, darbee albeedhan akka hoolaatti ciibsanii morma kutan!
Salaale ji’oota muraasa dura bahee araara fi nagaa kadhate.
Kan qindeesse hooggansa mootummaati, garuu guyyaa lammaffaa irraa eegalee ji’ootaf tajaajila network guutumaa guututti irraa kutan.
Ji’oota kana gidduutti uummanni kuni gidiraa hedduu keessummeessaa ture.
Aanaa Dharraattis yeruma kanatti kan ilma Oromoo irra ejjetanii gara jabinaan qalan.
Qaamni hidhate iddoo nageenyi isaanii hin yaaddessine magaalaa jiraatu. uummanni hidhannoo malee gadheen itti roorristi.
Uummanni kallattii garaa garaan sagalee dhageessisaa jira.
garuu guyyaa tokkoof lama gadi bahanii Faannoo balaaleffatanii galuu qofaan furmaanni hin argamu. Itti gaafatamummaa irra caalaa kan fudhatu mootummaadha.
Hubadhaa Uummata Walloo fi Karrayyuu haga har’aa hidhannoo isaaniitu isaan hambise malee akka itti duulamuuf yoona hin jiran.
Har’arra boru wayyinnaa malee nuti garba eenyutuu miti.
Akkuma kaleessaa daandii dhugaa irratti morma koo dabarsee nan laadha!
✍itika teferi