#Harcaatii_Barattootaafi_Wayitii_Barnootaa_Hambisuuf Dhukkuba Busaa Ofirraa Ittisuu Qabna Jedhame..
----------------
BBO-Bitootessa 04/2017 - Rooba tibba Arfaasaan walqabatee roobuu ka'umsa godhachuun Weerarri Dhukkuba Busaa Godinaalee Oromiyaa hedduutti uumamuu waan danda'uuf Bookee Busaa qe'ee keenyarraa ittisuun weerara irraa maatiifi hawaasa keenya baraaruun akka danda'amu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Dhukkubni busaa, bookee busaatiin kan daddarbu waan ta'eef bookeen busaa qe'ee keenyatti akka wal hinhorre mandhee(bakka walhormaata) ishee dhabamsiisuu, qulqullina qe'ee keenyaa eeguufi saaphana siree keemikaala cuuphame haala sirrii ta'een fayyadamuun dhukkubicha ittisuun akka danda'amu ogeessotni fayyaa ibsaniiru.
Dhukkubni busaa diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa biyya keenyaa miidhuurra darbee xiinsammuu dhalootaa miidhuu kan danda'u, miiraafi hamilee lammiilee kan laamshessu waan ta'eef gamanumaa of eeggannoo gochuun qooda fudhattoota hundarraa kan eegamuudha kan jedhan Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daarektara Daarektoreetii Barnoota fayyaafi kominikeeshinii Sister Sa'aadaa Ahimad marii qooda fudhattoota waliin Magaalaa Adaamaatti gaggeeffame irratti ibsaniiru.
Keessattu, daa'imman (#barattootni) #Manneen_Barnootaa_keessatti_argaman_miliyoona_12 ol ta'aniifi #barsiisotni_kuma_300 ta'an fayyaan isaanii eegamu malee qulqullinni barnootaa waan hin yaadamne ta'uusaa hubachuun weerara dhukkuba Busaa kana hambisuu/xiqqeessuu keessatti gaheen Manneen Barnootaa olaanaadha kan jedhan immoo, I/A higg. Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Kibabawu yoo ta'an, Manneen Barnootaa, Gumiiwwan adda addaa hirmaachisuun, Gumii miinii miidiyaa(Mini Media)tti fayyadamuun barsiisotniifi barattootni hawaasa keessa jiraataniif hubannoo kennuun ummata keenya dhukkuba busaa irraa baraaruu ni dandeessu jedhaniiru.
Dhukkubni busaa kan daddarbu bookee busaa (Anopheles Mosquito) jedhamtuun, dhiiga nama dhukkubni busaa keessa jiru dhidduun, dabartee immoo, nama fayyaa qabu(dhukkubni busaa dhiiga keessa hinjirre) yoo dhiddite dhukkubicha dabarsiti.
Kanaafuu, dhibee busaa hambisuuf Bookee Busaa qe'ee keenyarraa balleessuu qabna.
#Weerara_dhukkuba_busaa_Rooba_tibba_Arfaasaa_Roobu kanaan walqabate uumamuun naannoo keenya keessatti #namootni_miliyoona_39.5 ol ta'u saaxilamaa waan ta'eef gamanumaa weeraricha ittisuu irratti xiyyeeffannoon hojjatamaa akka jiruufi qophiin cimaan akka taasifame BFO himeera.
Bookeen busaa kan wal horuu dandeessu;
#bakka_bishaan kuufamee ciisu,
#dallaa_mana jireenyaa keessa meeshaalee caccaboo bishaan kuufatu,
#gommaa_konkolaataa tajaajilaa ala ta'anii dallaa jalatti gataman,
#qabeefi_pilaastikiiwwan caccaboo,
#meeshaalee_caccaboo supheerraa hojjataman,
#lafa_huuraa jiidhinsa qabuufi iddoowwan xuraawaa ta'an keessatti waan walhoraniifi barattootnifi barsiisotni keenyaa mooraa mana barnootaa keessan irraa jalqabdanii hanga qe'ee keessaniitti mandhee bookeen busaa itti walhoruu dandeessu sakattaa'un Roobni tibba Arfaasaa kun otuu hin calqabin tarkaanfii akka fudhattan dhaamsa Biiroo Barnootaa Oromiyaa barattootaafi barattoota keenyaaf dabarse ta'a.
Weerarri dhukkuba busaa barsiisotaaf barattootaa keenya miidhuun #harcaatii_wayitii_barnootaafi_harcaatii_barattootaa_fiduun_dura_hoggansi_barnootaa sadarkaan jiruufi #Gumiin_Tiraansifoormeeshinii_Barnootaa (GTB) sadarkaan jiru xiyyeeffannoo kennuun hojjachuun barbaachisaadha.
Harcaatiin wayitii barnootaafi barattootaa qulqullina barnootaa irratti dhiibbaa fiduun akkuma jirutti ta'ee lubbuu hawaasa barnootaafi hawaasa keenyaa baraaruu qabna.
#Walumaa_galatti, Weerara Dhibee Busaa hambisuuf/xiqqeessuuf ;
-qe'eefi mooraa keessa jiraannu qulqulleessuun bookee busaa irraa bilisa taasisuu,
-Saaphana siree keemikaala cuuphametti qixa sirrii ta'een fayyadamuu,
- Namni dhibee kanaan qabame hatattamaan gara mana yaalaa dhihoo jirutti deemuun barbaachisaadha.
Kanaafuu, dhukkuba busaa ittisuun dhaloota fayyaafi gahumsa qabu horachuuf gahee keenya haa baanu.
#Fayyaa_Barsiisotaafi_Barattoota_Keenyaa Eeguun #Harcaatii_Wayitii_Barnootaafi_Barattootaa_Haa_Hambisnu
!